Boombii nikularaa yaaliif dhukaasuun akkamiin gaggeeffama? Biyyoota kam fa'aatu yaalii gaggeesse?

Boombii nikularaa Waxabajjii 4, 1953tti US gammoojjii Navaadaa keessatti yaalii dhukaasa boombii nikularaa yeroo gaggeessitu kan agarsiisu

Madda suuraa, Stocktrek Images / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boombii nikularaa Waxabajjii 4, 1953tti US gammoojjii Navaadaa keessatti yaalii dhukaasa boombii nikularaa yeroo gaggeessitu kan agarsiisu
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Chaayinaan yaalii nikulara dhukaasuu xiqqaa ta'e dhoksaan gaggeessaa jirti jechuun US komatte.

Ittaanaa Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Kiristoofar Yeewu US wiirtuu to'annoo Kaazaakistaan keessa jiru fayyadamuun Chaayinaan yeroo isheen yaalii dhukaasa boombii nikularaa taasistu adda baasuu himan.

Qondaalli US kun akka jedhanitti, gaafa Waxabajjii 22, 2020 lixa Chaayinaatti dhohiinsi maagniitiyuudii 2.75 ta'e uumameera.

Embasiin Chaayinaa Washingitanitti argamu himannaa US kana "dhugaarraa kan fagaate" jechuun US yaalii shaakala boombii nikularaa dhukaasuu itti fufuuf qabduuf haala mijeeffachuuf jechuun deebii kennee ture.

Meeshaan waraanaa nikularaa bifa lamaan yaaliif dhukaafama: lafa irraafi lafa jala.

Garuu akkamiin hojjata?

Yaalii lafa irraa

Yaaliin boombii nikularaa erga gaggeeffamee booda aara gara samiitti ol qajeelee mul'atu

Madda suuraa, Underwood Archives / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Yeroo dheeraaf yaaliin boomnii nikularaa kan gaggeeffamaa ture lafa irra ykn atemoosferik isa jedhamu ture. Mala kana yeroo dhumaaf bara 1980tti Chaayinaatu itti fayyadame.

Boombii nikularaa yeroo jalqabaaf Adoolessa 16, 1945tti kan gaggeesse Ameerikaadha. Sanas Niwu Meeksikootti gaggeessite.

Yaalii gaggeessitee ji'a tokko booda boombii nikularaa lamaan magaalota Jaappaan Nagaasaakiifi Hirooshimaa mancaaste. Biyya yeroo jalqabaaf waraanarratti boombii nikularaa fayyadamteedha. US booda biyyi meeshaa nikularaa waraana irratti fayyadamte hin jirtu

Gareewwan to'annoo nikularaa gaggeessan akka jedhanitti, hanga ammaa biyyooni nikulara qaban walumaa galatti boombii nikularaa 528 yaalidhaaf lafa irratti dhukaasaniiru. Kuni haleellaa nikularaa US magaalota Jaappaan irratti raawwatte dabalateeti.

Yaaliin boombii nikularaa lafa jalaa akkamiin gaggeeffama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Meeshaa nikularaa lafa jalatti akka dhohu gochuun qabiyyeewwan reediyoo aktiivii qilleensa akka hin faalle taasisa. Akkasumas icciitiin yaalii dhukaasaa gochuuf gargaara.

Gama biraan ammo qabiyyeewwan reediyoo aktiivii biyyeefi bishaan lafa jalaa akka faalamu gochuu danda'a.

Bakki yaaliin dhukaasaa itti gaggeeffamu dursee qorannoon ji'oolojii erga gaggeeffamee boodadha. Yaaliin akkasii yeroo heddu bakka namoonni heddumminaan jiraatan irraa fageeffameeti.

Meeshaan nikularaa ulaa ykn boolla lafa jalaa meetira 200-800 gadi fagaate keessa godhamuun yaaliin dhukaasa gaggeessuu taasifama.

Meeshaan nikularaa lafa keessa erga seensifamee booda, lafarraa bakka to'achuuf qophaa'e keessa taa'amee akka dhohu godhama. Boombiin nikularaa yeroo lafa keessatti dhohu, kattaafi baqqaana jiru dadayyaasa.

Abiddiifi aarri uumame suuta qabbanaa'uun gara jalaatti gadi bu'aa deema. Kattaafi biyyoon jijjiguu eegala.

Boombiin nikularaa lafa jalatti erga dhohee daqiiqaa ykn sa'aatii muraasa booda tempireecharri gadi bu'aa deema. Kattaafi biyyoon jijjigee boolli guddaan gubbaarraa mul'achuu eegala.

Yeroo dhiyootti biyya kamtu yaalii boombii nikularaa gaggeesse.

Gareewwan kana to'atan akka jedhanitti, addunyaa bakkeewwan garaa garaatti boombiwwan nikularaa 2,000 ta'an yaaliif dhukaafamaniiru.

Bara 2017 keessa, Kooriyaan Kaabaa yaalii yaalii dhukaasa nikularaa akka taasiftetu amanama.

Piyoongyaang garuu boombii hayidiroojiinii xiqqaa yaaliif dhukaasuu ibsitee turte.

Seenaa yaalii nikularaa

US bara 1945tti boombii nikularaa lamaan magaalota Jaappaan erga haleeltee waggaa tokko booda UN yaa'ii waliigalaa taa'uun, meeshaaleen waraanaa nikularaa guutummaan akka mancaafamu waamicha taasise.

Haa ta'u garuu Hagayya 1949 Sooviyeet Yuuniyeen biyya lammaffaa boombii nikulataa omishte ta'uunshee barame.

Ittaansuun Onkoloolessa 1952tti US biyya sadaffaa boombii nikularaa yaalii taasifte taate. Lixa Awustiraaliyaa Oddoola Montebello jedhamutti yaalii nikularaa milkaa'aa taasifte.

Baruma sana ji'a tokko booda US yaalii dhukaasa boombii hayidiroojiinii oddoolawwan Maarshaal irratti taasite. Boombiin hayidiroojiinii sun boombii magaalaa Nagaasaakii mancaase dachaa 500 ta'a.

Boombii hayidiroojii yeroo jalqabaaf US yeroo dhukaastu suura agarsiisu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Boombii hayidiroojiinii jalqaba yaaliif dhukaafame, Ivii Maayik jedhamu bara 1952tti Garba Paasifikii irratti kan argamu Enewetak irratti dhukaafame

Faransaayi bara 1960tti biyya arfaffaa meeshaa waraanaa nikularaa yaaliif dhukaastedha.

Bara ittaanu, bara 1961tti Sooviyeet Yuuniyeeniin boombii nikularaa garmalee cimaa ta'e: meegaatoonii 58 kan ta'u, boombii atimosfarii irratti yaalamu dhukaaste.

Boombii Soovoyeet kun maqaa masoo, Tsar Bomba jedhamuun kan beekamu yoo ta'u kaaba Raashiyaatti yaaliif dhukaafame.

Misaa'ela baalistikii Raashiyaa Topol-M jedhamu agarsiisaaf magaalaa Mooskotti bara 2010 yeroo dhiyeeffame.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'ela baalistikii Raashiyaa Topol-M jedhamu agarsiisaaf magaalaa Mooskotti bara 2010 yeroo dhiyeeffame

Waliigalteewwan yaalii dhukaasa boombii nikularaa

Bara 1963tti Waliigaltee Dhukaasa Yaalii Murtaa'aa (LTBT) jedhamu yaaliin dhukaasa nikularaa lafarraa ykn atimosferikii, guutummaan ta'uu baatus, akka dhaabatu godhee ture.

Chaayinaan garuu waliigalteen kun erga godhamee booda yaalii dhukaasa nikularaa gaggeessitee turte.

Yeroo boombiin nukalaraa yaaliif dhohee aarrisaa samiitti ol qajeelu namoonni gammachuusaanii yeroo ibsan

Madda suuraa, Pictures from History / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjattootafi teknishaanota buufata yaalii nikularaa Chaayinaa yeroo biyyattiin Onkoloolessa 16, 1964 boombii nikularaa yaaliif dhukaastu gammachuusaanii ibsatan

Yeroo waliigaltichi mallatteeffamu biyyoonni akka US, Sooviyeet Yuuniyeenii, UK, Faransaayifi Chaayinaa biyyoota meeshaa waraanaa nikularaa qaban ta'uunsaanii mirkanaa'era.

Kana hordogee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Waliigaltee Nikularri Akka hin Babal'anne Dorkuu (NPT) jedhamu beeksise. Kunis biyyoonni dorgommii meeshaa nikularaa hidhachuu keessa akka hin galle gochuufi nikularri anniisaa misoomaa qofaaf akka ta'u jajjabeessuuf ture.

Waliigaltichi bara 1970tti hojiirra akka oolu godhamus biyyoonni tokko tokko waliigalticha hin mallatteessine.

Boolla bakka yaaliin dhukaasa nikularaa itti taasifame agarsiisu

Madda suuraa, Punjab Photo / AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaalii dhukaasa boombii nikularaa Hindiin bara 1974tti taasisteen bakka dhukaasni itti gaggeeffeme boolla mul'atu

Hindiin bara 1974tti yaalii dhukaasaa gaggeessuun biyya ifatti nikulara hidhatte taate.

Ittaansuun Paakistaan ammoo bara 1998tti boombii nikularaa yaaliif dhukaasuun meeshaa nikularaa qabaachuunshee beekame.

Biyyoonni lamaanuu- Hindiifi Paakistaan waliigaltee NPT hin mallatteessine.

Alaabaa paakistaan bakka tulluu ta'eefi yaaliin dhukaasa meeshaa nikularaa itti gaggeeffametti fannifamee jiru

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Allaabaa Paakistaan bakka yaaliin dhukaasa boombii shan itti gaggeeffametti

Israa'el boombii nikulara qabdi jedhamtus, isheen garuu tarsiimoo callisaa filatte. Nan qabas hin qabus hin jettu.

Kaariyaan Kaabaa jalqabarratti waliigaltee NPT mallatteessitus bara 2003 keessaa baate.

Kanas yaaddoo nageenyaa qabdurraa kan ka'e waliigaltichaan hidhamtee taa'uu akka hin barbaanne isbuun kan keessaa baate.

Kooriyaan Kaabaa bara 2017 yaalii dhukaasa boombii hayidiroojii gaggeessuu karaa TV biyyaalessaan ibsuu hordofee uummanni yeroo gammachuu ibsatu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa bara 2017 yaalii dhukaasa boombii hayidiroojii gaggeessuu karaa TV biyyaalessaan ibsuu hordofee uummanni yeroo gammachuu ibsatu

Biyyoonni meeshaa nikularaa qaban shan keessaa bara 1990oota booda Chaayinaan bara 2020tti yaalii dhukaasaa gaggeessitu himame.

Chaayinaan yeroo dhiyootti boombii nikularaa yaaliif dhukaasuu kan himate US yoo taatu, kanaaf ammoo ragaa qabatamaas akka qabdu beeksifte.

Chaayinaan himannaa US kana hin fudhattu.

Waliigaltee Yaalii Dhukaasaa Dhaabuu Hunda Hammatu (CTBT)

Raashiyaafi US bara 1991fi 1992tti wal-duraa duubaan yaalii dhukaasaa erga gaggeessanii mariin qaamolee heddu hirmaachise sadarkaa idiladdunyaatti gaggeeffamuu eegale.

Kanaanis Waliigalteen Yaalii Dhukaasa Dhaabuu Hunda Hammatu (CTBT) jedhamu mallatteeffame.

Waliigaltichi yaaliin meeshaa nikularaa akka hin dhukaafamne kan dhorku yoo ta'u, yaaliin yoo gaggeeffame ammoo mala ittiin to'ataniifi mirkaneessan diriirse.

Waliigalticha biyyoonni 187 ta'an mallatteessuun raggaasisaniiru.

Haa ta'u garuu biyyoonni kaan sagal: Chaayinaa, Hindii, Paakistaan, Kooriyaa Kaabaa, Israa'el, Iraan, Masirii, Raashiyaafi USA fa'aa hanga mallatteessanitti guutummaan hin raggaasifamu.

Raashiyaan bare 2023tti waliigalticha raggaasisuu keessaa baatee turte.

It has been signed by 187 nations and ratified by 178.