Reezaa Paahlaavii, namni hiriirtonni Iraan akka biyya gaggeessuf maqaasaan dhaadataa jiran eenyu?

Gaggeessaa mormituu Iraanifi ilma mootii duraanii Iraan, Reezaa Pahlaavii alaabaa duraanii Iraan waliin suurrisaa kaafamee yeroo mul'atu

Madda suuraa, AFP

Iraanitti namoonni mootummaa mormuun hiriira bahan hedduunsaanii ilmi mootii duraanii Iraan, Reezaa Paahlaavii akka gara biyyaa deebi'ee Iraan gara dimokiraasitti ceessisu gaafataa jiru.

Reezaa Paahlaavii ofii baqatee biyya hambaa jiraatus uummanni Iraan karaatti bahee bulchiinsa Ayaatolaa Kameenii akka mormuuf waamicha dhiyeessera.

Ofii namni mormitoonni jajuun gara Iraan akka deebi'uuf waamicha gochaafii jiran Reezaa Paahlaavii eenyu? Deeggarsa hagam Iraan keessafi alaa qaba?

Warraaqsi Iraanitti gaggeeffame bara 1979tti sirna gonfoo Iraan gaafa aangorraa kaasu Reezaa Paahlaavii leenjii balaliisummaa xayyaara waraanaaf Ameerikaa jira ture.

Abbaansaa Mohaammad Shaah Pahlaavii biyyoota lixaatti akka itti baqatu dhabee dhumarratti Masirii keessatti du'uutti fageenyumarraa ilaalun ala homaa gochuu hin dandeenye.

Aangoon sirna gonfoo Iraan abbaasaarraa isatti darbuu osoo eeguu tasa harka Ayaatolaa gale. Reezaa Paahlaavii ilma mootii jedhamee maqaa gonfoon wamaamuu itti fufus abjuu siyaasa Iraanitti deebi'uu waggoota 30 oliif fageenyarraa dharra'uufi gaaf tokko siyaasa Iraanitti akka deebi'u hawwuun alatti kallattiin hirmaachuu hin dandeenye.

Reezaa Pahlaavii waggoota heddu biyya baqaa jiraate keessatti kasaaraa siyaasaa qofa osoo hin taane, rakkoon maatii cimaanis isa mudate. Obboleettinsaa tokkoofi obboleessi isaa of ajjeesuun gadda dachaa itti ta'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Reezaa Pahlaavii amma manguddoo ganna 65 ta'eera- egeree Iraan bocuu keessatti gaheesaa bahachuuf yaalii gochaa jira- mormiin cimaan sirna bulchiinsa Ayaatolaatti mufachuun magaalota Iraan raasaa jiru akka carraatti itti fayyadamuu yaadaa jira. Uummanni mormii gaggeessu akka cimsuufi Tiraamp akka gidduu seenuuf waamicha godheera.

Deeggartoonni isaa nama itti dhiyaachuuf salphaa ta'ee himu. Bakka jiraatu magaalaa Washingtan keessaa yeroo heddu haadha warraasaa Yaasmiin waliin bahee kaafee ykn mana nyaataa deemuun namoota waliin taphata.

Bara 2022 osoo karaa irra deemuu "akka gaggeessaa mormitoota Iraanitti of ilaaltaa?" jedhamee yoo gaafatamu "jijjiiramni [Iraan] keessaa dhufuu qaba" jechuun deebisee ture.

Yeroo dhiyoo as garuu siyaasa Iraan keessatti hirmaachuuf fedhii akka qabu agarsiisuu eegale. Keessumaa waraana guyyaa 12 Iraanifi Israa'el gaggeessan ilaalchisee, Reezaan ibsa Faransaayi magaala Paarisitti kenneen mootummaan Rippaabilika Iraan yoo kufe mootummaa cehuumsaa gaggeessuf qophii akka ta'e ibsee ture.

Kanumarraa ka'uun bulchiinsa yeroo Iraan gara fuulduraatti hundaa'uuf jechuun karoora guyyaa 100 dhiyeessee ture. Ergama abbaansaa osoo galmaan hin gahin du'e galmaan gahuuf abjuu akka qabus ibse.

Ibsa bara 2025 magaalaa Paarisitti kennen: "Kuni waa'ee sirna darbe [sirna gonfoo] iddootti deebisuu osoo hin taane, waa'ee egeree dimokiraasii lammiilee Iraaniti" jedhe.

Mohaammad Reezaa Pahlaavii, Mootii Iraan (1919-The coronation of Mohammad Reza Pahlavifi haadha warraasaa Faaraa Pahlaavii bara 1967 Tehraan keessatti. Harka mirgaarraan taa'ee kan mul'atu yeroo sana daa'ima kan ture Reezaa Pahlaavidha.

Madda suuraa, UPI/Bettmann Archive/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reezaa Pahlaavii (karaa harka mirgaa taa'ee kan jiru) yeroo abbaansaa bara 1967tti mootii ta'ee muudamu

Reezaa Pahlaavii bara 1960tti magaalaa Tehraan keessatti kan dhalate yoo ta'u, abbaasaaf ilma tokkicha. Masaraa mootummaatti qananiin guddatee, erga guddatees sirni mootii akka itti fufuuf hojjata ture.

Balaliisummaa xayyaara waraanaa akka baratuuf ganna 17 tti gara Teeksaasitti ergame. Baratee osoo gara Iraanitti hin deebi'iin Warraaqsi Iraan bara 1979tti sirna gonfoo abbaasaa aangoraa buusun mootummaan Rippaabilika Islaamaa Iraan Ayaatolaa Roohullaan hogganamu hundaa'e.

Ergasii achuma UStti hafuun saayinsii siyaasaa barate. Haadha manaasaa lammummaa Iraan-Ameerikaa qabdu Yaasmiin fuudhuun ijoollee sadi: Nuur, Imaanfi Faaraah jeddhaman horate.

Leegaasii isaa

Reezaa Paahlaavii jireenya baqaa keessatti mootii gonfoo Iraan jedhamuun maqaadhumaaf ittiin waamamaa ture malee siyaasa Iraan keessatti waan qabatamaa jijjiire hin qabu.

Hadaduma bulchiinsi Ayaatolaa Iraan keessatti hundee fageeffataa deemu, deeggarsi ilmi mootii kun Iraan keessatti qabu xiqqataa adeeme. Reezaan bara 1980tti Masirii magaalaa Kaayirootti sirna muudama gonfoo gaggeeffameen Mootii jedhee of moggaase- gonfoo abbaasaa akka itti fufsiisus waadaa gale.

Yeroo heddu paartilee siyaasaa mormituu Iraan walitti fiduun paartii jabaa ijaaruuf yaaluus rakkoowwan keessofi Iraan keessatti hundee godhachuu dhabuun milkaa'uu hin dandeenye.

Reezaa Paahlaavii qabsoo hidhannoon mootummaa Iraan dura dhaabbachuu hin deeggaru- irraayis of fageessaa ture. Dhaabbileen Iraan kanneen akka Mojahedin-e Khalq (MEK) jedhamu fa'aa hidhannoon Ayaatolaa aangorraa buusuuf yaalanis.

Egeree sirna siyaasaa Iraan murteessuf aangoon karaa nagaan akka darbuufi murteen uummataa akka gaggeeffamu waamicha gochaa ture.

Reezaa Pahlaavii ministiira tikaa Israa'el Giilaa Gamli'eel waliin Israa'itti

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Reezaa Pahlaavii bara 2023 yeroo Israa'el daawwatu waa'eesaa falmiin guddaan ka'ee ture.

Waggoota dhiyoo as Paahlaaviin xiyyeeffannoo mormitoota Iraan argateera. Mormii uummataa bara 2017 Iraanitti gaggeeffamerratti hiriirtonni "Reezaa Shaa, Rabbi lubbuu kee jannataan haa qananiisu" jechuun abbaasaa yeroo leellisan dhagahamuu eegale.

Maasaa Amiinii bara 2022tti poolisii Iraanin ajjeefamuu hordofee mormii guddaa biyyattiitti ka'een, hiriirtonni maqaa Reezaa Pahlaavii leellisuutti deebi'an. Yaa;iin inni paartilee mormituu Iraan tokko godhee Iraan keessatti mootummaa egeree Iraan qajeelchu ijaaruuf taasisu qalbii hawaasa addunyaas hawwachuu eegale.

Garuummoo mormiin Iraan al-tokko ka'ee itti fufuu dhabuurraa kan ka'e yaaliinsaa milkaa'uu hin dandeenye ture.

Keessumaa bara 2023 yeroo Israa'el daawwachuun Ministiira Muummee Beniyaamiin Netaaniyaahuu waliin wal-argu kanneen isa deeggaran akkuma jiran cimsanii kan mormanis turan.

Haleellaa ganna darbe Israa'el Iraanirratti gaggeessite booda, Israa'el deeggarta moo haleellicha ni balaaleffata gaaffii jedhu BBCn dhiyeessefii ture.

Haleellan Israa'el lammiilee nagaarratti hanga hin xiyyeeffannetti, tarkaanfiin mootummaa Ayaatolaa dhadabsiisu "lammiilee Iraan biyya keessa jiran heddu dabalatee kan deeggarsa qabuudha" jechuun deebii kenne.

Deebiinsaa kun lammiilee Iraan biratti falmii heddu kaase.

Deeggartootafi mormitoota Reezaa Pahlaavii

Reezaa Pahlaavii amma akka Mootii Iraanitti osoo hin taane, biyyattii keessatti akka nama tokkummaa biyyaalessaa fiduutti of dhiyeessa.

Iraan gara filannoo bilisaa gaggeessuu, mirga dubartootaa kabajuufi biyya seerrifi heerri itti kabajamutti geessuf cehuumsa gaggeessuufi gargaaruf fedhii akka qabu ibse.

Iraan gara sirna gonfootti deebisuu ykn biyya rippaabilikaa gochuun lammiilen biyyattii sagalee kennuun kan murteessan akka ta'us karoorasaa ta'uu akeeke.

Deeggartoonni isaa yeroo ammaa Iraan tokko gochuuf namni akka isaa akka hin jirreefi waggoota dheeraaf tokkummaafi Iraan keessatti dimokiraasiin akka dagaaguuf ijjannoo hin jijjiiramne qabatee yoona akka gahe qaba jechuun isa jaju.

Warri isa morman ammoo Reezaa Pahlaavii deeggarsa alaa [biyyoota Lixaa] irratti maxxanee socho'a jechuun isa komatu.