Itoophiyaan biyya Israa'elitti aantee Somaalilaandiif beekamtii kennitu ta'uu dandeessi?

Abiy ahimed fi Abdirahman Irroo

Madda suuraa, Getty Images

Oduun Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu erga dhaga'amee dhimmi egeree Somaalilaandii fiSomaaliyaa akkam akka ta'u danda'u dabalatee akka waliigalaatti dhimmi naannawa kanaa xiyeeffannoo guddaa argateera.

Biyya kamtu itti aanee beekamtii kennaa kan jedhullee ijoo dubbii ta'aa jira.

Somaaliyaa, Turkii, Kaatar, Masrii, Jibuutii, Gamtaan Afrikaa, fi biyyoonni Arabaa akkasumas Afrikaa biroo beekamtii kana mormaniiru.

Gama biraatiin ammoo Somaalilaandi beekamtii ishee kana babal'isuuf tattaaffii taasisaa jirti.

Biyyoonni biroo michuu ishee ta'an Israa'elitti akka makaman barbaadaa jirti.

Preezdaantiin Somaliland Abdirahman Irroo 'biyyoonni biroo Somalilandi beekamtii akka argattu' tumsa akka godhan ifatti gaafataniiru.

Miidiyaa fi xiinxaltoonni siyaasaas haalli kun maal akka ta'u, dhiibbaa fi rakkoo akkamii fiduu danda'a isa jedhu irratti xinxala adda addaa kennaa jiru?

Addunyaa irratti biyyoota siyaasaan humna guddaa qaban keessaa tokko kan taate, fi michuu addaa Ameerikaa kan taate Israa'el hariiroo Somaaliland waliin qabduuf deeggarsa barbaachisu akka itti fuftu MM Israa'el waadaa galaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun tibbana gara Ameerikaa kan imalan yoo ta'u, Pirezidaantii Doonaald Tiraamp waliin Filooriidaatti akka wal argan eegama.

Garuu Pireezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Israa'el hordofuun "hatattamaan" Somaalilaandiif beekkatii biyyummaa akka hin kennine dubbatan.

"Waa hundarratti qorannoon godhamaa jira…ni qoranna. garuu "Somaalilaandi maal akka taate namni sirriitti beeku jiraa?" jechuun gaafatan Tiraampi.

Haa ta'uu malee daawwannaa Netaaniyaahuun kana booda murteen Tiraamp maal akka ta'u eegamaa jira.

Netaaniyaahuun bara kana Tiraamp waliin Ameerikaatti yeroo 5ffaaf wal arguuf jiru.

Akka xinxaltootni siyaasaa dhimmichatti dhiyoo fi Miidiyaaleen tokko tokko jedhanitti biyyoonni Afrikaa, biyyootni dhihaa fi Arabaa biroo muraasni beekamti kennuu itti fufuu danda'uu kan jedhu ni eeggama.

Akka gabaaseelee kanneenitti, UK,UAE, Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi kanneen biroo kanneen itti aanuun beekamtii Somaalilandiif kennuuf jiran keessayyi. Haa ta'u malee BBC'n dhimma kana hin ofii isaaf hin mirkaneeffanne.

Itoophiyaan itti aanuu dandeessi?

Preezdaantiin Somaliland Abdirahman Irroo

Madda suuraa, Waajjira Pirezidaantii Somaaleelaandi

Itiyoophiyaan walitti Somalilandi waliin hariiroo yeroo dheeraa qabdi.

Walta'iinsa nageenyaa fi daldalaa irraa eegalee sadarkaa biyyotni lachuu qinsilaa Finfinnee fi Hargeessatti qabaachuuf ga'aniiru.

Jalqaba baatii Amajjii bara 2024 yeroo walii galteen Pireezidaantii Somaalilaandii duraanii fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gidduutti mallatteeffame karoorri ture Itoophiyaan galaana diimatti akka baatu Somaalilaandi haala akka mijeessuutu akkasuma ammoo Itoophiyaan dabaree ishee Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu ture.

Haa ta'uu malee wal galteen sun waldhibdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa giddutti uumuun firii malee hafuun ni yaadatama.

Garuu dhimmi galaana argachuu irratti Itoophiyaan 'aarsaa kamuu' kanfaluuf kutannoo akka qabdu irra deebitee ibsaa turte.

Karri Israa'el bante kun carraa kanaan Itoophiyaa fi Somaalilaandiin fedhii fi hariiroo waloo qabataniin walitti deebisuu danda'aa kan jedhu yaada xinxaltoota heddu ta'eera.

Ogeessi seeraa fi xiinxalaan siyaasaa Somaliland kan ta'an Guuleed Dafak, tattaaffii Somaliland beekkamtii barbaaduuf gootu keessaatti michummaa ishee bay'ifachuuf 6fedhii biyyotni isheerraa barbaadan guutuuf duubatti jechuu dhabuu dandeessi jechuun himan.

Kanaaf dhimmi fedhii ulaa galaantti bahuu Itoophiyaa fi Itoophiyyarraa beekamtii argachuu Somaalilandi tilmaama keessa gala jedheen eega," jedhan.

Bara 2004 haasawa MM Itoophiyaa duraanii Meles Zenawi fi miseensa paarlaamaa Biriteen tokko waliin taasisaniin, waa'ee tattaaffii Somaliland beekamtii idil-addunyaa argachuuf irratti "Itoophiyaan bikamtii Somaaliilaandiif kennuuf biyya jalqabaas biyya sadaffaas hin taaatu" jechuun ni yaadatama

Kana jechuun biyya Somalilandif lammaffarratti beekamtii kennuu dandeessu Itoophiyaa ta'a jechuu akka ta'e ifadha.

Haala amma jiruun hoo Itoophiyaan biyya lammaffaa ta'uu dandeessi?

Guuleed Dafak biyyoota ollaa Somaliland keessaa biyyi 'ga'oomtuu fi gochuu dandeessu ' Itoophiyaa ta'uu amana.

Gama biraatiin, xiinxalaan siyaasaa Somaaliyaa fi Ministira Somaaliyaa duraanii Mohaammad Mukhtar haalli kun Somaaliyaa balaa akka ta'es ibsaniiru.

"Itoophiyaas ta'ee biyyoota biroo, tarkaanfii kana itti fufuun wal dhibdee Somaaliyaa waliin fiduu balaa ta'a," jedhan Mohaammad Mukhtar

Naannoon Gaanfa Afrikaa fi Baha Afrikaa eenyummaa Somaaleelaandiin dhiibbaa guddaa akka irra gahetti ilaalama, kana jechuun akka Guuleed Dafa k jedhutti qooda fudhattoonni haaraa fi dhiibbaa guddaa qaban siyaasa naannichaatti makamaa jiru jechuudha.

"Dhimmi kun sadarkaa Somaaleelaandii kan dabalu fi kan guddisu yoo ta'u, yeroo dheeraaf tuffatamaa kan turte Somaalilaandiin taphattuu guddaa bulchiinsi fi sagaleen ishee tilmaama keessa galuu qabu akka taatu taasisa," jechuun BBC'tti himan

Gama biraatiin waldorgommiin mootummootaa fi humnoota siyaasaa adda addaa naannichaa gidduu jiru dhimma kana irratti dhiibbaa guddaa qaba akka Mohaammad jedhutti.

"Naannichi iddoo dorgommii ta'eera.

Naannoo baay'ee nama harkisuu fi daldala idil-addunyaatiif barbaachisaa waan ta'eef, dorgommiin sun tokkummaa Somaaliyaa fi qoqqoodinsi ishee qaama isaa akka ta'etti fudhatama.

Sun ammoo deemee deemee booda naannicha irratti dhiibbaa guddaa qabaata," jechuun Mohaammad Mukhtar BBC'tti himeera.

Somaaliilaand erga ofiin of bulchuu jalqabdee waggoonni 35 darbaniiru.