Ingooloo Kaantee, taphataa garraamummaa fi shaakala irraa barfachuun beekamu

Madda suuraa, Getty Images
Adunyaa kibba miilaa keessatti erga beekamtii argatee jaalattoota kubba miilaa hedduun jajama. Dirree keessatti dhibaa'ummaa yeroo agarsiisu ykn gahumsi isaa akka taphattoota tokko tokkoo takka haalaan dabalee takka ammoo gadi bu'uu miti.
Bara 2016 osoo hin eegamiin Lester Siitiin waancaa Piriimer Liigii yeroo injifatu taphattoota murteessoo jedhaman keessaa tokko ture. Ingooloo Kaantee.
Gahumsi dirree keessatti qabu haalaan aolaanaadha. garuu adunyaan kan hin tilmaamne taphataa yeroo shaakalaa irraa barfachuun beekamudha.
Faransaay Paaris keessatti dhalatee guddate. Maatiin isaa hidda dhalootaa Maalii qabu.
Harka qalleeyyii turan. Umurii isaa waggaa saddetiin kileba Suuresnes jedhamtu gale. Waggoota kudhan tahaniif hanga bara 2010tti kilebuma kana keessa taphachaa ture.
Kaanteen gahumsa gaarii agarsiisus hojjaa isaa irraa kan ka'e kilebooni gurguddaan isa hin barbaadan ture.
Bara 2010 garuu kileba Boluuny jedhamu gale. Amma gahumsi isaa kileboota hedduu waan amansiiseef hedduun isaanii gaafachuu jalqaban. Kaanteen kileba Faransaay biraa Kaayin jedhamtuuf mallatteesse. Kun baa 2013 yoo tahu, kilebicha kufaatii irraa taphataa oolchedha. Waggaa lammaffaa irratti ammoo kaayin sadarkaa gaariin akka xumuru gargaare.
Bara 22015 Leester Siitii galuun bara dorgommii 2015-16 garee waancaa injifate keessaa tokko tahe.
Waggaa tokko qofa lester Siirii erga taphatee Cheelsiin mallattesise. Cheelsiin bara dorgommii 2016-17 akka waancaa Piriimer Liigii injifatu garagaare.
Baruma sana taphataa cimaa bara dorgommichaa tahuun filame.
Cheeslii waliin waancaawwan akka FA Cup, Awurooppaa Liigii fi FIFA Club World Cup jedhaman mo'ateera. Bara 2021 yeroo Cheelsiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'atu gaheen taphataa kanaa olaanaa ture.
Garuu osoo hin eegamiin yeroo imalli taphattoota maqaa gurguddaa qabanii gara kileboota Sawud Arabiyaa tahu Ingooloo Kaantees garas imale.
Kun ammoo garee biyyaaleessaa faransaayiif filamuu irraa isa hin dhorkine.
Tapha jalqabaa Faransaay waancaa Awurooppaa Jarman qopheessite irratti taasiseen taphataa cimaa tahuun badhaafameera.
Bara 2018 yeroo Faransaay Waancaa Adunyaa mo'atte Pool Poogbaa waliin gahumsi isaan sarara gidduu irratti agarsiisaan haalaan olaanaa ture.
Jireenya dhuunfaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ingooloo Kaanteen maatii harka qalleeyyii irraa waan dhalateef bu'a ba'ii jireenyee guddaa keessa darbe.
Har'a qabeenya guddaa qabaatus nama gadi of deebisuun beekamuudha.
Taphattoota garee faallaadhaanillee nama jaalatamu jedhama.
Garraamiidha. Garuu akka malee qaana'uun beekama. Cheelsii keessatti kan isa waliin taphataa ture Koostaan fuuldura keenyattillee uffata jijjiirachuu nama sodaatudha jechuun ibse.
Miindaa guddaa argata, garuu konkolataa inni qabatu haga ammaa ishee rakasaa keessaa tokko taate jedhama.
Akka taphattoota miindaa fi beekamtii guddaa qabanii ana argaa nama jedhu miti.
Konkolaataa dabalatee akkasuma bilbila harkaayyuu kan gatiin isaa qaalii tahe hin qabatu jedhu hiriyyoonni isaa yeroo miidiyaalee adda addaatti dubbatan.
Kun ammoo akka inni jaalatamuu fi kabajamu isa taasiseera.
Kaanteen amataa Islaamaa kan hordofu yoo ta'u, amantii isaatti nama jabaadha. Yeroo soomaa hunda soomee dabarsa.
Abbaan isaa yeroo umuriin isaa waggaa 11 waan irraa boqataniif isaaf obboloota isaa harmee isaatu rakkatee guddise.
Obboleessi isaa tokkos kileboota Faransaay gara gadii jiran keessa taphataa ture.
Bara 2023 keessa qabeenya Kaantee callaan isaa yuuroo miliyoona 23tti tilmamame.
Garuu dubartii umuriidhaan hedduu isa caaltu waliin gaa'ila dhaabbate. Kaanteen yeroo fuudhu dubartii qabeenya qabdu umuriin ishee waggaa 46 taate fuudhe.
Maqaa warra mootii
Kaanteen maatii hidda dhalootaa Maalii qaban irraa 1991 dhalate. Abbaan isaa hojii dhagaa miidhagsuu irra hojjetu ture.
Harmeen isaa qulqulleesituu turan.
Aadaa hojii gaarii maatii isaa irraa dhaale jedhama.
Maatiin isaa maqaa isaa kan moggaasaniif mootii Maalii durii kan ture Ingooloo Diyaaraa waliin wal qabsiisanii akka tahe ragaaleen ni himu.
Diyaaraan yeroo tokko garba tahee bitamee jiraate. Yeroo walabummaa isaa argatetti ammoo mootii isa bite fonqolchuun impaayer mataa isaa nama ijaaree Maalii bulchaa turedha. Impaayerri isaas bara 1766 hanga 1861tti kan turedha.
Kanaafidha kaanteenis kanatti kan moggaafameef. Daandii hiyyeesonni irratti kubba taphatan Paaris keessaa ka'uun hanga kubba miilaa adunyaa to'atutti gaheera.
Kaanteen hojjaan isaa gabaabaa tahuu irraa kan ka'e kileboota hedduun tuffatamee ture. Reenes, Soshooksi fa'aa kan jedhamaniin. Leenjisaan duraanii Arsenaal Arsen Wengeris akkasuma arguun tuffataniiru.
Booda garuu Arsenaal kadhateeyyuu argachuu hin dandeenye. Kaanteenis gara jalqabaatti milkaa'aa hin turre. Abdii osoo hin kuattiin hojjechuun isaa garuu gatii baaseeraaf.
Kileba diviziyoona 3ffaa keessa taate Boluuny keessa yeroo taphataa ture abdii kutachuun karoora biraas baafatee ture.
Kubba miilaa kana keessatti yoo hin milkoofne ogummaa biraan hojjechuun qaba jechuun akkawontiingii baratee ture.
Xinnumaaf malee ittiin hojii jalqabuuf akka ture af gaaffii adda addaa irratti ibseera.
Barnoota irrattis akka dandeettii garii qabu arge. Garuu kubba miilaa milkaa'ina inni barbaadu ture kenniteef.
Dirree keessatti bakka leenjisaan barbaadetti haa argamu malee waayillan isaa Cheelsii keessa waliin turanii fi Lester Siitii keessattillee isa waliin taphatan shaakala irraa barfachuun beekama jedhuun.
Akkasis tahee garuu Kaanteen hojii isaan jaalattoota hedduu horateera. Taphattoota dandeettii guddaa agarsiisan garuu shaakala irratti dadhaboo tahan keessaa Eden Haazaard nama tokko.Leester Siitii yeroo jiru barfachuu isaaf maallaqa akka kaffalu adabame.
Garuu kaffaluu dide jedhe waayilli isaa yeroo sanaa Jaamii Vaardiin. Haga adabbii kana asitti kaffalu Afrikaatii namoota harka qalleeyyii itti gargaara jechuun akka dide yaadata.
Kaanteen akka taphattoota kaanii gadi bahee manneen nyaataa magaala keessa jiran keessaa maallaqa baasee nyaachuu hin jaalatu.
Mana nyaataa Deevid Luwizii fi Wiiliyaan Landanii waliin qaban Babbo" i jedhamu deemuun yoo nyaatu osoo hin kaffaliin akka bahuufi hedduu ajaa'ibsiisu Deevid Luwiz himeera.
Kilwwod Makeleel fi Lasanaa Diyaaraan taphattoota Kaanteen ilaalaa guddate keessaati.
Isaanumaan nama bakka bu'es jedhama. Kileboota adda addaa waliin walitti aansuun waabcaa Piriimer Liigii injifachuun ammoo Erik Kaantoonaatti aanun nama lammaffaadha.
Kaanteen Ingilaandi haga taphatetti guyyaa tokkoyyuu kaardii diimaan dirree keessaa bahee hin beeku.












