Maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim jalatti ijaaramaamoo diigamaa deeme?

Madda suuraa, Getty Images
Dursaan taphattoota Maanchister Yuunaayitid Buroonoo Fernaandes kileboota Saawud Arabiyaan haalaan barbaadamaa jira.
Al Hilaal erga maallaqa guddaan gaafatee dhabee Al Itihaad ammoo mallaaqa guddaa qabachuun balbala Buruunoo fi Maan Yuunaayitid rurrukutaa jira.
Buruunoon yoom gara Al-Itihaad akka deemu ibseera.
Ganna kana Al Hilaal Maanchister Yuunaayitidiif paawondii miliyoona 100, Buroonoof ammoo miindaa torbanii Paawondii 700,000 kaffaluuf gaafatanii ture.
Maanchister Yuunaayitid kilebicha deebisee ijaaraa waan jiruuf taphataa jabaa qabnu dhabuu hin feenu jechuun dide.
Buruunoon ammoo ammayyuu kileba kana keessatti abjuukoo milkeessuu barbaadu hin milkeessine jechuun gaaffii dhiyaateef kana fudhachuu dide.
Miindaan isaa dachaa sadii isa amma argaturra ni guddataafii ture.
Amma garuu haalonni waan jijjiiramaa jiran fakkaatu. Ruuben Amoorim jalatti filannoo jalqabaa keessa galus Buruunoo Fernaandes bakka isaa malee taphachaa waan jiruuf waan gammadaa jiru hin fakkaatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanchister Yuunaayitid taphoota lama jalqabaa irraa qabxii tokko argate. Arsenaaliin mo'amaniiru.
Fuulham waliin ammoo qixa bahan. Tapaha kana irratti Buroonoo Fernaandes rukuttaa peenaaliitii dhabuu qofa osoo hin taane gahumsa gaarii hin agarsiifne.
Kanaaf ammoo kan itti gaafatamuu qabu tooftaa Ruuben Amoorim fayyadamaa jiran akka tahe xiinxaltoonni kubba miilaa hedduu irratti waliigalu.
Buruunoo Fernaandes sarara gidduu irraa lakkoofsa 10 irra yeroo taphatu kubba galchiif tahu mijeessee kenna. Ofiis galchii hedduu lakkoofsisuu danda'a.
Eik Ten Haagii fi Soolshaayer jalattis bakka sirrii ofii jaalatu irra waan taphataa tureef Buruunoon gahumsa akkamii akka qabu agarsiiseera.
Amma sarara ittisaa fuuldura lakkoofsa jaha irra taphachaa jira. Buruunoon bakka kanaaf haaraa tahuu baatus gammadaa miti. Isa waliin ammoo Kaazemiirootu taphata.
Kaazemiiroon bakka kanatti taphataa jabaa tahus isa Riyaal Maadirid keessatti beeknu miti. Umurii waliin tahee Kaazemiiroon saffisa Piriimer Liigiin barbaadu hin qabu.
Dabalataan bakka kana taphachuu kan danda'u Koobii Maayinuu hiree taphaa argachaa hin jiru.
Amoorim Maatiyaas Kuunaa fi Biriyaan Embuumoo gara Maan Yuunaayitid erga fidanii taphattoota bakka wal fakkaataa irra taphachuu danda'an afur wal faana hiriirsisuun qeeqamaa jiru.
Maatiyaas Kuunaa fi Embuumoon bakka sirrii isaaniif malu irra taphatu. Buroonon as keessatti aarsaa taheera. Amaad Diyaaloo sarara duraa karaa cinaa [winger] tahee yeroo taphatu gahumsa guddaa agarsiisa.
Amma sarara cinaa irraan ittisaa [wing back] akka taphatu erga taasifamee dandeettii taphataa kanaas qisaasamaa jira jedhama.
Amma kilebni Sawud Arabiyaa Al Itihaad Buruunoo Fernaandes mallatteessisuuf gaaffii dhiyeessera.
Maanchister Yuunaayitid gurgurtaa taphattoota akka Aantoonii, Raashfoordii fi Saanchoo irraa maallaqa argadha jedhee abdatee ture hedduu hin milkoofne.
Raashfoordi ergisaan Baarseloonaa galeera. Yuunaayitid miindaa isaaf kaffalaa ture qusachuu danda'e malee gurguree mallaqa irraa hin arganne.
Saanchoo kileboonni akka Naappoolii fi Roomaa gaafatanis miindaa isaa hir'risuu waan dideef amma gaafataa dhabaa jira.
Roomaan inumaayyuu Yuunaayitid waliin walii galee, taphatichi garuu ofis kileba isaas gargaaruuf fedha hin agarsiifne.
Aantooniin ergisaan Riyaal Beetisitti imaluu barbaada. Gaaffii kileboota Sawudii hin fudhanne.
Alehandiroo Gaanaachoo Cheelsii malee jedhe. Kileboonni Sawudii gaaffii dhiyeessanii fi fudhachuu hin barbaanne.
Kanaaf Maanchister Yuunaayitid karoora isaa irra deebee ilaaluuf jedha.
Buroonoo maallaqa guddaa kanaan gurguruun Baaleebaa Biraayitan irraa mallatteessuuf karoorri jira.
Duraan Biraayitan Baaleebaaf paawondii miliyona 100 ol waan barbaadaniif Yuunaayitid gatii sana baasuu hin dandeenye.
Dabalataan Biraayitan bara kana taphataa kana gurguruu hin barbaanne.
Buroonoon amma kileba Sawudii Al-Itihaad galuuf fedha qaba. Garuu Maanchister gadhiisee kan deemu bara 2026 keessa akka tahe himameera.
Kun aduu torban tokkoo jijjiirraa taphattooaaf hafte kana keessattis jijjiiramuu danda'a.
Koobii Maayinuu Cheelsiin paawondii miliyoona 45 kaffaluun mallatteessisuu barbaada.
Yuunaayitid taphataa Amoorim jalatti carraa dhabaa jiru kana gurguruun maallaqa barbaadu argachuu barbaada jedha gabaasni har'a bahe.
Maayinuun akkaadaamii Maan Yuunaayitid keessatti guddatus miindaa paawondii 200,000tti dhiyaatu barbaada. Kana kilebichi kaffaluu hin barbaadu.
Amoorim Maayinuun carraa taphaa ni argata fuulduratti jedhe. ''Ammatti Buruunoo Fernaandes waliin bakka isaaf dorgomaa jira'' jedhan.
Rasmas Hooyilaandi gara Naappoolii deemuun isaa waan mirkanaa'aa jirudha. Cheelsiin Gaarnaachoo ni mallatteessisa.
Yuunaayitid karra eegaa Royaal Antwerp mallatteessisuuf waliigaleera.
Andiree onaanaa ergisaanis tahu Yuunaayitid keessaa bahuu danda'a oduun jedhus jira. Ruuben Amoorim Maanchisteriin gara ulfinaa fi maqaa duraan qabuutti deebisumoo itti gaafatamummaa kana dadhabuun akkuma leenjistoota kaanii ayyaana Qillee irratti hojiirraa gaggeeffamu?












