Biyyi Piriimer Liigiin keessatti kubba miilaa abuure Ingilaandi akkamin waancaa malee waggoota 60 turte?

Madda suuraa, Getty Images
Gareen biyyaalessaa dhiiraa Ingilaandi erga waancaa mo'atanii waggootni 58 darbaniiru.
Isa dhumaaf kan mo'atan Waancaa Adunyaa yoo tahu, innis bara 1966 ture.
Kun biyya Piriimer Liigiin keessatti dagaagee adunyaa hawwate Ingilaandiif taatee addaati. Abaarsi waancaa biyyaalessaa isaanirraa fageesse maali?
Bara 2020 abaarsi kun irraa cabuuf fiixeerra gahe jedhame. Xumura waancaa Awurooppaaf Xaaliyaanii waliin gahan.
Tahus rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amanii waancicha dhaban.
Gareen Saawugeet Dilbata boruu Jarmanitti seenaa kana jijjiiruuf dhama'u.
Waancaa Adunyaa bara 2010 fi Waancaa Awurooppaa bara 2012 kan mo'atte Ispeen waliin morkii jabaa taasisu.
Gareen biyyaalessaa Ingilaandi akka dhuunfaatti taphattoota jajjaboo adunyaa irratti barbaadamanii fi gatii guddaa baasan akka Haarii Keen, Juud Beelingihaam, Fiil Fooden, Bukaayoo Saakaa, Deklaan Raayis fa'aa qaba.
Faallaa kanaa kanaan dura taphattoota akka Zhaavii, Ineshtaa, Serjiyoo Raamos, Zhaavi Alonsoo fa'aan kan beekamtu Ispeen amma garee jabaa l adeemtotaan ijaaraa jirti malee akka kan Ingilaandi warra maqaa guddaa qaban miti.
Garuu dorgommiin kun jalqabee hanga ammaa biyyi osoo hin mo'amiin darbite Ispeen qofadha.
Hojii garee isaan hojjetanii fi taphataan ganna 16 Lamiin Yaamaal adunyaa raajeffachiisuun Faransaayiinis mo'atanii waancaaf darban.
BBC Sport ammoo taateewwan kudhan garee biyyaalessaa Ingilaandi onnee cabsuun darban filateera. Mee isaaniin haa ilaallu.
Bara 2020 injifachuuf yeroo fiixeerra gahan
Ingilaandi bara 2020 qe'ee ishee baayyee jaalatamu Wembilee irratti taphoota shan taphattee mo'achuun xumura waancaa Awurooppaaf Xaaliyaanii waliin darbite.
Waancicha qopheessinee asumatti hanbifanna abdiin jedhu ture.
Hedduun isaanii inumaa shakkii hin qaban ture. Taphni jalqabee taphataan maanchister Yuunaayitid Luuk Show galchii lakkoofsise.
Osoo hin turiin garuu taphataan sarara ittisaa muuxannoo guddaa qabu Li'oonaardoo Boonuchii wal qixxeesse.
Taphni qoxa dhume. Rukuttaa peenaaliitii kennameefiitti yoo darban jijjiiramanii kan galan Bukaayoo saakaa, Maarkas Raashfoordii fi Jeden Saanchoon rukutticha dhaban.
Wembilee irratti ammas onneen warra Ingilaandi ni cabde.
Kun isaaniif dhukkubbii guddaa mitiiree?
Gammachuun jalqabdee sa'aan dabalataa gadda baatee dhufe [Waancaa Adunyaa 2018]
Dorgommiin kun ammoo Ingilaandiif abdii biraa qabatee dhufe jedhame.
Taphattoota qabaniin hedduun waancaa Adunyaa kana mo'achuuf abdii qabu ture. Kan Raashiyaan qopheessite jechuudha.
Ingilaandi walakkaa xumuraaf geesse. Kirooshiyaa waliin taphni gaggeessan akka gaariitti jalqabe. Keeran Tiriipper fageenyarraa rukutee lakkoofsisuun dursa qabatan.
Dhuma irratti garuu ni mo'aman. Sadarkaa sadaffaaf Beeljiyeem waliin yoo taphatan ammas mo'amuun gadda biraa isaanitti tahe.
Asirratti Ingilaandi rukuttaa peenaaliitiidhaan Kolombiyaa yeroo mo'attee 16 keessaa nuusa xumuraatti darbitu walitti aansitee si'a shan mo'amtee kan turte fooyyesite jedhamte.
Salphina Ingilaandi isa guddaa (Euro 2016)
Seenaa kubba miilaa Ingilaandi keessatti salphina jedhamee kan galmaa'eef keessaa tokko.
Garee irraa darbanii 16 keessa yeroo galan nuusa xumuraatti darbuuf Aayislaandi waliin taphatan.
Ingilaandi dursa qabachuuf daqiiqaa shan qofa itti fudhate. Wayinii Ruunii galchii jalqabaa lakkoofsise.
Daqiiqaa 15 booda garuu Ingilaandi ni durfamte. Qabxii kana jijjiiruuf yaalanis hin milkoofne.
Kun leenjisaa isaanii Rooy Huudsan hojiirraa gaggeessise.
Galchii galtee haqamuun atakaaroo kaaste (Waancaa Adunyaa 2010)
Yerootti Waancaan Adunyaa yeroo jalqabaaf gara ardii Afrikaa dhufe ture. Afrikaa Kibbaatu qopheesse.
Erga 16 keessa galanii Ingilaandi kan yeroo sana Faabiyoo Kaappeelloon leenji'aa turte Jarman waliin ishee gahe.
Jarman dursitee galchite.
Murteessaan ammoo Horhee Lariyoondaa jedhama.Lammii Yuuraagaayiiti.
Firaanki Laampaardi galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.
Kubbi sun garuu erga sarara darbitee duubatti kuruphisun [bounce] waan hin galle fakkaatte. Murteessichi galchiin hin galle itti fufaa tphadhaa jedhan.
Jarman boqoannaa boodas lakkoofsisuun Ingilaandiin 4-1 mo'atte.
Kaardii diimaa fi peenaaliitiin mo'amuu [Waancaa Adunyaa 2006]

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara kana Ingilaandi gahumsa gaarii irra hin turre.
Paaraguyiin kan mo'atan galchii isaan ofirratti lakkoofsisaniin ture.
Ergasii Tiriinadaad and Toobegoo biyya jedhamtu daqiiqaa gara dhumaatti galchii lama lakkoofsisuun mo'atan.
Deevid Beekam galchii tokko Ikkuwaador irratti lakkoofsisuun nuusa xumuraaf darban.
Walakkaa xumuraatti darbuuf yeroo Poorchugaal waliin taphatan Wayinii Ruunii kaardii diimaan dirree keessaa bahe.
Diraamaa kana illee waayila isaa yeroo sana Maanchister Yuunaayitid keessatti waliin taphatan Kiristaanoo Roonaaldootu itti hojjete jedhama.
Ruuniin akka dafee aaru waan beekuuf akka waayillan isaa isa aarsanii fi balleessaa irratti hojjetan gorseera jedhama.
Ruuniin Roonaaldoo irratti balleessaa xiqqaa yeroo hojjetus baay'ee ho'ifatee kufuun kaardii akka argatu taasiseera.
Dhumarratti milkaa'eef. Ruuniin kaardii diimaan dirreetii bahe. Qixa xumuranii rukuttaa peenaaliitiidhaan Owen Haargiriivsi qofa lakkoofsisuun 3-1 mo'aman.
Amma peenaaliitiin mo'amuu (Euro 2004)
Amma Ingilaandi akkamiin akka mo'amaa turte hubattaniittu.
Bara kanas Ingilaandi Poorchugaal waliin taphattee taphattootni maqaa guddaa qaban seenaa hin taane galmeessan.
Nuusa xumuraa keessatti Ingilaandi Poorchugaal irratti lakkoofsiftee dursa qabatte.
Waynii Ruunii miidhamee bahe. Laampaardii fi Ruhi Koostaa biyya isaaniif lakkofsisuun sa'a dabalataattis qixa xumuran.
Deevid Beekam rukuttaapeenaaliitii dhabuun taphichi injifannoo Poorchugaal 6-5 xumurame.
Kaardii diimaa fi rukuttaa peenaaliitii gadda fidde [Waancaa Adunyaa 1998)
Taphni mo'atanii darbuu salphaa miti. Ingilaandi Arjentiinaa waliin ishee gahe.
Ingilaandi galchii Alen Shiirerii fi Maayikil Oween lakkoofsisaniin dursa qabatte.
Gabri'eel Batistutaa Arjentiinaaf dursee lakkoofsisee ture.
Haviyeer Zanetii Arjentiinaa wal qixxeesse.
Boqoannaa dura Deevid Beekam kan amma Atileetiikoo Maadirid leenjisaa jiruu fi yeroo sana Arjentiinaaf taphataa ture Deegoo Simoonee waliin walitti bu'uun kaardii diimaan dirreetii bahe.
Ammas qixa xumuranii Ingilaandi rukuttaa peenaaliitiin mo'amte.
Ergasii Beekam bara 2002 Waancaa Adunyaa irratti Arjentiinaa irratti lakkoofsiseera.
Ammas peenaaliitii biraa (Euro 1996)
Yeroo kana nuusa xumuraa keessatti Ingilaandi Ispeen waliin taphatte.
Taphicha qixa 0-0 xumuran. Rukuttaa peenaaliitii 4-2 Ispeeniin mo'achuun gammachuun burrqqan.
Walakkaa xumuraa keessatti ammoo Jarman argatan. Taphichi qixa 1-1 xumurame.
Inniyyuu hanga sa'a dabalataatti ture.
Rukuttaa peenaaliitiidhaan 6-5 mo'amuun keessaa bahan.
Yero sana rukuttaa peenaaliitii kan dhabe leenjisaa Ingilaandi ammaa Gaarez Saawozgeetidha.
Peenaaliitii onnee cabsite ( Waancaa Adunyaa 1990)
Ammas rukuttaa peenaaliitii!
Yeroo kana ammoo Jarman Lixaa walin ture kan taphatan. Jarman yeroo sana bakka lamatti qoodamtee ture.
Kan amma kubba miilaa xiinxalu Gaarii Liinker Ingilaandiif lakkoofsisee wal qixa xumuran.
Walakkaa xumuraa keessatti ture. Xumura waancaaf darbuuf.
Ingilaandi 4-3 mo'amte.
Pool Gaaskoonyii taphataan jedhamu imimmaan qabachuu dadhabe. Akka malee bo'e. Hnaga ammaa ni yaadatama. Yeroo akka amlee gaddan ture.
'Harka Waaqaa' Maraadoonaa ( Waancaa Adunyaa)

Madda suuraa, Getty images
Diraamaa fi gaddi Ingilaandi kan bara lakkofsisedha.
Galatni galchii 'Harka Waaqaa' Maraadoonaa jedhamtee waamamtuuf haa tahu amlee Arjentiinaan ammas Ingilaandi irra aante.
Akkas ture. Nuusa xumura Waancaa Adunyaa irratti Deegoo Maraadoonaan kubba qilleensarra argate waan utaalee mataan dhahe fakkeessuun harkaan tuqee dabarsuun galchii lakkoofsise.
Murteessaan yeroo sanaa lammii Tuuniziyaa Alii Been Naaser jedhama.
Akka ammaa VAR waan hin jirreef murteessaan waan itti amane murteessee darba.
Murteessaa sarara irraa gaafatus sirriidha. galeera jedheenii. Ingilaandi osoma komatanii ammas gahumsa adda taheen Maraadoonaan galchii biraa lakkoofsise.
Karra eegaan Ingilaandi yerosii Shiiltan bara 2020 Maraadoonaan galchii sanaaf dhiifama hin gaafanne. Ammayyuu keessikoo isatti qabameera jedhe.












