Manni Maree Nageenyaa UN walgahii arifachiisan dhimma Somaaliyaa maal murteesse?

Madda suuraa, UN
Miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN Security Council) kudha shanan kaleessa Wixata galgala magaalaa Niwuyoorkitti walgahuun dhimma Israa'el tibbana Somaalilaandiif beekamtii kennuu irratti mari'ataniiru.
Marii kana irratti miseensonni hedduun tokkummaa fi walabummaa Somaaliyaaf deeggarsa qaban ibsaniiru.
Ameeririkaa irraa kan hafe hundi isaanii tarkaanfii Israa'el fudhattes mormaniiru. Ameerikaan hoo?
Miseensonni Mana Marichaa harki caalaan Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee Somaaliyaa qofaf utuu hin taane Filisxeemota Gaazaa irrattillee dhiibbaa guddaa qabaachuu mala jechuun morman.
Ameerikaan miseensota 15 nan walgahii ariifachiisaa kan irratti hirmatan keessaa biyya qofaa Somaalilandiif beekamtiin sirnaa kennamuu hin morminedha.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Itti Aantuun Ambaasaaddara Ameerikaa Taami Biruus imaammanni Ameerikaan Somaaliyaa irratti qabdu omtuu hin jijjiiramne jedhan.
Kanaaf US "beekamtii Ameerikaan Somaalilaandiif kennamu ilaalchisee ibsa adda hin qabdu, imaammata Ameerikaa irrattis jijjiiramni hin jiru" jedhan.
Akkasumas "Israa'el hariiroo dippilomaasii uumuuf mirga akkuma biyyoota abbaa biyyummaa qabu kamiyyuu qabdi" jechuun mana marichaatti dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walga'ii kana irratti Israa'el murteen Israa'el "tarkaanfii diinummaa Somaaliyaatti fudhatame miti, akkasumas marii gara fuula duraa biyyoota adda bahan lamaan gidduutti taasifamu hin dhorku" jette.
Beekkamtii kennuun gocha mormii miti. Carraadha,'' jechuun jechuun UN'tti itti aanaan ambaasaaddara Israa'el kan ta'an Joonaataan Miilar mana marichaaf ibsan.
Liigii Arabaa miseensota 22 qabu bakka bu'uun dubbatan UN tti ergamaan garichaa Maged Abdelfattah Abdelaziz, "tarkaanfiiwwan beekamtii seeraan alaa kan ummata Filisxeem humnaan buqqisuu, ykn buufata doonii kaaba Somaaliyaa fayyadamuun buufata waraanaa hundeessuuf haala mijeessuuf kan kaayyeffate" jechuun cimsanii balaaleffatan.
"Israa'el Somaallandi akka bakka ummanni Filisxeem, keessumaa Gaazaa irraa biqqifaman qubsiifamuuf haalaa mijeessuti'' jedhan.
Chaayinaa fi UK'nmiseensota dhaabbataa UNSC tarkaanfii kana didan keessaa tokko yoo ta'an, "gocha naannoo Somaaliyaa addaan qoodu kamiyyuu ni mormina" jedhan.
UN'tti ergamaan UK "Biriteen tokkummaa, walabummaa naannoo fi abbaa biyyummaa Somaaliyaaf deeggarsa qabdu irra deebitee mirkaneessiti" jedhan.
Somaaliyaan maal gaafatte?

Madda suuraa, Getty Images
UN'tti Ambaasaaddarri Somaaliyaa Abukar Dahir, ''Soomaalilaandiif beekamtii kennuuf tarkaanfiin fudhatamu kamiyyuu gatii hin qabu,'' jedhan.
Kanaaf miseensonni mana marichaa "gocha weeraraa" Israa'el cimsanii akka didan gaafatan.
Kunis ''Somaaliyaa gargar caccabsuu qofa osoo hin taane naannoo Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa tasgabbii dhabsiisuuf sodaachisa'' jedhan.
Keessattuu, Somaaliyaan tarkaanfiin kun karoora Israa'el humnaan "ummata Filisxeem Gaazaa irraa gara naannoo kaaba dhiha Somaaliyaatti jijjiiruuf" qabdu tarkaanfachiisuuf kan kaayyeffate ta'uu akka danda'u yaaddoo qabdi jedhan.
Biyyoonni miseensa Mana Maree Nageenyaa hin taane afur, garuu dhimma Somaaliyaa irratti fedhii waan qabaniif walgahii kana akka hirmaatan gaafachuun hirmaataniiru
Isaanis Turkii, Masrii, Jibuutii fi Afrikaa Kibbaati.
Isaanis "Murteen kun kallattiin seera idil-addunyaa fi qajeeltoowwan seeraa beekamtii argatan kan cabsudha" jechuun mormii isaanii dhageessisan
Seerotni sarbaman kunneen sanadoota hundeeffama Gamtaa Afrikaa fi chaartara hundeeffama isaa keessatti argaman kan hammatu ta'uu ibsaniiru.
"Murteen itti gaafatamummaa hin qabne Israa'el Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ifatti kan cabsu, aangoo Mana Marichaa ifatti kan miidhu yoo ta'u, utubaawwan sirna seeraa idil-addunyaa balaadhaaf kan saaxiludha" jedhu.
"Gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbii dhabuu kan uumu yoo ta'u, nageenya naannoo Arabaa fi Afrikaa walitti hidhame haalaan kan miidhu'' ta'us ibsan.
Israa'el Jimaata darbe Somaalilaandiin biyya walaba ta'uu ishee labsite.
Kunis Somaaliyaa keessatti dheekkamsa yoo kaasu Somaaliland keessatti simannaa ho'aan kan godhame yoo ta'u, hiriirri deeggarsaas gaggeeffameera.















