Arsenaal eenyummaa gurraachaa waliin akkamitti akka walfakkaate

Taphattoota Arsenaal Afrikaa irraa ta'an

Madda suuraa, Getty Images

Dr. Kilaayiv Chiijiyookee Niwoonkaa Fulbaana 28, 2002 hiriyyoota isaa waliin wal arguuf sa’aatii mana-dhugaatii itti wal beellaman tokko gahe. Wanti haaraa ta’e waan jiru hin fakkaatu.

Haata’u malee, kubbaa miilaafi seenaa aadaa daawwachuuf ture.

Guyyaa sana Arsenaal taphattoota gur’aacha ta’an sagal warra jalqbarraa seenanii taphatan hiriirsisuun seenaa keessatti kilaba Piriimer Liigii jalqabaa ta’e.

Ze Gaaners dirree isaaniitiin ala Liids Yunaayitidiin 4 fi 1 mo’atan. Tiiyeerii Henerii, Niwaankoo Kaanuu fi Kooloo Turee warra goolii galche turan. Sadanuu ammoo eenymmaan isaanii gurraacha.

“Gahumsa isaan agarsiisan ilaalcha seenaafi eenyummaa [sanyummaa] irra jirurratti dhiibbaa uumeera jechuun BBC Africa’tti dubbate Kollejjii Yuniversiitii Landonitti doktora kan ta’e Niwoonkaa.

“Kan kan milkeessan ammoo dandeettii isaaniitiin ta’uu mirkaneessaniiru.”

Dr. Niwoonkaan kitaaba ‘Black Arsenal’ [Arsenaal Gurraacha] jedhu dhiyeenya nama biroo waliin yeroo maxxansiisetti, gahee kilabichi seenaa aadaa gurraachaa keessatti gumaache ilaaleera.

Kitaaba kana keessatti Dr. Niwoonkaa hirmaateera

Kitaaba kana keessatti kan Dr. Niwoonkaan gumaache dhuga ba’umsa namoota garagaraafi suuraawwan warra kilaba Landon Kaabaa kana waliin hidhata qaban walitti qabaa tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Ani nama Biriitish-Naajeeriyaa ta’edha. Gurraachonni, keessumaa taphattoonni Afrikaa kubbaa miilaa Biriitish keessatti bakka bu’anii arguun anaaf waan guddaadha,” jedha.

Kitaabicha keessatti Arsenaal Piriimer Liigicha keessatti taphattoonni gurraacha ta’an caalaa akka taphatan gochuufi Isteediyeemii Emireetis keessatti ammoo lakkoofsi deeggartootaa dubartootaa akka dabalaa dhufu tattaaffii taasifame xiinxalameera.

“Qorannoon baayyee irratti gaggeeffamuu baatus, hariiroo gurraachonni Arsenaal waliin qabatan ilaalchisee wanti murteessaa ta’e akka jiru yeroo hunda natti dhaga’ama,” jedha Dr. Niwoonkaan.

Warri kilabicha onneerraa deeggaran kilaba isaaniitiif deeggarsi taasisan jireenya isaanii guyyuu keessatti murannoon qaban kitaabicha keessatti ibsameera.

“Arsenaal yeroon jedhu, hangam akka Arsenaal aadaafi seenaa gurraachotaa keessatti qabu ibsuukooti,” jedha Dr. Niwoonkoon.

“Malee yeroo [Arsenaal] jedhamu bilookeetiifi simmintoo isaa jechuu osoo hin taane dhimma Arsenaal aadaa warra gurraachaa keessatti eeramudha. Kun ammoo bakkeewwan hojiitti, mana itti rifeensa sirreeffatan keessatti, akkasumas maneen sagadaa (waaqeffannaa) keessatti ta’uu ni danda’a.”

Arsen Viinger fi Paatrik Veeraa

Madda suuraa, Getty Images

Viinger fi Afrikaa

Iyaan Raayit bara 1990oota keessa deeggartoota Arsenaal dabalaniif mallattoo ta’ee mul’ata. Ilkaan isaa warqee, simboon isaa, amalli isaafi dheebuu inni gooliif qabu ni eeramu.

Arsenaal taphattoota gurraachaaf akka agarsiiftuutti ka’uun isaa deeggartota Ze Gaaners hedduu biratti mormii hin kaasu. Dr. Niwoonkaa fi deeggartoota Naajeeriy biroof garuu taphattoota collee biroo dursa kaasu.

Gareen kubbaa miilaa Naajeeriyaa bara 1996 Arjentiinaa mo’atee madaaliyaa warqee Olompikii fudhate hin dagatamu.

Keessumaa ammoo Biraaziliin xumura walakkaarratti yeroo mo’atanitti goolii murteessituu namni lakkoofsise ija namaa duraa kan badu miti-Niwaankoo Kaanuu.

Naajeeriyaa kutaa bulchiinsa Iimoo keessatti kan dhalate jifataan kun bara 1999 ture kilaba Xaaliyaan Inter Miilaan irraa Arsenaalitti kan makame.

“Inni Arsenaalitti makamuun isaa anaafi namoota ana fakkaataniif faayidaa aadaa addaa qaba ture,” jedha Dr. Niwoonkaan.

Yeroo sana leenjisaa Arsenaal kan ture Arsen Viinger turtii bara 1996 hanga 2018tti waggoota 22 taphattoota cocollee Faransaay fi Afrikaa mallatteessisuun beekama.

Yeroo gareen kun dadhabu gaazexoonni Ingiliiz bebbeekamoofi taphattoota Liigii Ingiliiz beekan mallatteesisuu qaba jedhamee qeeqama ture.

Leenjisaan lammummaan isaa Faransaay ta’e Arsen Viinger bara dorgommii 2003-04 waancaa Liigichaa kilabichi akka mo’atu taasisuun ammoo kabaja guddaa argate.

Waancaa qofa miti kan argate. Gareen Arsen Viinger kun osoo tapha tokkoonillee hin mo’amiin hafe. Seenaan Arsenaal hojjete kun dabalamee hojjetamuu hin dandeneye.

Gareen osoo hin mo‘amiin waancaa mo’achuun seenaa hojjete kun sarara ittisaarraa taphataa lammii Ayivorii Koost Kooloo Turee, sarara mirgaarraan ammoo taphataa lammii Kaameruun Laawuransiifi taphataa lammii Naajeeriyaa Kaanuu qaba ture.

„Taphattoonni Afrikaa akka gaariitti taphataniifi nama bashannansiisan jiraachuun isaanii waan tokkodha.

Taphattoota kanneeniin mo’achuun ammoo jijjiirama fida,“ jedha Dr. Niwoonkaan.

Moodeelii milkaa’inaa Arsenaal kana kan hordofe morkataan isaa Landon, Chesliin leenjisaa Hoozee Moriinoo jalatti bu’a qabeessa itti ta’eera.

Ayivorii Koost irraa Diidiyeer Diroogbaa, Gaanaa irraa Maayikel Eesiyyee fi Naajeeriyaa irraa ammoo Joon Obii Miikeel taphattoota eeramanidha.

Qorannoon waggoota dura gaggeeffame akka agarsiisuttis, kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo keessaa Arsenaal Afrikaa keessatti deeggartootaan sadarkaa tokkoffaarra jira.

Keessumaa ammoo biyyoota Afrikaa Bahaa, Afrikaa Kaabaafi Lixa Afrikaarraa ammoo Naajeeriyaa keessatti Arsenaal deeggartoota kilaboota kamiyyu caalaa qaba.

Taphattoonni Arsenaal yeroo mormii sanyummaa agarsiisuuf jilbeeffatanii jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Sanyummaa mormuu

Taphattoonni kubbaa miilaa gurraacha ta’an milkaa’ina ajaa’ibsiisaa ta’e galmeessisanillee, sanyummaan dirree keessatti qofa osoo hin taane dirreetiin alattis isaan duukaa bu’eera.

Ingiliiz Waancaa Awurooppaa 2020 xumurarra geessee Xaaliyaaniin mo’amte. Mo’amuu Ingiliiz hordofee Bukaayoo Saakaa, Jaaden Saanchoo fi Maarkas Raashfoord taphicharratti adabbii peenaaliitii ittiin adda baafaman lakkoofsisuu dhabuu isaaniitiin miidhaan arrabsoo sanyummaa irra gaheera.

Kana waliin walqabsiisee namoonni 11 to’annoo jala kan oolfaman yoo ta’u, Arsenaal ammoo Saakaafi taphattoota garee biyyaalessaa Ingliiz biroo sadiif deeggarsa qabu agarsiisuun ibsa baaseera.

“Kun itti fufuu hin qabu. Waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaafi aanga’oonni miidhaa fokkisaa guyyaa guyyaan taphattoota keenyarra gahu hatattamaan dhaabachuu isaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhachuu qabu,” jedheera Arsenaal ibsa baaseen.

“Miidhaan Saakaarra gahu hin dhaabbanne. Bara darbe Nootingihaam Forestiin erga mo’amanii boda miidhaan arrabsoo irra gaheera.

Bara dorgommii kana sadarkaalee kubbaa miilaa Ingiliiz keessatti gosti loogii galmaa’ee jiru sanymmaa akka ta’e ragaa dhaabbanni farra loogiirratti hojjetu „Kick iti out“ jedhu walitti qabe ni agarsiisa.

Taphattoonni hawaasa lakkoofsaan xiqqaa ta’e keessaa dhufan miidiyaa hawaasaarratti irratti xiyyeeffatama. Biyya garee biyyaalessaa bakka bu’uun taphatan keessatti dhalatanii guddatanis qama hawaasichaa akka hin taane itti himama.

Dr.Niwoonkaan jibbinsi sanyii jechoota gurraachota ibsuuf itti gargaaramaniin jabaatee itti fufeera jedha. “Kun ammoo gocha badaa nama garaagra qooduu, nama moggeessuufi dhiibbaa gaarii hin taane kan qabuufi namoota beekumsaan hir’uu ta’aniinidha,” jedha.

Ispoortii keessatti dhimma sanyummaa ilaalchisuun qorannoo dhiyeenya kana kan gaggeessan yunivarsiitiiwwan Neezerlaandis lama rakkoon kun akka jiru mirkaneessaniiru.

Qorannoon Yunivarsiitii Yuutireech fi Yuniversiitii Rootardaam Iraasmas keessatti hojjetame akka agarsiisutti, “namoonni ispoortii sanyiin isaanii adii ta’e yeroo baayyee beekumsa caalu akka qabaniifi ciccimoo ta’anitti ilaalamu hawaasa keessatti. Namoonni ispoortii sanyiin isaanii gurraacha ta’an garuu sababa jabina qaamaafi uumamaatiin ispoortii keessatti sadarkaa ol aanaarratti argamu jedhamee yaadama,” jedhaniiru.

Bukaayoo Saakaa

Madda suuraa, Getty Images

Hiree Arsenaal gara fuula duraa

Arsenaal dorgommii bara kanaa keessa hariiroo Afrikaa waliin qabu yaadachuufi mul’isuudhaaf taphoota dirree isaatiin ala taphatu hundarratti maaleyaa [qomee] halluuwwan alaabaa Paan Afrikaatiin faayame uffatee taphata.

Seraaliyoonitti kan dhalate Foodaay Dumbiyaa maaleyaa kana dizaayin godheera. Beeksisni uffata Arsenaal haaraa kun kan qophaa’es magaalaa guddoo Seraaliyoon, Firii Taawon keessattidha.

“Garan irraa dhufetti deebiyuun gaariidha. Karaa ijoolleen ittiin kubbaa waliin walitti dhufaniifi kubbaan miilaa Afrikaa itti mul’atu ilaaluun akkaan bareedaadha. Sababiin isaas kubbaan miilaa jireenya,” jechuun dubbate Dumbiyaan.

Landon keessatti kan guddate Dr. Niwoonkaan gama isaatiin maaleyaa Arsenaal kana yuunifoormii magaalattii jechuun ibseera.

Afrikaa keessattis ilaalchi kana fakkaatu akka calaqqisu itti ni dhaga’ama.

Maatii siriin isaanii Naajeeriyaa irraa ta’an irraa Landon keessatti kan dhalate Bukaayoo Saakaa, deeggartoota Arsenaal biratti “gurbaa bakkalcha [star boy]” jedhamuun jajama. Maqaa dargaggootaafi namoota beekamoo ta’aniif kennamudha. Maaleyaa dirree isaaniitiin ala uffatan taphattoota beeksisan keessaa tokko isadha.

Taphataa umurii wagga 23 kan ta‘e Bukaayyoo Saakaa Arsenaaliif taphoota 230 ol irratti hiriiree taphateera. Sanyummaa kubbaa miilaa keessa jiruufi dhiibbaa aadaa dura dhaabbachuu keessattis hirmaachaa jiraachuu dubbata Saakaan.

“Inni sanyiin olidha. Biriitishiifi Naajeeriyaa waan ta’eef fedhii aadaa biyyarra darburratti fedhii qabu,” jedha Dr. Niwoonkaan.

Taphataan urjii kun kilaba isaaf qofa osoo hin taane garee biyyaalessaa Ingilaandiif dhaabbataadhaa galee taphata. Warri akka Saakaa kunneen taphattootaafi deeggartoota kubbaa miilaa boodaan dhufaniif fakkeenyadha.

Taphataa laba kanaa hariiroo Arsenaal fi taphattoota gurraacha gidduu jiru mallattoo ta’ee agarsiisudha.