Koornaa dabalatee kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu akkamiin akka Piriimer Liigii jijjiiraa jiru

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Umir Irfan
- Gahee, Football tactics correspondent
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6
Arsenaal kubbaa bakka dhaabbatee dhiituun goolii 14 lakkoofsisuun dursaa jira. Koornaarraa dabalatee jechuudha. Kun ammoo Piriimer Liigii keessatti yeroo kamirrayyu caalaa isa olaanaadha.
Gama kaaniin Maanchester Siitiin kubbaa bakka dhaabatee dhiitamurraa goolii tokko qofa lakkoofsisuun bara kana Piriimer Liigii keessatti isa dhumaadha.
Arsenaal bara kana gooolii lakkoofsise 58 keessaa %33 kan ta'u kubbaa bakka dhaabaterraa ka'udha. Kana keessaa ammoo gooliin 16 koornaadha.
Kanaaf, Arsenaal mootii kubbaa bakka dhaabbatee ka'urraa lakkoofsisuuti jedhamaa jira. [Arsenal is the king of set ‌piece.]
Set ‌piece = Kubbaa bakka dhaabbatee ka'u.
Bara kana Piriimer Liigii keessatti goolii lakkaa'aman waliigalaa keessaa %27 kan ta'e kubbaa dhaabate (set ‌piece) kanarraa kan argamedha. Kun ammoo erga bara 2009-10 as liigota Awurooppaa kamirra kan caaludha.
Hanga ammaatti bara kana Piriimer Liigii keessatti gooliiwwan 138 koornaa qofarraa argamaniiru.
Kanaaf, kubbaa dhaabaterraa lakkoofsisuun deebiyee Piriimer Liigii akka haaraatti bifa qabsiisaa jira jedhamaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmi kun ijoo dubbii kubbaa miilaa tibba kanaas ta'eera.
Maanchester Siitiin Piriimer Liigii sadarkaa lamaffaa qabatee dursaa Liigichaa Arsenaal muddaa jiraachuun isaa beekamaadha.
Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa waa'ee kubbaa dhaabataarraa goolii lakkoofsisuu Arsenaal ittiin olaantummaa qabate gaafatameera.
Tooftaa Arsenaal kana ifatti mormee falmii keessa seenuu hin barbaadne. Garuu tooftaa taphaa ittiin beekamu kubbaa to'achuun dhiibbaa uumuufi isa 'tiikii taakaa' jedhamu fayyadamuu itti akka fufu dubbate.
Erga Erliing Haalaandiin mallatteessisee Maanchester Siitiin hanga tokko kubbaa dhiiraa dabarsuu itti makachuu jalqabus, tooftaama Gaardiyoolaan duraan ittiin beekamu sana qabatanii deemaa jiru.
"Kun hojii ani keessa jirudha. Ani manaajeradha. Ani kubbaa dhaabaterraa lakkoofsisuu (set-pieces) hin jaalladhu jechuu hin danda'u. Itti baree hojjechuun qaba," jedhe Gaardiyoolaan.
"Kubbaan erga uumamee kaasee bifa gara garaatiin taphatama. Akka Ingilaand keessatti taphatamu, akka Ispeen ykn Xaaliyaan keessatti taphatamurraas adda.
"Tokkoo tokkoon manaajeraa tooftaa tapha garaa garaa mataasaa qabaata. Osoo manaajeroonni hunduu bifa wal fakkaatuun kan taphatan ta'ee akkam akka nuffisiisaa ta'u hubadhaa. Ani itti baruun qaba, hin daawwadhu garuu itti baruun narra jira."
"Dhugumatti kun dandeettii Arsenaal isa guddaadha, bara kana haala nama ajaa'ibsiisuun fayyadamaa jiru," jedhe Gaardiyoolaan.
"kanatti fayyadamuudhaaf taphattoota kanaan gahumsa qaban qabu, taphattoota qaamaan gahoo ta'an qabu. Kanaaf, kun waan sirriitti irraa of eeggachuu qabnudha, garuu tooftaa tapha keenyaas ammoo ittuma cichina."
Yeroo ammaa kana xiinxaltoonni kubbaa miilaa yeroo ammaa dabalaa kan dhufe kubbaa dhaabaterraa akkamiin akka milkaa'uu danda'amu haasa'aa jiru.
Kana hubachuudhaaf ammoo tooftaa Arsenaal fayyadamu kana gadi fageenyaan ilaalu.
Keessumaa jalqaba ji'a kanaa tapha Darbii Landan Arsenaal Chelsii 2-1'n mo'ate akka fakkeenyaatti kaasu.
Kubbaan dhaabate ni tilmaamama garuu...
Kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu tilmaamuuf salphaa ta'uu isaarraa kan ka'e yeroo baayyee gareen itti dhiitamu hanga danda'ame ijaaramanii ittisu.
Amma dandeettiin kubbaa dhaabaterraa goolii argachuun tooftaafi mala ittiin ittisa ijaaramu kana ittiin mo'atanidha. Kun ammoo leenjii, qophii fi qorannoofi gahumsa qaamaa barbaada.
Arsenaal kanarratti hojjechuun itti fayyadameera. Garuu qeeqni isa mudate jira. Arsenaal kubbaa bareedaa ittiin beekamu dhiisee, tooftaa kubbaa dhaabate kana fayyadamuu isaatiin kanneen qeeqan hedduudha.
Garuu deeggartootaafi taphattoota Arsenaaliif garuu akkaataa barbaadameenis ta'u Arsenaal mo'achuutu isaan gammachiisa.
Taphataan sarara gidduu Arsenaal Dekilaan Raayis tibbana taphataa cimaa Landan bara kanaa ta'ee yeroo filatametti dhimma kanarratti yaada isaa kennee ture.
Arsenaal qeequun hin hafu jedhe. "Kanaan dura Arsenaal tapha bareedaa taphata garuu waancaa argachuu dadhabe jedhu' amma ammoo tapha bareedaa qofarratti fuulleffachuu dhiisee tooftaa garagaraan goolii lakkoofsisee yeroo mo;atutti tapha bareedaa agarsiisuu dide jedhu" jechuun yaadasaa ibse Raayis.
Kilaboonni tokko tokko yeroo Arsenaal koornaa argatu 'akka rukkuttaa peenaaliitiitti' yaadda'uu jalqabaniiru. Kanarraa ka'uunis akkaataa Arsenaal kubbaa dhaabate keessumaa koornaa irraa irratti hin lakkoofsinerratti qopha'anii dhiyaachuu jalqabaniiru.
Kanaaf, tapha Karabaayoo Kaappii walakkaa xumuraa marsaa lamaffaa Arsenaal fi Chelsii gidduutti taphatame yaadachuun gaariidha. Leenjisaan garichaa Liyaam Roozinar yeroo Arsenaal koornaa argatan taphattoota isaa keessaa sadii dirree walakkaa akka dhaabatan godhee akka taphattoonni Arsenaal itti hin fayyadamne gochuun ittisa ature.
Suura yeroo taphattoonni Chelsii koornaa Arenaal argate ittisuuf jedhanii saanduuqa keessaa gara dirree walakkaatti baqatan agariisu kanarraa hubachuu dandeessu.

Tapha Piriimer Liigiin Cheslii waliin walitti dhufan irratti ammoo Arsenaal irratti dammquun waan biraa falate. Ammas akka suura gadii kanarratti argitanitti, taphattoonni Arsenaal sadii xiqqoo bahanii waan lama hojjecha ajiru- tokko carraa koornaa gooliitti jijjiiruufi kubbaa gara isaaniitti galagalee ce'ee itti galuu danda'u eeguu.
Taphattoonni Arsenaal ja'a garuu karra goolii Cheslsiitti muddanii koornaa irraa bu'aa buufachuuf yaalu.
Kanarraa wanti hubatamu, kubbaa dhaabaterraa lakkoofsisuun fedhiin isaa dabalaa deemuufi tooftaan ittiin lakkoofsisaniifi ofirraa ittisanis saffisaan jijjiiramaa deemuu isaati.

Leenjii Arsenaal kubbaa dhaabatetti fayyadamuu
Nikoolaas Joover leenjisaa Arsenaal kubbaa dhaabatettti fayyadamuuti. Arsenaal kubbaa dhaabaterraa lakkoofsisuuf toofataa jijjiiruun akka gargaaraman leenjisaan kun gahee guddaa taphataa jira.
Fakkeenyaaf, saanduuqa keessatti yeroo koornaan dhiitamu taphattoota Arsenaal eeguun ni rakkisa.
Chelsiin kana Arsenaaliin itti mo'ameef tokko sababa kanaan ture. Cheslsiin taphataa Arsenaal tokkotti, taphataa eegu rarramaduu yaalee turte. Garuu akkaataan taphattoonni Arsenaal itti hiriiraniifi saanduuqa keessa faffaca'an ittisa Chelsii burjaajessa.
Kana malees, Arsenaal dursee garee morkataa isaa akkamiin, eenyuti ittisa kan jedhu qayyabata. Qayyabatee hubachuun akkaataa ittiin jifatu ykn kubbaa dhaabate kana gooliitti jijjiiruu yaalu hojiirra oolcha.
Bakka kilaboonni taphattoota hiriirsee ittisu tilmaamuu danda'uun ammoo kubbaa dhaabate kana carraa gooliitti jijjiiruu uuma.
Arsenaaliifi laanjistoonni kilabichaa kana kan hojiirra oolchan.
Akkaataa taphattoonni Arsenaal itti balkka qabatanii dhaabbataniifi taphattoonni Cheslii ittisuuf yaalan suura kanarraa ilaaltanii hubachuu dandeessu.

Taphattota sarara ittisaa Arsenaal Piyeeroo Hin kaappii fi Yuuriyaan Tiimber waan isaan tapha Chelsiirratt hojjetan ilaalaa.
Taphattoonni Chelsii lama murteessoo ta'an Mammaduu Saar fi Mooyisees Kasiyeedoon isaan qabuuf itti wayita galagalanitti jifataa Arsenaaliif bakkatu bal'ata.
Taphattoonni Cheslii kaanis kan biraatti ramadamanii ijaan eegaa jiru. Si'a kanatti bakki bal'aan uumamee taphataan Arsenaal qophaa'e hulluuqee bakka sana qabachuun kubbaa gara gooliitti yaala.
Kun danquufi ogummaa bakka ballisuu/uumuuti.

Danquun karaa lamaan gargaara. Wiliyaam Saliibaan Asitti Andiree Saantos warra Chelsiin eegamaa jira, garuu osoo hin beekiin karra eegaa Chelsii Roobert Saancheeziin ammoo akka bahee kubbaa hin qabane ykn faggeessine daha.
Bakki Saliibaan qabate kun karra eegaa Chelsiif, akkasumas Saantos akka gahee isaanii hin ba'anneef danqaadha.

Kubbaa miila bitaa Saakaarraa dhufu
Bara kana kubbaan miila bitaa Bukaayoo Saakaa irraa koornaa dabalatee ergamu Arsenaaliin hedduu fayyadaeera.
Kubbaan isaa golbooftee ergamtu kun koornaa irraa yeroo ergamtus ta'e, yeroo inni gara gooliitti yaalu bu'aa argamsiisaa jirti.
Kubbaan akka Saakaa kun saanduuqa karra goolii sana keessa yeroo galtu karra eegaan qabachuuf ni rakkisti, jifattoota eeggataniif ammoo mijattuu taatee dhiyaatti.












