Taphataan Arsenaal guyyaa seeqaa deemu, halkan kadhataa bulu Eberechee Eezeen eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo hundumaa seeqaa deema. Onnee isaa keessa garuu godaannisa guddaa jira.
Ija isaa imimmaantu guuta. Garuu harka hin kennu jedhee seeqaan haguugee darba.
Ijoollummaatti namni akka isaa qorame hin jiru. Mana galee jilbeenfatee waaqa kadhachuun beekama.
''Maali qormaanni hagas baay'atu ijoollummaatti na mudate?'' jedhee beeka. Garuu abdii hin kutanne. Seeqa, imimmaanii fi kadhata halkanii Eberechee Eezee milkaa'inaaf isa gahe waliin ilaalla.
Deeggartoonni kubba miilaa hedduun baay'ee isa jaalatu. Bu'a bahii jireenyaa kan jalqabe ijoollummaan ture.
Akkuma ijoollee kamiiyyuu taphataa kubba miilaa jabaa tahuu barbaada ture. Garuu waggaa 13 yeroo tahe kilebni inni baay'ee jaalatu Arsenaal kilebicha gadhiisee akka bahu godhe.
Guyyaa sanarra imimmaan Ebereche Eezzee lolaase adda jedhu maatiin isaa. Gaddi kana caalu na mudata jedhee waan hin yaadneef kileboonni kaan si hin barbaannu yeroo na jedhan baay'eema na hin naasisu ture.
Garuu gadda guddaan ijoollummaatti dabarsedha jedhe taphataa haaraa Arsenaal Ebereche Eezee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sana booda Fuulham gale. Fuulhaamis gahumsa kileba keenya madaalu waan hin qabneef si hin barbaannu jedhaniin.
Abdii hin kutane. Kileba Riidiingi jedhamu deeme. Carraa wal fakkaataatu isa mudate. Kubbi miilaa hireekoo miti jedhee ofirra hin teenye.
Kibba Baha Landan naannoo Giriinwich jedhamu keessatti dhalatee kan guddate Ebereche Eezeen qormaata kana hundaa keessa darbuun abjuu isaa irraa osoo abdii hin kutatiin jabaatee hojjetaa ture.
Fuulhaam, Riidiingii fi Arsenaal booda gahumsakoo ilaalaa na fudhadhaa jedhee Sanderlaandii fi Biristol Siitii gale.
Kileboonni lameenuu isa hin feene. Ammahoo abdii hin kutattuu? Hiree jireenyakee gara biraa hin barbaaddattuu jechuu dandeessu.
Daa'ima kan ture Eezeen gahumsa isaa beeka. Garuu kileba kana isa keessatti argu hin arganne. Ittuma cichee gara QPR deeme.
Kileba Miilwol jedhamu keessa waggaa lamaaf ture. Akkuma Miilwol galeen Arsenaal waliin tapha qaban irratti hirmaate.
''Kilebichaan tuffatamee bahuunkoo baay'ee na miidheera. Miirakoo akkattan ibsadhun dhabe. Imimmaankootu ija na guute,'' jedhe.
Carraa barnootaa fi kubba miilaa Miilwol keessatti argate waggaa lamaa akka xumureen kilebichis gadhiisii bahi jedhame. Kun bara 2016 yoo tahu sana boodadha gara Sanderlaandi deemuun achittis fudhatama kan dhabe.
Haamileen isaa bu'eera, gaddi isa miidheera. Garuu waan tokko hin dhiisne.
Halkan halkan maatii isaa waliin tahuun kadhannaa irra bulu. Amantaan isaa Kiristaana yoo tahu maatii isaa waliin jilbeenfatanii boo'anii kadhachaa akka bulan ofumaaf dhugaa baheera.
Yeroo kana QPR carraa tokko kenneefii. Sana booda kufaatiin seenaa tahee hafe.
Seenaan jireenyaa Eezee fudhatama dhabuu, ofitti amanamummaa, kutannoo, amantii, cichoominaa fi qormaataan kan guutedha.
''Waan yeroo hundaa of gaafataa ture. Yaaliif kileboonni kan na barbaadan yoomi laata?'' kan jedhudha jedhe. Of qopheessuuf. Tokko na dide jedhee ofirra gadi hin teenye.

Madda suuraa, Arsenaal
'Kadhannaa halkan guutuu Sanderlaandi galuuf taasise'
Eezzeen har'a taphataa addunyaan beektuu fi raajeffattudha. Isa dura garuu warri isa beekaniyyuu sin barbaannu jedhaniiruun.
Amma umurii isaa waggaa 26'n galchii fi kubba mijeessee kennuun beekama. kanaafidha Arsenaalii fi Tootenhaam irratti wal dorgomuun kilebni duraan si barbaadu jedhe gatii guddaa baasuun kan deebisee bitate.
Har'a bu'aa abdii kutachuu diduu isaa hammachaa jira. Jireenyi kunoo akkasi.
''Daandiin jireenyaa ani dabarse kun hundi akkan jabaadhuu fi guddadhu na gargaaraniiru jedheen amana'' jedhe.
Eezzeen yeroo hedduu waldaa deemuun kadhachuu jaalata. Maatii Kirsitaanaa irraa dhalate. Amantaa isaa hedduu jaalata.
''Ijoollee hedduu kileboonni isaan ariinaan takka yaalanii achumaan kubba taphachuu dhiisan nan beeka. Ani har'a as gahuukoof yaa Waaqayyo saa galatu qofan jedha. Silaa yoona kana bakka taheen waa hojjedha ture,'' jedhe.
''Jaalala kubba miilaatu ana hin dhiisne.''
Arsenaal booda Fulhaam keessa waggaa lama dabarseera. Riidingis isa hin barbaanne. Erga Miilwolis isa gadhiisanii Sanderlaandi waamanii si ilaalla jedhan.
''Achi [Sanderlaandi] torban tokko qofan ture.''
''Nan yaadadha, obbolaakoo dhiiraa waliin siree irra ciisnu tokko jalatti kufnee kadhachaa bulle. Yaa waaqayyo adaraa akka Sanderlaandi kontiraata naaf kennan carraa tokko naaf kenni, jabaadhee nan hojjedhan jedhe.''
''Guyyaa itti aanu akka ana hin barbaanne odeeffannoon na gahe. Baay'een aare. Garuu kilebni biraa immoo yoom na waamanii na ilaalu laata jedheen of keessatti dubbataa ture. Yeroo sanadha QPR kan na waaman.''
'Sin barbaannu.......deemi'
Bara 2018 Eezzeen umuriin isaa waggaa 19 taheera. Yeroo sana QPR 'f dhaabbiimaan taphachaa ture.
''QPR keessatti namoota na hubatanii fi dandeettiikoo arguu danda'aniin argadhe'' jedhe.
''Daandii jireenyaatu achiin na gahe, kileboota hedduutu si'a hedduu si hin barbaannu na'' jedhe.
Daariktera kutaa teeknikaa QPR, Kiriis Raamsee, leenjisaa kilebichaa Andii Impeey fi Pool Haal, akkasuma taphataa sarara duraa kilebichaa yeroo sanaa Lees Ferdinaand akka taphataa jabaa tahuuf akka isa gargaaran hime.
''Hedduun isaan galateeffadha. Imalli jireenyakoo gara guddinaatti yeroo sana jalqabe. Isaan irraa kan ka'e amantaan ofirratti qabuyyuu baay'ee jijjiirame,'' jedhe.
''Ijakoo anaaf banan. Baay'ee na barsiisan. Kubbi miilaa kubba qabatanii komokomanii nama bira dabarsuu qofa akka hin taane na barsiisan. Gahumsa hin tuqamne ana keessatti argan. Isa akkan baasee fayyadamuuf na gargaaraniiru,'' jedhe.
Nmani tokko akka abdii hin kutanneef, dandeettii qabuun akka guddatuuf namoota mul'ata namaa nama keessatti arganii nama gargaaran akkasii nama barbaachisa.
Eezzee har'aa akka arginu kan godhan namoota isatti amanuun carraa biraa kennaniifiidha.
Bara 2020 yeroo Eezzeen paawondii miliyoona 19'n Kirsitaal Paalaas galu Shaampiyoonshiippii keessatti qofa galchii 20 lakkoofsisee ture.
Miilwool sin barbaannu jedhee erga gaggeessee waggaa afur keessatti osoo kilebichi shaampiyoonshiippii keessa jiruu Eezzeen taphataa jabaa Piriimer Liigii keessatti beekaman keessaa tokko tahe.
Garuu har'a Eezzeen kileboota kana dura si hin barbaannu jedhanii isa gaggeessanitti haloo qabateeraa?
Natti hin fakkaatu. Silaa Arsenaalittis haloo qabachuun isaan aarsuuf Tootenhaam gala ture.
''Duubatti deebi'ee akkasitti na gaggeessuu hin qaban ture jedhee yaadee hin beeku,'' jedhe Ezzeen.
''Yeroosaatti murtoo isaanitti fakkaate fudhatan. Har'a dhugaadha waan dogogoran fakkaata. Garuu yeroo san aisaaniif murtooma sirrii fudhatan isaanitti fakkaateera,'' jedhe.
''Kanaaf nama tokkoyyuu hin komadhu. Garuu daandiin jireenyaa irra darbe kun hundi akkan jabaadhee hojjedhee taphataa cimaa tahuuf na gargaareera jedheen amana.''
''Homtuu anaaf hin kennamne. Waan ani kubba miilaa keessatti qabu har'aa kun eebba waaqayyo anaaf kennedha. Waaqayyoyu carraa jabaadhee hojjechuu naaf kenninaan anis jabaadhee hojjedhe,'' jedhe.
'Eezzeen madda jajjabina keenyaati'
Eezzee fi hiriyyoonni isaa hedduun Kibba Baha Landan keessatti mooraa tokko keessatti taphataa guddatan.
Mana barumsaatii akkuma bahaniin gara dirree dallaan marfame tokkoo deemuun ijoolleen safara sanaa hundi sa'aatii dheeraa kubbuma taphachaa oolu.
Yeroo maatiin isaanii barbaacha dhaqan qofa fudhatanii manatti galu. Mandara kana keessatti taphattoonni akka Jeden Saanchoo, Aaron Waan Bisaakaa fa'aa taphataa turan.
Harka qalleeyyii waan tahaniif dirree gaarii irratti carraa taphachuu waan hin qabneef walitti bahuun bakkuma tokkotti taphatu.
Mana barumsaatti hiriyyaa Eezzee kan ture amma kileba Iskootilaandi Elgin Siitiif kan taphatu Dajon Gooldiingi, eessaa akka dhufe yeroo yaadu baay'een ittiin boona jedhe.
''Ijoollummaa isaattiyyuu kileba guddaaf akak taphau dubbataa ture. Hundi keenyas akkasuma jechaanii turre
Abdjuu guddaa qabna ture. garuu wallaalota turre,'' jedhe.
Obboleessi quxisuun Eezzee amma Kiristaal Paalaas umurii 21 gadiif taphatu Chimaachii jedhamu Eezzeen madda haamilee keenyaati jedhe.
Akka obboleessa isaa quxisuutti waan inni ijoollummaatti keessa darne yeroon yaadadhu asoo ana tahee tasumaa hin danda'un jedha.''
Haalota ulfaataa keessatti jabaannee dhaabbachuun bu'aa akkamii akak qabu Eezzeen nutti agarsisieera.
Har'a baay'een isaan boona jedhe.
Eezzeen kubba miilaa, kadhannaa waldaan alatti ceehzii taphachuunis beekama.
Kana ammoo miiltoo isaa duraanii Maayikil Oolisee irraa hedduu barate.
Ooliseen amma Baayern Munikiif taphata.
Kileba ijoollummaati umurii isaa waggaa 13'n isa gaggeesse Arsenaaltu shaampiyoonaa Piriimer Liigii akka taanuuf nu gargaara jedhee itti amanuun Paawondii miliyoona 67 tahuun Kiristaal Paalaas irraa mallatteessise.
Qe'een keessatti guddadhettan deebi'e jedhe Eezzeen. Arsenaal yeroo hundaa onnee isaa keessa ture.
Abjuu isaa, cichoominaan hojjechuu, waaqatti amanee kadhachuu fi abdii kutachuu dhiisuun milkeessee kunoo Arsenaalitti deebi'eera.
Imala jireenyaa ulfaataa milkaa'ina guddaan dabaaluun kunoo akkasi.












