Qeerroon Ambootti hiriira bahan owwaalchi Hacaaluu Hundeessaa Finfinnee akka raawwatu gaafatan

Madda suuraa, Fatuma Bedaso/Twitter
Qeerroowwanii fi jiraattonni magaalaa Amboo dhibbaan lakkaa'aman Kibxata Ganama waajjira qajeelcha poolisii Godina Shawaa Lixaa fuulduratti wal gahuun reeffi weellisaa Hacaaluu Hundeessaa Finfinneetti akka awwaalamu gaafatan.
Jiraattonni magaalatti BBC'n dubbise akka himanitti dabalataan Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni hidhaman akka hiikamanis gaafataniiru.
Ajaajaan qajeelcha poolisii Godinichaa kan maqaan isaanii hin dhahamne deebii 'deemaa awwaalladhaa, nutis hojii keenya hojjenna' jechuun deebii kennuu odeeffanneerra.
Haa ta'u malee, dubbiin isaanii kuni Finfinnee owwaallachuu akka danda'an kan deeggaru ta'un isaa hin beekamne.
Qeerroon karaa irratti wal gahuun dhaadannoo dhageessisaa kan turan yoo ta'u, humnoonni nageenyaa hidhatan dhukaasa banuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Dhukaasa banameen namoonni hedduun rasaasaan miidhamanii gara hospitaalaa geeffamuus odeeffanneerra.
Mootummaan reeffi Haacaaluu Amboo kan geeffame gaaffii maatiitiin akka ta'e himeera.
Haa ta'u malee, rogeeyyiin kana qeeqan mootummaan reeffi Hacaaluu Finfinneetti akka awwaalamu hin barbaadu jechuun himu.
Sababa kanaafis guyyaa kaleessaa ariitiin magaalaa Finfinnee keessaa akka bahu taasifame jedhu.
Reeffa Hacaaluu fedhii maatii malee karaarraa deebisanii waajjira Paartii Badhaadhinaatti galchan jechuun poolisiin Jawaar Mohaammad dabalatee namoota 35 to'annoo jala oolchuu himeera.
Diddaa kana jidduutti uumameen miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko ajjeefameeras jedhe ibsa kaleessa poolisiin kenneen.
Koree qindeessituu sirna awwalchaa keessa kan jiran pireezidantiin Yuunivarsiitii Amboo Dr Taaddasaa Qana'aa sirni awwaalchaa Ambotti Kamisa akka raawwatu yaadamuu isaa BBC'tti himaniiru.
Kuni fedhii maatiin moo dhiibbaa mootummaatiin akka ta'e gaafatamanii quba akka hin qabne himan.
Dhimma kanarratti kallattiin maatii Haacaaluu argachuu hin dandeenye.
Ajjeechaa artistii gameessa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate balaaleffachuun kanneen guyyaa kaleessaa magaalota Oromiyaa keessatti mormii bahan keessaa yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamuu fi 100 ol madaa'uu BBC'n odeeffateera.
Mormiiwwan gara hookkaratti jijjiiramani waajjira mootummaa dabalatee qabeenyi gubatellee akka jiru gabaafameera.
Haa ta'u malee, lakkoofsi namoota mormiif bahanii lubbuu dhabani kana caaluu akka danda'u tilmaamama.
Guyyaa kaleessaa dubbii kan taasisan MM Abiy Ahimadis kana waan akeeku dubbatan.
Hacaaluu maaliif Finfinneetti akka awwaalamu gaafatame?
Weellisaa Hacaaluu Hundeessaan quuqqaa akkasumas gaaffii ummata Oromoo keessa jiru walaleessuun gurra horate.
Keessumaa karoora maastar pilaanii magaalaa Finfinnee 10ffaa mormuun walleen gadhiise momii hawaasaaf galtee ta'un tajaajileera.
Erga namoonni dhibba hedduutti lakkaa'aman lubbuu dhabanii booda mootummaan dhiifama gaafate karoora magaalaa Finfinnee bal'isuufi jedhame san osoo hin raawwatin hafe.
Kanneen owwaalcha Hacaaluu Finfinnee akka ta'u gaafatan Hacaaluun 'wiirtuu qabsoo Oromoo kan ta'e Finfinneef qabsaa'aa, Finfinneetti ajjeefame. Kanaafis, owwaalchi achumatti raawwachuu qaba,' jechuun ibsu.
Akka fakkenyaattis, weellistoonni akkasumas namoonni beekamoo Itoophiyaa Finfinneetti akka owwalaman kaasu.
Guyyaa kaleessaa, kibxata reeffi gara Amboo erga qajeelee Buraayyuu erga gahee booda gara Finfinnee deebifame.
Kanneen Finfinneetti deebisan kanneen fedhii maatii hin kabajanedha jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa boodarra reeffa helikoptaraan gara Amboo akka deebise BBC'n mirkaneeffateera.
Yeroo ammaa reeffi mana maatii Hacaaluu magaalaa Amboo jiru keessatti kan argamu yoo ta'u qeerroon owwaalchi Finfinneetti akka raawwatu gaafataa jiru.














