''Ijoolleen keenya eessa, maal keessa akka jiran hin beeknu'' -Haadha Warraa Obbo Baqqalaa

Madda suuraa, Bekele Gerba/Facebook
Obbo Baqqalaa Garbaa dhiibbaan dhiigaa isaanii waan ol ka'eef qoricha isaanii akka fidaniif Poolisiin bilbilee itti himuu Haatiwarraan isaanii Aadde Haannaa Raggaasaa BBC'tti himan.
Ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa Hordofee Kibxata to'annoo seeraa jala kan oolaan Obbo Baqqalaan aarii irraa kan ka'ee dhiibbaan dhiigaa isaanii ol ka'uu haati warraa isaanii ni dubbatu.
Obbo Baqqalaan dhiibbaa dhiigaa waan qabaniif qoricha walirraa hin citne fudhatu, guyyaa lamaan darbes aariirra waan jiruuf natti fakkaata dhiigni isaa ol kaa'eera jechuun waayee Fayyaa Abbaa Warraa isaanii himan.
''Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaafi kaanneen isaan waliin to'ataman jiddugala Aadaa Oromootti aanga'oota mootummaa olaanoo walgahiirra turan ajjeesuun ajjeechaa Waxabajjii 15 kan baraa darbee irra deebi'uuf yaalii godhanii turan jechuun Poolisiin Federaalaa guyyaa kaleessa ibsa kenneera.
Haati warraa Obbo Baqqalaa ajjeefamuu Art. Haacaaluu kan dhaga'an Wiixata halkan sa'aa shanitti akka ta'e himu.
Sana boodas Kibxata ganama naannoo sa'aa sadiitti reeffi Art. Haacaaluu Ambootti gaggeefamaa jiru hordofanii yoo bahan ijoolleen isaanii lamaan, Saamu'eel Baqqalaafi Boontuu Baqqalaa si biraa hin hafnu jedhanii waliin bahan jedhu.
Konkolaachisaan Obbo Baqqalaa waan hin turreef durbii ijoollee isaanii Kiyya Balaachoo Konkolaataa ofuun akka bahaniis himan.
''Reeffi Ashawaa Meedaa gaafa gahu namni kun lafa seenaa hojjetetti, lafa qabsaa'aafii ture Finfinneetti awwaalamuu qaba jechuudhaan reeffa fuudhanii gara galma Aadaa Oromootti deebi'anii'' jedhu.
Isaanii Galma Aadaa Oromoo gahee xiqqoo ture Poolisiin Federaalaa dhufee reeffa fudhachuu qabna, Ambootti awwaalamuu qaba yoo jedhan isaan homaa hin jenne fudhadhaa jedhaniin jedhu Aadde Haannaan.
Erga Obbo Baqqalaan fa'aa to'annoo jala oolanii har'a qoricha yeroo geessaniif halaalaa arguu isaanii kan dubbatan haati warraan, ijoolleen biroon isaan waliin hidhaman haala akkamiifi eessa akka jiran kan hin beekne ta'uus himan.
Itti dabaluunis guyyaa har'aa manni isaanii sakatta'amuu dubbatan.
Mana yoo sakatta'aniiis Obbo Baqqalaa fidanii dhufaniiru jedhan.
''Baqqalaa fidanii dhufanii, mana sakatta'anii galmeewwan isaa tokko tokko fudhatan.''
Shugguxii mootummaan hayyama kenneefii hojjechuu dide tokkoofi bakka isaa ammoo reefuu kan nama irraa bitatanii hayyama itti baafachuuf jedhan tokko fudhatanii deemuus dubbatan.
Yakkii isaanii maal akka ta'e akka hin beekneefi har'a wayita mana murtiitti dhiyaatan abukaatoon akka hin dhaabbaneefis himan.
Kun kan ta'eef ammoo Obbo Baqqalaan Obbo Jawaar namni akka isaan hin qunnamne waan dhorkamaniifi jedhu.
Himatni irratti baname ''shakkii ajjeechaa aanga'oota olaanoo'' jedhu akka ta'e dhagahuu isaanii Aadde Haannaan himaniiru.
Obbo Baqqalaan ijoolleen isaanii hidhamanii akka jiran kan baran kaleessa yeroo uffatniifi nyaatni geeffamuuf ta'uus dubbataniiru.
















