KALLATTIIN, Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz irratti Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhatu dhaadannaan gatiin boba'aa gadi bu'e

Waraana US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiraniin walqabatee gatiin boba'aa addunyaa erga bara 2022 as akkaan dabaleera. Baarmeeliin tokko hanga doolaara 120 ga'eera. Kanaaf sababi ijoon tarkaanfii Iraan Ulaa Hormuz irratti fudhattedha. Garuu erga Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz ilaalchisee Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhatu dhaadatee gatiin boba'aa deebi'ee bu'eera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yeroo kanatti Raashiyaan Iraan waliin hariiroo cimsachuun Tiraamp fi Putiin gidduutti maal uuma?

    Tiraamp, Istiiv Witkof fi Piit Hegseth

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan waraana US-Israa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru keessatti Iraan gargaaraa jirti gabaasi jedhu erga ba'ee booda Tiraamp fi Puutin bilbilaan dubbataniiru.

    Dhuma torbee darbee kana [Sambataa fi Dilbata] miidiyaaleen US- Washington Post, New York Times, fi Associated Press qondaalota osoo maqaasaanii hin eerin wabeeffachuun Raashiyaan tajaajila adda addaa Iraaniif kennaa jiraachuu gabaasan.

    Akka gabaasa miidiyaalee kunneeniitti Moskoon tajaajila tikaa fi odeeffannoo wiirtuuwwan humna waraanaa fi loltoota US Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluuf gargaaruun Iraan tumsaa turteetti.

    Raashiyaan garuu Iraan tumsaa jiraachuu ifatti hin dubbanne.

    Haata'u malee haleellaan Iraan irratti raawwatamu ''itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi gocha badaadha,'' jechuun balaaleffatteetti.

    Iraan akka buufataalee waraanaa US haleeltu tumsuun hariiroo Moskoo fi bulchiinsa Tiraamp gidduu jiru kan xureessuudha.

    Raashiyaa fi US bara kana dhimma waraana Yukireen xumuruu irratti yeroo hedduu waliin mari'ataniiru.

    Waayit Haawus ifatti Raashiyaan haala adda addaan Iraan tumsaa jiraachuu hin ibsine, garuu tumsi akkasii yoo jiraate garaagarummaa bal'isa jedhe.

    Tiraamp waa'ee odeeffannoo argachuun Iraan ilaalchisee ''waan torbee darbe Iraan irratti raawwatame yoo fudhatte, odeeffannoo argataa turan yoo ta'e odeeffannichi isaan gargaaraa hin jiru jechuudha,'' jedhe.

    Ergamaan addaa Tiraamp, Istiiv Witkof [kan Tiraamp bakka bu'ee Raashiyaa waliin mari'atu] Raashiyaan odeeffannoo tikaa fi basaasaa Iraaniif qooduu ilaalchisee homaa dubbachuurraa of qusateera.

  2. Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz irratti Iraan cimsee akka adabu erga dhaadatee booda gatiin boba'aa hir'ate

    Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Tiraamp daandiin boba'aan addunyaa hedduun irra geejjibsiifamu, Ulaan Hormuz, haleellaa Iraaniin danqamuu ilaalchisee akeekkachiisa kenneera.

    ''Iraan boba'aan akka Ulaa Hormuz keessa hin dabarre yoo goote kan ammaa yeroo digdama caalaa Ameerikaadhaan haleelamti,'' jedhe.

    Boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u karaa kanaan darba. Ulaan kun danqamuun addunyaarratti hanqinni boba'aa akka mudatuu fi gatiin garmalee akka dabalu taasiseera.

    Tiraamp dhaadannoosaa wayita itti fufu ''qiyyaafannoowwan salphaatti rukutamuu danda'an rukunnee mancaasna. Akka lamuu hin deebinetti barbadeessina. Duuti fi haleellaa hamaan isaan eeggata,'' jedhe.

    ''Garuu akka kun hin taane nan abdadha, nan kadhadhas.''

    Kana malees Tiraamp waraanni kun ''yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama,'' jedheera. Garuu ammoo US ''ammallee guutummaa hin injifanne,'' jedhe.

    Ibsa Tiraamp kenne kana hordofee gatiin boba'aa addunyaarratti baarmeeliin tokko hanga doolaara 120 ga'ee ture hir'ateera. Daballiin gatii boba'aa kun erga bara 2022 as isa guddaadha.

    Gabaa Eeshiyaarratti ganama kana gatiin boba'aa baarmeelii tokkoo dhibbeentaa 8.5 ta'uun hir'ateera. Kana jechuun gara doolaara 92.5 ta'eera jechuudha.

    Ameerikaatti ammoo dhibbeentaa 9n hir'achuun, gatiin boba'aa baarmeelii tokkoo doolaara 88.6tti hir'ateera.

    Haata'u malee ammas taanaan gatiin boba'aa kan waraana dura ture harka 30n caalee jira.

  3. Yooyyaa!

    Akkam bultan hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Waraana US-Israa'el fi Iraan akkasumas dhimmoota biyya keessaa fi alaa irratti odooffannoo jiran karaa kana isin biraan geenya.

    Odeessaalee tamsaasa kallattiin dhiheessaa turre:

    Odeessaalee kaanis ni argattu, nu hordofaa!