Rukkuttaa peenaaliitiin milkaa'uuf foormulaan Herregaa gargaaru jiraa?

Madda suuraa, Reuters
Yeroon rukkuttaa peenaaliitii kubbaa miilaa keessatti yeroo diraamaa ciniinsuu ykn dhiphina guddaan guutamedha. Diraamaan qalbii rarraasuun beekamu kun taphattootaafi deeggartoota 'oomaa gelel' dirree guutee jiruufi karaa TVn addunyaa guutuurraa daawwatan daqiiqaawwan muraasa keessatti miira lamatti hiree gaggeessa--isa tokko gammachuun isa kaan ammoo gaddaan.
Dorgommii deemee dhumni isaa peenaaliitiirra gahe waa falli ittiin carraa ballifatan jiraa?
Taphattonniifi ogeessonni kubbaa miilaa pirofeeshinaala ta'an yeroo tokko tokko peenaaliitii lakkoofsisuuf ykn peenaaliitii itti dhiitame qolachuuf tarsiimoo herregaa (mathematical strategy) fayyadamu. Herregni kunis hundi isaa tooftaa tilmaamaadhuma.
Dorgommii kubbaa miilaa kamiyyu keessatti tapha dhumaa garee wal morkatan adda baasuun dirqama ta'e keessatti saatii taphaa daqiiqaan 90 xumuramee daqiiqaan dabalataa 30 morkattoota lamaan adda baasuu yoo hin dandeenye gara rukkuttaa penaaliitiitti deemuun waan hin oolledha.
Yeroo peenaaliitiin rukkutamu ammoo daawwattootaaf yeroo addaa qalbii addatti hawwatudha. Keessumaa deeggartootaa, taphattootaafi gareewwan keessatti hirmaataniif ammoo yeroo ciniinsuuti.
Taphni Nuusa Xumuraa Waancaa Awurooppaa Dubartootaa Adoolessa 17, 2025 garee Ingilaandiifi Siwiidin gidduutti taphatame diraamaa rukkuttaan penaaliitii qabu hangam akka qalbii nama rarraasu kan agarsiise ture.
Gareen Ingilaand Siwiidiniin 2-0n durfamaa turanii taphni dhumuutti yeroo dhiyaatetti raajii hojjetanii walqixxaachuu danda'an. Daqiiqaan taphaa 90 dhumee daqiiqaan 30 dabalames garee lamaan kan adda ittiin bahan osoo hin taane diraamaa kan dheeresse ture. Boodarra gara rukkuttaa penaaliitiin adda bahuutti deeman. Yeroon rukkuttaan peenaaliitii duruu diraamaan guutame ammoo daran diraamaa dachaa ta'e.
Siwiidin rukkuttaa peenaaliitii torba keessaa lama qofa galchuu danda'an; lama karra eegduu garee Ingilaand Haannaa Haamptan qolachuu dandeesseetti. Karra eegduun garee Siwiidin garuu rukkuttaa peenaaliitii afur qolachuu dandeessus, gareen ishee walakkaa xumura waancaaf darbuu hin dandeenye.
Ugguma yaa kubbaa miilaa…uggummaa yaa diraamaa rukkuttaa peenaaliitii…!
Taphattuun sarara ittisaa garee Ingilaand Luusii Biroonz rukkuttaa peenaaliitii fudhattee kallattiimaan (bitaafi mirgaatti osoo hin butiin) dhiittee baaxii karra goolii keessaan manii keessa buustee booda diraamichi xumura argate.
Ingilaand xumura walakkaa waancaaf darbuuf har'a (Adoolessa 22, 2025) garee xaaliyaan waliin taphatu.

Madda suuraa, Getty Images
Yaad-rimee Taphaa (Game Theory)...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haatishee barsiistuu Herregaa ta'uurra darbitee UK keessatti badhaafamtuu kan taate, Luusii Biroonz, taphaan booda gaaffiifi deebii taasifteen, maaliif peenaaliitii dhumaa ittiin mo'atan sana osoo bitaafi mirgatti hin dabsiin akka kallattiin gidduuraan rukkuuuf filatte dubbatteetti.
"Isaan dura karra eegduu [kan Siwiidin] sirriitti ilaalaan ture. Tokkoo tokkoo peenaaliitii itti rukkutam,u oolchuudhaaf garamitti akka isheen kufaa turte ilaalaan ture. [Isaan booda] istaatistiksiitiin yoo ilaalamu karra eegduu kanaaf yeroo itti rukkutamu bakkuma jirtu dhaabattee eeguun yaaddoodha...kanaaf ani herrega nan jaalladha."
Yaada Luusii Biroonz kennite kun gaaffii baayyee murteessaa ta'e kaaseera: Foormulaan Herregaa taphattoonni peenaaliitii akkamiifi eessaan akka rukkutan murteessuu keessatti isaan gargaaruu danda'aa? Peenaaliitii yeroo rukkutan manii keessa buusuudhaaf maal gochuu danda'u? Irra keessa moo jalaan, karaa bitaa moo karaa mirgaan, yookaan ammoo gidduumarraan wayya? Hanga danda'an humna qabaniin dhiituu wayyaa? Moo akkuma hargan humnaan dhiituurra hunda caalaa karaa ittiin dhiituu qabanirratti xiyyeeffachuu wayya?
Rukkuttaa "Paneka" – rukkutaa Peenaaliitii karra eegaan gara tokkotti ykn gara biraatti kufuu hin oolu jechuun kallattiimaan erguu? Tooftaan kun hojjetee jennaan baayyee 'dinqiidha', garuu yoo karra eegaan sossobamuu dhiisee ija isaa kubbaarra godhatee bakkuma jiru dhaabbatee eeggatee kubbaa harka isaa galte qaanii guddaadha.
Tapha kubbaa miilaa keessatti yeroo morkattoonni, namoonni gaggeessaniifi haala gaheen namoota naannoo jiran baayyee keessaa bahu gara rukkuttaa peenaaliitiitti deema. Rukkuttaan peenaaliitii ammoo tapha salphaa nama lama qofa: isa rukkutuufi isa eegu qofa taati.
Akka carraa ta'ee garuu dameen saayinsii Herregaa Tiyoowii Taphaa (Game Theory) jedhamu daayinaamikii taph salphaa nama lama gidduutti murtaa'u kana hubachuufi xiinxaluuf gargarudha.
Rukkutaan peenaaliitii bu'aan lama akka hin oolle kan agarsiisudha-mo'aafi mo'amuu. Afaan Ingiliffaatiin 'zero-sum game' jedhama. Inni rukkutu lakkoofsisuuf, inni eegu dhabuu (itti galuu) qaba, akkasumas inni eegu mo'achuudhaaf qollachuu ykn inni rukkutu sun dhabuurratti hundaa'aa. Karaa lamaaniinuu, kan mo'atu tokko qofa.
Inni dhiitu yeroo peenaaliitii rukkututti tooftaawwan filatu ni qaba; inni eegus kubbaa itti dhiitamte qolachuudhaaf filannoowwan ni qaba.
Salphaatti hubachuudhaaf, filannoowwan sadii taphataan peenaaliitii rukkutu qabu ilaaluun ni danda'ama: gara bitaatti, gara mirgaatti ykn gidduumarraan yoo ta'u inni karra eegus kubbaa itti dhiitamte qolachuudhaaf carraawwan kanneen sadan ni qaba.
Amma wanti yaaduun barbaachisu, inni dhiitus ta'e inni eegu tarsiimoo akkamii akka hordofan dursanii yaadaniidha.
Inni rukkuta hanga danda'ametti isa karra eeguun tilmaamamuu danda'uu hin qabaatu. Inni karra eegus, hanga danda'ame isa dhiituun salphaatti of tilmaamsisuu dhiisuuf yaaluuti filatama.
Peenaaliitii rukkutuuf karaan tokkichi sirrii ykn filatamaadha jedhamee hin jiru. Tarsiimoon yeroo rukkuttaa peenaaliitii filatamaadha jedhamu kan warri tiyoorii taphaa (game theoiriest) "tarsiimoo makaa" [mixed strategy] jedhanidha. Tarsiimoon kun tooftaa taphataan tokko morkattoonni (gareen masaanuu) isaa karaa inni filatu irratti baranii akka itti hin fayyadamne gochuudhaaf mala tilmaamamuu dhabuu (unpredictability) hordofudha.
Kana jechuun taphataan peenaaliitii rukkutu tokko, yeroo gara garaatti kallattii ittiin rukkuamu kan eegamiin adda ta'e filachuu danda'uudha.
Qorannoon 2002 gaggeeffame akka mul'isetti, dhaabbataadhaan ykn walitti fufinsaan gola (kallattii) goolii tokkoon rukkutuu filachuurra, taphattoonni kilaboota gurguddoo Awurooppa lama yerpo peenaaliitii rukkutan tasa (randomly) bitaatti, mirgaatti ykn gidduuraan dhiituu filatu.
Asirratti wanti yaadatamuu qabu, kallattii gara garaa bifa [radomly] ta'een filachii jechuun salphaatti kal;lattii itti dhiitan duraa duubaan jijjiiraa deemuu jechuu miti. Kana jechuun dura bitaatti dhiitamera jedhanii, isa itti aanu mirgaatti dhiituu jechuu miti. Kana gochuu salphaatti tilmaamamuun no'atamuu fida.
Nootingihaamshaayeri irraa kan eebbifame Biilii Waatsan rukkuttaa peenaaliitiin milkaa'uu keessatti icciitiidha jedhee kan amanu BBCtti himeera.
Daraggeessi umurii waggaa 21 dhimma kanarratti qorate kun tooftaa Herregaa, istaatistiksiifi Saayikoloojii (xiin-samuu) walitti makuun shallaganii peenaaliitii rukkutuun tkn qolachuuf yaaluun bu'aa gaarii qaba jedha.
Taphattoonni yeroo bitaatti, mirgaatti ykn gidduurraan dhiituu filatan, miiraafi qoor-qalbii akkasumas istaatistiksii duraan turan walitti qabuun shallaguu qabu jedha Biilii Waatsan.
Tarsiimoo makaa) mixed strategy) ispoortiin alatti...
Kubbaan miilaa gosa ispoortii tarsiimoon makaa (mixed strategy) kaaraa kamiiniyyu bu'aa buusuu itti danda'udha. Garuu kubbaa miilaa keessatti qofa miti. Fakkeenyaaf, teenisa keessatti kallattii itti sarraban ilaalchisuun tarsiimoo makaa (mixed strategy) fayyadamuun bu'aa guddaa qaba.
Tooftaa Tarsiimoo Makaa (Mixed Strategy) fayyadamuun kun amma ispoortii qofa keessatti hafaa hin jiru.
Tooftaan kun siyaasaa hanga biizinasiitti, darbeeyyu hanga adamoottillee hojiirra oolaa jira.
Ummati Naaskaappii jedhaman baha Kanaadaa jiraatan toofataa Tarsiimoo Makaa jedhamu kallattii hin eegamiin filachuun hojiirra oolu (randomaised strategy) ta'e kana adamoo keessatti waggoota dhibba heedduuf akka dhimma itti bahaniiru qorannoon ni mul'isa.
Qorannoon dhiyeenya kana dhiibbaa miira hin tilmaamanerratti (emotional Unpredictablity) gaggeeffa tokko akka agarsiisuttis, namoonni miira tilmaamuun rakkisu (takka gaarii takka badaa) ta'u qaban fedhii isaanii baranii guutuun rakkisaadha.
Kana jechuun wanti tilmaamuun rakkisuu baruufi garaa baruun rakkisaa ta'a. Kun ammoo fedhaafi gola isaa beekanii akka barbaadan gochuuf salphaa hin ta'u jechuudha.
Tarsiimoon Makaa (Mixed Strategy) kun siyaasa keessattis yeroo dhimma baasu ni mul'ata.
Gaggeessitoonni siyaasaa morkattoota ykn masaanota isaanii caalanii argamuuf ykn gara barbaadanitti oofuudhaaf yeroo barbaadan mala tarsiimoo makaa kana gargaaramu.
Namoonni akkasii kun takka hamoo ykn gocha namni ni raawwata jedhamee hin eegamne maraatummaa fakkaatu raawwatu. Takkaa deebiyanii ammoo nameenyaa sirriifi qajeeloo ta'u.
Tarsiimoon Makaa akkasii kun Saayinsii Siyaasaa keessatti Tiyoorii Nama Maraataa (Madaman Theory) jedhamuun beekama.
Baroota gara dhumaa 1960 fi gara jalqabaa 1970 keessa imaammata dhimma alaa isaa keessatti Riichaard Niksan tarsiimoo kana akka fayyadame seenaan ni mul'isa.
Kana kan filateef ammoo diinonni isaa nama tilmaamuun rakkisaa ta'edha jedhanii akka sodaatan gochuuf ture.
Caalaa as dhiyoo keessatti ammoo, pirezidantiin Ameerikaa yeroo ammaa Doonaald Tiraamp tooftaa salphaatti tilmaamamu dhabuu Richaard Niiksan kana fayyadamaa jira jechuun dubbatu taajjabdoonni.
Doonaald Tiraamp waliigalteewwan daldalaa biyyoota addunyaa gara garaa waliin taasisu keessatti, dhimmoota walitti bu'iinsa Baha Giddu-galeessaa keessatti taasisuun, akkasumas waraana Yukireen-Raashiyaa keessatti ejjennoo agarsiisaa jiru kana ilaaluun Tiyoorii Nama Maraataa (Madman Theory) fayyadamaa jira jedhu namoonni.
Kanaaf, dirree kubbaarrattis ta'e, dirree teenisaa ykn kutaa walga'ii boordii keessattis, tiyooriin taphaa (game theory) kan nu barsiisu yoo jiraate murtoon kenninu kan salphaatti tilmaamamu taanaan diinota keenyaaf ol aantummaa akka kennudha.
Salphaatti tilmaamamuu dhabuun, daandii mo'ichaarra jiraachuu keenya tilmaamuu dandeenya.












