MM Abiy Ahmad: 'Taateewwan Waxabajjii sadiin imala keenya gufachiisuufi dhiiga dhangalaasuuf yaalameera'

MM Abiy Ahmad

Madda suuraa, EBC

Ministirri Muummee Abiy Ahmad galgala kana TV biyyaalessaarratti dhiyaachuun ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisuun gadda isaanitti dhaga'ame ibsachuun uummata biyyattiif ammoo ergaa dhaamaniiru.

Ministirri Muummichaa du'aatii Haacaaluu Hundeessaa taateewwan A L I Waxabajj 10, 2010 akkasumas Waxabajji 15, 2011 mudatee ture waliin walfakkeessuun, "Waxabajji sadan keessatti imala keenya gufachiisuudhaafi dhiiga dhangalaasuudhaaf yaaliiwwan taasifamaniiru," jedhan.

Waxabajjii isa miilanaa kanaan taateewwan Waxabajjii darban lamaaniin karaa adda ta'een nama kallattiidhaan dhimmi isaa hin ilaallanne akka ajjeefamu taasifamee naasuun guddaan, shakkiin guddaaniifi tokko isa kaan waliin walitti bu'insi akka uumamu yaaliin taasifameera jechuun ibsan.

"Ummanni Itoophiyaa kan hubachuun barbaachisu waraqaa eenyummaa keenya qabaachuu baatus, yuunifoormii uffachuu baatus qabsaa'aadha.

Qabsaa'aa ta'uu isaa ammoo ummanni Itoophiyaa ni hubata," jechuun dinqisiifataniiru.

Wareegamuu Haacaaluutiin tokkummaan Itoophiyaa, imalli waliigalaa Itoophiyaa daandiin cululuqaa kan galmaa'u malee kan dhaabbatu mitis jedhan.

Hawwiifi fedhiin diinota keenyaa akka hin milkoofneef kaayyoo gocha hamaa kanaa hubachuudhaan akka inni galma hin geenye mootummaa waliin akka dhaabbataniif gaafataniiru.

Namoonni Haacaaluu Hundeessaa ajjeesan saffisaan qulqullaa'ee haqni akka argamu, ol-aantummaan seeraa sadarkaa biyyaatti akka mirkanaa'u akkasumas adeemsi nageenya kabachiisuu akka hin gufanneef uummanni mootummaa waliin akka dhaabbatuuf waamicha dhiyaassaniiru.

Dabalaatanis mootummaan walabummaa biyyattii kanaa, nagaafi fedhii isheen qabdu milkeessuudhaaf cimsee akka carraaqus himaniiru.

Gaafa Wixataa yeroo Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaafi ollaa ishee irratti mariyataa jirutti mootummaan qalbii isaa guutuun hojjechuun murtee hin mallee akka hin taasine gochaa jirutti Haacaaluu Hundeessaa rasaasaan ajjeefamuu himuu kan ibsan MM, "…naman jaalladhuufi itti dhiyeenyaan waggoota dheeraaf beekudha…" jechuun gaddi isaanii gadi fagoo ta'uu dubbatu.

Haacaaluun waggaa 10 oliif hirriyaa kootiif haala adda addaatiin na gargaaraa ture kan jedhan MM Abiy, Haacaaluun rakkoofi bu'aa bahii hedduun baayyeen waliin dabarsuu yaadataniiru.

Akkasumas ajjeechaan artisti Haacaaluu raawwatameen yakka yakka caaluutu nurratti raawwateedha, jedhaniiru.

MM Abiy warra diinota keenyadha jedhan yeroo ibsanitti, "Fedhiin diinota keenyaa kan jalqabne akka hin milkkoofnedha.

Ummanni Oromoo saboota biroo waliin sababa kanaan akka dhiiga wal dhangalaasan, akka barbaadan ibsuun kanas galma geessifachuudhaaf irra deddeebiidhaan yaaliin taasifamuu eeraniiru.

MM itti dabaluun, "Baatii Waxabajjii keessa Finfinneetti jalqabnee, lolicha Finfinnee marratti ni xumurra, kan nu sodaachisu dhimmi Oromiyaati," jechuun kakaasaa akka turan yaadachuudhaan, "kanaafis gareewwan gurmeessuun bobbaafamaa ture mootummaan fashaleessaa tureera," jechuun ibsan.

Fedhiin gareewwan kana Haacaaluu qofaa ajjeesuu osoo hin taane, Oromoota bebbeekamoo biroo dabalatee ajjeesuudhaan, "saboota gidduutti madaafi ajjeechaa uumuudhaaf, tokkummaan keenya akka raafamu, nagana keenya akka boora'u, dhimmoonni yaadne akka hinmilkoofne diinoota keessaafi kan alaa walitti qindeessuudhaan gocha hamaa kana rawwataniiru," jedhaniiru.