Ameerikaan irra deebiin Iraan haleeluu barbaaddii?

Madda suuraa, Reuters
''Meeshaalee waraanaa fi wantoota biroo Iraan ijaaraa jirtu quba qabna. Essa akka deeman, maal akka hojjetan hunda sirriitti beekna.
Kanaaf boba'aa xiyyara keenya B-2 irratti qisaasessuu waan hin barbaanneef waan kana akka dhaaban abdiin qaba.''
Kun jecha Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiramp MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin wayita Filooriidatti marii taasisan hordofuun haasawa taasisanitti dubbataniidha.
B-2 xiyyaarai waraanaa Ameerikaan qofti qabdu (US B-2 Spirit) jedhamu kan humna guddaa qabuu fi teeknooloojii dhoksaa raadariin arguu hin dandeenye qabuudha.
Xiyyaara boombii lafa jalaatti hanga fageenya meetira 61 fagaatee waan ijaarame barbadeessu danda'uu fi baatii Waxabajjii keesa buufata gabbisa Nikularaa Iraan sadii irratti haleellaa raawwatee baachuu danda'udha.
Tiraamp haleellaa guddaa Ameerikaan baatii Waxabajjii keessa irraatti raawwatte boodas Iraan sagantaa meeshaa waraanaa Nikuleraa ishee deebisuuf hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Misooma misaayiloota baalistikii fi sagantaa meshaa waraanaa niwukilaraa kan itti fuftu yoo ta'e Ameerikaan haleellaa biraa Iraanirratti raawwatamu akka deegartus Tiraamp kan yaada dhoiyeessan.
Haleellaa boombii kanaan dura Ameerikaan Iraan irratti taasifte eeruun, "Dhaqaa gala balallii sa'aatii 37 ti. Boba'aa baay'ee qisaasessuu hin barbaadu." jedhan Tiraamp.
Ibsa miidiyaaleef kennaan keessatti, ''Iraan meeshaalee waraanaa fi wantoota biroo ijaaraa akka jirtu dubbisaan ture, yoo ijaaran ammoo buufata nuti balleessine osoo hin taane, buufata adda addaa fayyadamuu danda'u,'' jechuun ibsaniiru.
Itti dabaluun ji'oota darban keessa Tehran waliin waliigaltee niwukilaraa ta'uu danda'u yaaluu fi utuu hin milkaa'in hafuu kaasaniiru.
Traamp, mariin Netaaniyaahuu waliin taasisaniin itti fufiinsa waliigaltee nagaa Gaazaa fi yaaddoo Israa'el Iraan fi Hizbullaah Libaanos irratti qabdu furuu irratti xiyyeeffachuun dubbataniiru.
Hamas yoo meeshaa waraanaa hiikkachuu baate balaan itti dhufuu malu hamaa akka ta'us Tiraamp akeekkachiisaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Waxabajjii keessa Israa'el waliin waraana guyyoota 12f kan geggeessite Iraan baatii darbe kana keessa yeroo lammataaf shaakala misaa'elaa akka geggeessite torban darbe ibsiteetti.
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun torbee darbe Israa'el Iraan waliin waldhabdee uumuu akka hin barbaanne ibsuun, garuu sochii Tehran kana Tiraampif akka gabaasaan dubbatan.
Israa'el Hamaas karaa nagaa hidhannoo hiikkachuu yoo baate, hidhannoo hikkachiisuuf tarkaanfii waraanaa akka eegaltu Tiraampiif ibsan
Tiraamp garee hidhattootaa kun dafee hidhannoo hiikkachuu dhabuu isaanii irratti qeeqa qabaachuu ibsiuun, Israa'el waliigaltee kana gama isheetiin hojirra oolchuuf carraqqii guddaa gochuu falmaniiru.
Tiraamp yoo Hamaas meeshaa waraanaa hin hiikkannee maaltu itti aana jedhamuun gaafatamniif ''gatii isaanii ni argatu,'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Kana malee dhimma loltoota Turkii Gaazaa keessattii nagaa eegsisanirratti Netaaniyaahuu waliin akka haasa'an gaazexeessitootaaf ibsaniiru. Naatinaahuun loltootni Turkii akka bobbaafaman akka fedhii hin qabne kana dura ibsanii ture.
Ameerikaan baatii Waxabajjii darbe iddoowwan niwkilaaraa sadii Fordoo, Naataanz fi Isfaahaan jedhamu xiyyara B- 2 kana fayyadamtee haleeluun ishee kan yaadatamuudha.
Iraan sagantaa gabbisa nikularaashee akka itti fuftu baatii Adooleessa darbe Minsitiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii miidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasisuu waabeffachuun Rooyitarsi gabaase ture.















