Ambotti abbeera Haacaaluu dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefaman

Madda suuraa, Dagim Getacho
Magaalaa Amboo keessatti har'a hokkora dhalateen yoo xiqqaate lubbuun namoota shanii darbuu fi namootni jaha ta'an rasaasan rukutamuu Ogeessi Fayyaa Hispitaala Amboo BBC'tti himan.
Ogeeessi Fayyaa Hospitaalichaa Dr. Dammaqaan namoota jaha rasaasaan rukutamanii Hospitaalicha gahan keessaa sadii balaan cimaa jedhamu isaan mudachuu BBC'tti himaniiru.
Sadeen miidhaa guddaan irra gahe garaa keessa rasaasaan dhahamanii akka ta'es himaniiru.
Kanaan alatti garuu reeffi namoota shanii hospitaala gahe maatiin fudhachuu isaa quba akka qaban Dr. Dammaqaan dabalanii himaniiru.
Ganama har'aa magaalaa Ambootti hokkorri dhalatee yoo xiqqaate namootni shan du'anii kaan akka miidhaman sababa ta'e Awwaalchi Art. Haacaaluu Hundeessaa magaala Finfinneetti ta'uu qabaa lakkii hin ta'u kan jedhuun akka ta'e jiraataan magaalittii ganama mana maatii Art. Haacaaluu tureefii Komiinikeeshiniin magaalittii ni himu.
Magaalaa Amboo keessatti ganama irraa eegalee dhukaasni akka tureefi dhaadannoon gara garaa dhaga'amaa akka ture waajira Kominikeeshinii magaalaa Amboorraa Obbo Milkeessaa Fayyeeraa BBCtti himan.
Reeffa Haacaaluu Finfinnee geeffannee awwaallanna garee jedhuufi firoonnii fiobbolaan isaa ammoo Ambotti yaa awwaalamu jechuurratti waldhabdeen dhalatee nuun jedhan.
Koreefi mootummaanis kanuma waan deggeraniif ture kan kaleessa reeffi gara magaalaa Amboo dhufe jedhu Obbo Milkeessaan.
"Kana gidduutti reeffa sana ni fudhanna kan jedhuuniin dhukasni banameera. Magaalaa keessattis boombiin poolisootarratti darbatame jira."
Magaalaa keessatti eenyutu kana godha kan jedhu beekuudhaaf haalli jiru walmakaa waan ta'eef, adda baafamee kan beekamne akka hin jirre himan.
Sana keessatti humni waraanaa tasgabbeessuudhaaf dhukaasaa ture kan jedhu Obbo Milkeessaan, namoonni qophii sirna awwaalchaa bareedee akka gaggeefamuuf taasisaa jiranis waan turaniif nama hangamtu miidhame kan jedhu ammatti hin beekamne jedhan.
''Eenyutu rukkutame ykn maaltu maal ta'e kan jedhu adda bahee hanga yoonaatti hin beeknes'' jedhan.
Dhukaasa qe'ee maatii Art. Haacaaluutti baname kanaan miseensa maatii Haacaaluu keessaa abbeeran isaa ajjeefamuu jiraattootnifi qoondaalli mootummaa nuu mirkaneessaniiru.
Haata'u malee rasaas eenyu dhukaaseen akka ajjeefame adda baasanii ibsuun hin dand'amne.
Jiraatan magaalittii taateen sun wayita dhalatu achi ture rasaasa Poolisi Federaalaa haalicha tasgabbeessuuf seeneerraa dhukaafameen ajjeefamuu yoo mirkaneessu, Hoogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachaw Baalchaa ammoo qaamota hidhatanii turan biroon akka ajjeefaman dubbatu.
Jiraataa kan biroonis dhukaasni kan baname qaama nageenyaa irraayii nuun jedhe.
Naannoo sa'aa sagaliitti wayita dubbifnu ammallee sagaleen dhukaasaa dhagaahamaa jiraa nuun jedhe. Dhukaasni erga eegalee koreen sirna awwaalchaa kamisa gaggeessuuf qophaa'aa jiraniis haalli hammaannaan qe'ee qe'ee isaaniitti galan jedha.
Qe'ee maatii Haacaaluutti ''namni gadda ibsachuu dhaqus hin jiru, nutis sodaannee qe'eerraa fagaanneerraa'' jedha.
Manni maatii qaamolee nageenyaan marfamee jiraas nuun jedhe.
Gareen sirni awwaalchaa isaa magaalaa Finfinneetti raawwachuu qaba jechuun hookkarri akka ka'u godhan ammas maatii Haacaaluu Hundeessaa irra miidhaan akka gahu godhaniiru jechuun BBCtti himan Obbo Getaachoon.
''Ammaaf sirriitti adda baasuu baannus eessumni Haacaaluu Hundeessaa rasaasaan dhahamuun ajjeefamuu dhageenyerra. Obboleessa haadhaa tahuu fi obboleessa Abbaa tahuu garuu waan adda baasne hin qabnu,'' jedhan.
Abbaan isaa rasaasaan dhahame kan jedhu sobadha. Garuu maatii irra miidhaa geessisuutti ce'aniiru jechuun BBCtti himan.
Qaamni uffata siivilii uffatee hidhachuun uummata keessa galee rakkoo kana uumuu fi dhukaasa banee jira jedhan Obbo Geetaachoon.
Poolisii irrattis dhukaasni banamuu himaniiru Obbo Geetaachoon. Kana irraa kan ka'e magaalicha keessa dhukaasni jiraachuufi namootni miidhaman akka jiran BBCttihiman.
Sirna awwaalchaa irratti mootummaan dhiibaa taasisaa jiraa?
Obbo Geetaachoon mootummaan naannoo Oromiyaa sirni awwaalchaa isaa Kamisa boruu akka raawwatu beeka jedhan.
Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas haaluma kanaan sirni gaggeessaa gootaa akka taasifamuuf ibsa kennaniiru jedhan Obbo Geetaachoon.
''Maarsh Baandiin deeggaramee sirna gaggeessaa gootaatu godhamaaf. Kanaaf ammoo mootummaan deeggarsa taasisa.''
Bakka awwaalchaa kan murteessu maatiidha jedhanii Obbo Geetaachoon qaamni mootummaa dhiibbaa taasise hin jiru jedhan.













