Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru cufani, kaan akeekkachiisan
Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira OMN Finfinnee jiru ‘’saboota gidduu waldhibee uume’’ jechuun cufani. Miidiyaaleen biroo sadii Asraat Tv, Dimtsii Wayyaaneefi Tigraay Tv jedhaman immoo qoratamaa jiru jedhameera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu
Covid-19 Afriikaa keessatti saffisa akkamiin tatamsa'aa jira?
Somaaliyaan balalii xiyyaaraa biyya keessaa addaan cite ture jalqabsiisuuf
Somaaliyaan balalii xiyyaaraa biyya keessaa addaan cite ture jalqabsiisuuf
Kaabineen Somaaliyaa Dilbata irraa eegaluun balalii xiyyaaraa biyya keessaa addaan cite eture akka itti fufu eeyyame.
Balalii si’a tokko qofa naannoleetti fi naannolee irraa gara Moqadishootti taasifamu kaabineen biyyattii raggaasiseera.
Ministirri Ayiveeshinii Mohaammad Abdullahi Oomar buufataaleen xiyyaaraa of eeggannoo jalqabaa gochuun irra deebi’uun banamaa jiru jedhan.
‘’Weerarri Covid-19 ammatti hin badne. Garuu lakkoofsa imaltootaa xiqqeessuun tajaajila balalii itti fufsiisuuf waliigalleerra’’ jedhan.
Guyyaatti balalii jaha qofa gaggeeffama kan jedhan Ministirichi wal irraa fageenya imaltootaa, maaskii fuulaa fi keemikaalota harka qulqulleessan fayyadamuun akka hojjetan ibsan.
Tajaajilli balalii Somaaliyaatti erga addaan cite ji’oota sadii yoo tahu biyyattiitti namootni 2944 tahan Covid-19nin qabamanii 90 kan tahan du’aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaatti namoonni akka maaskii fuulaa kaawwatan gorfamaa ture Obbo Mikaa'el Booran dabalatee miseensotni Hoggansa ABO hidhaman
Sudaan Kibbaa dubartoota hoggansa ol-aanaatti akka muudde gaafatamte

Ibsa waa'ee suuraa, Rogeeyyiin Sudaan Kibbaa dubartootni gara hoggansaatti akka dhufan gaafatan Sudaan Kibbaa dubartoota hoggansa ol-aanaatti akka muuddu gaafatamte
Rogeeyyiin Sudaan Kibbaa pirezidaanti Saalvaa Kiir muudama kennan irra deebiin ilaaluun dubartoota gara bulchitoota naannoleetti fiduu qabu jedhan.
Torban darbe keessa pirezidaanti Saalvaa Kiir akkaataa waliigaltee nageenyaa itti aanaa isaanii Reek Maachaar waliin galaniitti muudama naannolee raggaasisaniiru.
Bulchitoota naannolee saddet muudaman keessaa dubartiin tokko qofa. Isheenis Saaraa Ri’aal Bulchituu naannoo Lixa Baahir El-Gaazaal tahuun kan muudamte yoo tahu, lammummaa Ameerikaa kan qabduu fi achuma Ameerikaa jiraachaa kan turtedha.
Akkaataa waliigaltee nageenyaa booda kanaan sadarkaa hoggansa mootummaa keessaa dubartootni %35 qabachuu qabu kan jedhudha.
Dura teessuun Tokkummaa Waldaa Nagaa Dubartootaa Sudaan Kibbaa Kaarooliin kiiboos paartiin biyya bulchaa jiru, Sosochii Bilisa Baasaa Uummattota Sudaan [SPLM] waliigalticha cabseera jedhan.
Obbo Jawaar fa'iif Abukaatoon dhaabate hidhamtoota akka hin argine dhorkame jedha KFO'n

KFO’n miseensota isaa hidhaman obbo Jawaar Mohaammadfi Baqqalaa Garbaatiif abokaatoo dhaabuu obbo Addisuu Bullaallaa himan.
Abbaan seeraa Abdul Jabbaar Huseen obbo Jawaar fa’ii waliin haasa’uu dhaqanii hanga Kibxataatti arguu kan hin dandeenye ta’uun itti himamuu obbo Addisuun obbo Abdul Jabbaarirraa dhagahuu BBC’tti himaniiru.
‘‘Komaandarri dhimma hidhamtoota kanaa hordofu har’a jimaata, wiixatas hin argattanii Kibxata koottaa’’ jedheenii jedhu obbo Addisuun.
Obbo Jawaar Mohaammadiifi Baqqalaa Garbaa maatii isaanii, ogeessa fayyaa isaaniifi Abookaatoo isaanii hanga ammaatti arguu hin dandeenyes jedhan.
Obbo Jawaar guyyoota lamaa jalqabaa duula nyaata lagachuurraa akka ture himamus amma maalitti akka jiru beekuun hin danda’amne jedheera.
Maatiin nyaata geessuu akka hin dandeenye ta’eeras jedha.
Kanneen hidhaa jiraniin alatti maatiin Jawaar manaa bahuu hin dandeenyes jedha obbo Addisuun.
Tanzaaniyaan biyyoota galiigidduugaleessa qaban keessa galte

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Tanzaaniyaan biyyoota galiigidduugaleessa qaban keessa galte Tanzaaniyaan biyyoota galii gidduugaleessa qaban keessa galte
Baankiin Adunyaa gabaasa dinagdee adunyaa qorataa ture har’a maxxanse keessatti Tanzaaniyaan biyyoota galii gidduugaleessaa qaban keessa galuushee ifatti mirkaneessera.
Biyyattiin sadarkaa kana keessa galuu kan dandeesse galiin nama tokkoo gidduugaleessaan waggaatti $1,006 hanga $3,955 gidduu tahuu erga tilmaameeti.
Dinagdeen Tanzaaniyaa bara darbe %6.8’n kan guddate yoo tahu bara 2018 ammoo %7’n guddateera. Kun biyya adunyaa irraa dinagdeen ishee saffisaan guddataa jiru ishee jechisiiseera.
Guddinni dinagdee kun waggoota kurnaniif kan itti fufe yoo tahu erga Joon Magufuuliin aangoo qabataniis bifuma duraan tureen itti fufeera.
Keeniya kan duraan tarree biyyoota galii gidduugaleessa qaban keessa galtetti aantee biyya Baha Afrikaa keessaa guddina dinagdee saffisaa agarsiisaa jirtu jedhamteetti.
Diinagdeen Afriikaa attamiin Covid-19 waliin deemaa jira?

Baay'inni tatamsa’ina vaayirasichaa ardii Afriikaa keessaa kan biyyoota Awurrooppaa irra baayyee xiqqaadha.
Haa ta’u malee dhiibbaan isaa cimaa akka ta’ee amanama.
Uggurri biyyootni baay'een weeraricha hir'isuuf kaa’anis sochiilee dinagdee biyyoota baay'ee jeeqeera.
Haa ta’u malee dhiibbaan koronaavaayirasiin qaqabsiisee hangam akka ta’ee ifatti wanti baramee hin jiru.
Weerarichaan dura, Baankiin Misooma Afriikaa guddinni diinagdee Afriikaa kan bara darberraa fooyya’uun bara 2020’tti %3.9 akka qaqabu tilmaamee ture. Bara 2019 ammoo %3.4 guddatee ture.
Haa ta’u malee qondaaltoonni amma akka jedhaniitti, weerarichi guddina dinagdee ardiittii kan bara kanaa parsantaa 3-8 hirrisuu danda’a.
Abbaan Taayitaa Biroodikaastingii Waajjira OMN Finfinnee cufe
Ameerikaatti Waxabajjii darbe namoota mil 4.8 tu hojii argate

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni ammas baayyatan hojii argachuun erga dippaartimentiin qabeenya humna namaa bara 1939 galmeessuu eegalee kan jalqabaati.
Ameerikaatti ji’a Waxabajjii darbe namoota mil 4.8 tu hojii argate.
Carraan hojii uumame kunis kan ogeeyyin dinagdee raagaan miliyoona sadiin caale argame.
Weerara koronaavaayirasiin dinagdeen Ameerikaa qorree ture carraa hojii namoota miliyoonatti lakka’aamaniif ji’a tokko keessatti uumera.
Warshaalee fi restoraantiin sababii weerara vaayirasiin cufamanii turan deebi'anii banamuun carraa hojii uumame tumse.
Haata’u malee, ammas lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluun guddina dinagdee biyyattirratti yaaddoo uumu itti fufeera.
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, carraan hojii ammas gahu uumamuun‘ hawwaataadha’ jechuun dinagdeen Ameerikaa saffisaan bayyanachaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

Madda suuraa, AFP
Kooriyaan Kaabaa Covid-19 'irra - aane' jette
Ameerikaa Teksaasitti kutaan namoonni Covid-19 itti hammaate wal’aanaman guutuufi
Dhaddachi ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii Turkiitti eegalame

Madda suuraa, AFP
Dhaddachi kunis lammileen Sa’ud Arabiyaa 20’n ajjeechaa Kaashogjii keessatti hirmaachun shakkaman qorachuuf Turkiitti eegalame.
Gaazexessaan beekamaa Jamaal Kaashogjiin qonsilaa Sa’udii Istaanbulitti argamu keessatti bara 2018 ajjeefame.
Ajjechaan kun mufii jabduu dammaqsees ture.
Kaashogjiin maatii warraa mootii Sa’uudi Arabiyaa qeequun beekama ture.
Sa’uudi Arabiyaanis namoota lama yakka ajjeechaa kana keessatti hirmaatan jettu dhaddachatti dhiyeessiteetti, garuu gahaa miti jedhamtee qeeqamti.
'Intarneetiin Itoophiyaatti bade torbee dhufu keessa akka gadhiifamu nan abdadha'
WHOn daandiiwwan qilleensaa Afrikaa balaliinsa eegala ofeggannoo akka taasisan gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n daandiiiwwan qilleensaa tajaajila balalii eegalan of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabaatan akeekkachiise.
Haaluma kanaanis daandliiwwan qileensaa odeeffannoo imaltoota argachuun hordoffii akka taasisaniif mootummoonnis waliin ta'u qabu jedhe.
Waajira WHO kan Afrikaatti daarektara kan ta'an Dr Mashidisoo Moheeti, daandiin qilleensaa dingadeef gumaacha qabaatullee, garuu tarkaanfi weerara to’achuuf barbaachisan hordofuutu barbaachisa jedhan.
Weerara Covid-19 to’achuuf daambii dhaabbatichi baase akka sirnaan hojiirra oolchan gaafate.
Qoondaaltoonni daandiilwwan qilleensaa namoonni akka waliirra hiiqan, harka akka dhiqatanii fi saanitaayizarii harka qulqulluuitti akka fayyadamaniif gorsa dabarseera.
Biyyoonni akka Kaameruun, Ikutooriyaal Giinii, Taanzaaniyaa fi Zaambiyaa dursanii balalii xiyyaarota eegaluusaanii dhaabbatichi ibseera.
Tuniziyaan ammoo qilleensa ishee balaliinsawwan daldalaatiif saaqaa gootee jirti Waxabajjii 27 irraa eegaluun.
Akkasumas dhaabbatichi mudannoo Sisheelsiitti ta'ee kaasuun, ''torban darbee keessa miseesnsoonni garee bidiruu qurxummii idil-addunyaa 66 guutuun haaraa qabamusaanii galmaa'eera'' jedheera.
Qondaaltonni Itoophiyaa miidiyaalee 3 qorachuu eegalan
Qondaaltonni Itoophiyaa waajjira miidiyaalee sadii ‘’saboota gidduu waldhibee uuman’’ jechuun shakkanii qorannoo eegalan.
Qondaaltonni Abbaa Alangee Federaalaa kaleessa akka ibsanitti kanneen qorataman OMN, Tv Asraatiifi Dimtsii Wayyaanee kan jedhamanidha.
Guyyaa har'aa kan dubbisne Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodikaastingii Itoopiyaa immoo OMN cufuun sadii biroo, Tigraay Tv dabalatee akka akeekkachiifni kennamef ibsan.
Waajjirri OMN magaalaa Finfinnee jiru gaafa Kibxataa miseensota poolisii federaalaan cufamu miidiyichi fuula fesbuukii isaa irratti ibsee ture.
Miidiyaaleen kunneen magaalaa Finfinnee keessaa waajjirri isaanii akka cufame ibsamus saatalaayitiidhaan alaa dabarsaa jiru.
Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda mormii uumameen yoo xiqqaate namoonni 80 ol ajjeefamuu isaanii poolisiin ibseera.
Guyyaa kaleessaa iddoo owwaalcha Hacaaluutti waldhibdee humnoota nageenyaa waliin tureen namoonni lama du'u akka hin oolles gabaafameera.
Waajjira mootummaa dabalatee qabeenyi hedduullee barbadaa'u qondaaltonni himaniiru.

Madda suuraa, AG
"Mucaan koo dhugaa dubbate malee wanni balleesse hin jiru"
Seera baastonni Leegos moggaasni koloneeffattootaa akka jijjiiramu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Karaa Leegoos Feredirik Lugaardiin moggaafame ammas jira Qondaalonni Naayijeeriyaatti maqaan daandii magaalota biyyatti koleeffattoota fi garbummaa nama yaadachisaan akka irra deebiin moggaafaman waamicha dhiyeessan.
Af- yaa’iin seera baastota biyyatti Mudashiruu Obasaa ‘Warri Afrikaanota gadii qaban kabajamuu hin qabanii jedhan.
Itti dabaluunis, moggaasni maqaa muraasni warra uummata keenya garboomsan nu yaadachiisa jechuun falmii Roobii darbe gaggeeffameerratti dubbatan.
Miseensi paarlaamaa Ebun Adegboruwaa garuu moggaasni maqaan kun seenaa magaalota fi biyyaa wajjin walitti hidhata jedhanii morman.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Leegos UK'n lammilee biyyoota balaa gadi aanaa qabu jetteef adda bahanii turuu haqxe

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni biyyoota kan akka Firaans, Ispeen, Jarmaanii fi Xaaliyaanii irraa gara UK dhaqan hundaaf Adooleessa 10 irraa kaasee guyyaa 14 adda bahanii turuuf hin dirqaman.
Namoonni biyyoota balaa Covid-19 gadi aanaa qaban irraa gara san imalan adda baafamanii hin tursiifaman.
Akka barreessaa dhimmoota siyaasaa BBC Niik Waat himeetti, biyyoonni 60 tarree kana keessa akka galan eegama.
Wayita ammaa kanatti, Riippablika Ayirlaandiin alatti namoonni eessarraayyuu gara UK imalan, torban lamaaf adda of baasuun turuun dirqama.
Sababii industirii geejjibaa irra dhiibbaan gahaa jiruuf walqabatees ministiroonni adda baafamanii turuu ilaalchisee tarkaanfii akka fudhataniif dhiibbaa olaanaa jala jiru.
Kana malees dhaabbileen bashannanaafi daandiileen qilleensaas mootummaan seericha akka kaasuuf cimsanii gaafataa jiru.
Tarreen biyyoota akka seera kanaan bilisa taasifamanii 'itti fufiinsaan kan ilaalamu' dha jedhameera.
Balaan fayyaa kan dabalu yoo ta'e, seerri adda of baasuun turuu deebiifamee hojiirra kan oolfamu ta'u kutaan Geejjiba biyyattii (DTF) beeksiiseera.
