Itoophiyaan waliigaltee ittiin ulaa galaanaa argattu Somaaliilaand waliin mallatteessite

Madda suuraa, OBN
Itoophiyaan waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa ittiin argattuufi misoomsuuf ishee dandeessisu Somaaliilaand waliin wal-mallatteessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Pirezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii Abdii sanada waliigaltee waloo hunda hammate mallatteessaniiru.
Bu’uuruma kanaan, waliigalteen kun biyya ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaan liiziidhaan haadha qabeenyaa ulaa galaanaa akka taatu godha jedha gabaasni miidiyaalee kanaa.
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed pirezidaantii Somaaliilaand Musee Bihii waliin wlaiigalticha mallatteessuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Gama Somaalilandiin hamma yoonaa dhimma kanarratti ibsi kenname hin jiru.
Akkaataa imaammata alaa Itoophiyaatti waliigaltichi kennanii fudhachuu irratti kan hundaa’edha jedha gabaasni miidiyaalee biyya keessaa.
Oboloota keenya Somaaliilaand waliin amma waliigalteerra gahameera. Waliigalteen walhubannoo [itti fayyadama ulaa galaanaa] kun amma mallattaa’eera,” jedhan MM Abiy sirna waliigaltee Pirezidantii Somaaliiland Musee Bihii Abdii waliin walmallatteessuu magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti qophaa’eeraatti.
“Uumaaf galanni haa ta’u malee waan biraa maal jechuu dandeenya!” jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessan MM Abiy.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Roohitars gabaasetti, Itoophiyaan yeroo ammaa daldala alaatiif harka caalu ulaa Jibutiirratti hirkatti.
Pirezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii Abdiin ammoo gama isaatiin akka qama waliigaltee kanaatti Itoophiyaanis adeemsa keessa Somaaliilaand akka biyya walabaa taate beekamtii kennuufiin biyya jalqabaa taati jedhan.
Itoophiyaan ulaa galaanaa kana argachuuf waliigaltee liizii waggaa 50’f turudha kan mallattesite. Waggaa 50 booda waliigaltichi kan haara’u tahuus eerameera. Biyyoonni lameen naannoo ulaa galaanaa kana waliin misoomsuuf waliigaluutu himame.
Waliigalteen kun Itoophiyaan buufata waraanaa Galaana Diimaarratti ijaaruu akka dandeessu karaa bana jechuun Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa MM Ambaasaaddar Rediwaan Huseen fuula X irratti barreessaniiru.
Sadaasa darbe Itoophiyaan buufata Doonii Barbaraatti gargaaramuuf Somaalilaand waliin mariin geggeessaa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaasee ture.
Somaaliilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda bahuun akka biyya walabaatti of ilaaltee beekamtii idil-addunyaa itti hin milkaa’iin jirtu gaafachaa turteetti.
Somaaliilaand akka biyya walabaatti Gamtaa Afrikaatiinis (AU) ta’e dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) beekamtiin hin kennamneef.
Itoophiaanis hanga ammaatti akka biyya walabaa taatetti beekamtii hin kennineef.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad baatii Onkololeessa keessa Itoophiyaaf dhimmi ulaa galaanaa argachuu ‘’dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti’’ jechuun miseensota Mana Maree Ummataaf ibsanii turan.
Ertiraan erga walabummaashee labsiteen booda Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne taateetti. Ta'us garuu, sadarkaa mootummaatti waa’een dhimma abbummaa buufata galaanaa argachuu ifatti ka’ee hin beeku ture.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuusaanii hordofee, dhimmoonni ulaa galaanaatiin walqabatan kallatiinis ta’e, al-kallattiin kaafamaa turan.
Ministiirri Mummee Abiy erga aangootti dhufanii booda humna galaanaa waggaa 30’f diigamee tures deebisanii ijaaruudhaan, miseensa humnoota waraanaa biyyattii yoo taasisan, biyyi galaanaanis ta’e garbaan daangeeffamtu hin qabne maaliif humni galaanaa barbaachise gaaffilleen jedhan kaafamaa turan.
Keessattuu, bara darbe keessa fedhiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa walgahii miseensa paartiirraa kaasee hanga walgahiiwwan namoonni bebbekamoon irratti kallattiifi al-kallattiin hirmaataniirratti kaafamuun mariin irratti taasifamaa akka ture dhagahama.
Jalqaba bara kanaarratti ammoo, haasaa MM Abiy miseensoota mana-maree waliin taasisaniifi miidyaalee mootummaarratti guyyaa walfakkaataarratti darbeen, Itoophiyaa ulaan galaanaa akka barbaachisuufi kanaafis mariin akka barbaachisu yoo dubbatan dhagahaman.
Itophiyaan baay'ina uummataa miliyeena 120tti dhiyaatu qabaachuun Afrikaa keessaa Naayijeeriyaatti aanuun lammaffaadha.
Ulaa galaanaa argachuuf MM Abiy sababa jedhanii kan kaasan keessaa tokko Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 120 qabdu ta'uufi waggoota dhiyyootti gara miliyeena 150tti guddachuu danda'a jedhuun Sadaasa 14 Mana Maree Bakka bu'oota uummataatti dubatanii turan.
Inumaayyuu Itoophiyaan diinagdee ittiin uummaticha jiraachistu yoo hin qabaanne "waan uumamu tilmaamun rakkisaadha" jedhanii turan.












