Ispeen Shaampiyoonaa Awurooppaa bara 2024 taate

Ispeen shaampiyoonaa Awurooppaa 2024

Madda suuraa, Getty Images

Ispeen waancaa Awurooppaa Jarman qopheesite kana irratti tapha tokkoyyuu osoo hin mo'amiin har'as Ingilaandiin 2-1 mo'achuun shaampiyoonaa taate.

Ingilaandi abaarsa waancaa injifachuu waggaa 60tti siquuf ture har'as cabsuu hn dandeenye.

Ispeen waggaa 12 booda deebitee Waancaa Awurooppaa injifatte. Ingilaandi bara 2020 rukuttaa peenaaliitiin Xaaliyaaniin mo’amuun waancaa Awurooppaa dhabde.

Har’a garuu seenaa kana jijjiiruuf taphattoota urjii hedduu qabachuun dhiyaattus Ispeen shaampiyoona ataate.

Onneen Ingilaandi har’a Berlinitti cabde. Wembilee qe’ee isaanii irratti salphatan waggaa lama booda Jarmanitti Ispeeniif harka laatan.

Gareen La Foontee ijoollee waggaa 17 Lamiin Yaamaal fi Niikoo Wiiliyaamsi qabachuun sarara fuulduraan adunyaa raajefffachiisan.

Lamiin Yaamaal taphataa ol adeemaa jabaa dorgommii Awurooppaa 2024 tahuun badhaafame.

Taphataan Maanchister Siitii Roodirii taphataa cimaa dorgommii Waancaa Awurooppaa tahuun filame.

Ispeen yeroo arfaffaaf Shaampiyoonaa Awurooppaa tahuu isheeti. Gareen Gaarez Saawuzgeet garuu ammas seenaa fokkisaa garee biyyaalessaa Ingilaandi haaressuu hin dandeenye.

Bara 2023 kubba miilaa dubartootaanis Ispeen 1-0 Ingilaandiin injifachuun waancaa fudhattee ture. Dhiirotaan har'as irra deebi'an.