Fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaafi argachuuf filannoowwan isheen qabdu

Biyyoonni karra galaanaa yoo qabaatan kaaniif hafu

Madda suuraa, getty Images

Ertiraan erga walabummaashee labsiteen booda Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne taateetti. Ta'us garuu, sadarkaa mootummaatti waa’een dhimma abbummaa buufata galaanaa argachuu ifatti ka’ee hin beeku ture.

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuusaanii hordofee, dhimmoonni ulaa galaanaatiin walqabatan kallatiinis ta’e al-kallattiin kaafamaa turan.

Ministiirri Mummee Abiy erga aangootti dhufanii booda humna galaanaa wagga 30’f diigamee ture deebisanii ijaaruudhaan, miseensa humnoota waraanaa biyyattii yoo taasisan, biyyi galaanaanis ta’e garbaan daangeeffamtu hin qabne maaliif humni galaanaa barbaachise gaaffilleen jedhan kaafamaa turan.

Keessattuu, bara darbe keessa fedhiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa walgahii miseensa paatriirraa kaasee hanga walgahiiwwan namoonni bebbekamoon irratti kallattiifi al-kallattiin hirmaataniirratti kaafamuun mariin irratti taasifamaa akka ture dhagahama.

Jalqaba bara kanaarratti ammoo, haasaa MM Abiy miseensoota mana-maree waliin taasisaniifi miidyaalee mootummaarratti guyyaa walfakkaataarratti darbeen, Itoophiyaa ulaan galaanaa akka barbaachisuufi kanaafis mariin akka barbaachisu yoo dubbatan dhagahaman.

Eritraan yeroo biyya walabaa taatetti ulaa galaanaa malee kan hafte Itoophiyaan, Bahaafi Gaanfa Afriikaa keessatti baayina uummataa hedduu kan qabduufi lafa bal’aa kan hammattu Itoophiyaan, biyya guddoo ulaa galaanaa hin qabne erga tatsee waggaa 30 lakkoofsifteetti.

Waggoota muraasaa buufataaleen Ertiraafi Jabuutii daldala al-erguufi biyya keessa galaniif itti faydamaa turtulleen, Eritraa waliin waraanni umamnaan fedhiin buufataa waliigalaa karaa Jabuutiin ta’e, hanga ammaattuu sochiilee galiifi bahaan irra caalaan buufata Jabuutii irraatti hirkataa ta’ee jira.

Itoophiyaan waggoota shanan darban keessa humna galaanaashee diigamee ture deebiftee ijaaruuf yaalii taasisaa turte hordofuunis, gama Galaana Diimaatiin ulaan akka barbaachisu, kun dhimma jireenyaafi jiraachuu dhabuu ta’uu MM Abiya iftatti dubbachuunsaanii dubbii ijoo ta’eera.

‘‘Galaanni Diimaafi Abbayyaan dhimma Itoophiyaa kan murteessan, Itoophiyaa waliin hidhata kan qaban, misoomaafi badii Itoophiyaatiif bu’uura,’’ kan jedhan MM Abiy, qophii gara biraarratti ammoo biyyisaanii kanaan walqabatee humanaafi weeraraan galmaan gahuuf akka hin barbaanne dubbatan.

Seera ulaa galaanaa idil-addunyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoota ulaa galaanaa hin qabneef mirga karra galaanaa argachuu ilaalchisee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Konvenshinii bahetu jira. Kunis waliigaltee biyyoonni cufaa ta'an daangaa galaanaafi garbaa hin qabne, karaa buufata biyyoota naannawasaaniitti argamuutiin tajaajila argachuu isaan dandeessisudha.

Konvenshinichi biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne karaa gara galaanaatti darbuu danda'an argachuuf mirga akka qaban Konvenshinicharratti kaa’amuu kan dubbatan, oggeessi Seeraa Idil-addunyaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) keessa waggoota 30 kan hojjatan Obbo Baayisaa Waaqwayyaa, kunis ‘‘waliigaltee biyyota lamaanii gidduutti raawwatamuun akka ta’u kaa’ameera’’ jedhu.

Sababii kanaatiin dubbiin Konvenshinichaa ijoon dhimmi fayyadama ulaa galaanaa sadarkaa walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduurratti kan murtaa’u ta’uusaa kaasuun, waliigalteen ala garuu seerri idil-addunyaatis hin deeggaru’’ jedhan.

Konvenshinichi hojiirra kan oolfamu haaluma waliigaltee biyyoota jidduutti taasifamuutin yoo ta’u, ‘‘mirga daangeeffamaa’’ kan jedhaniin Obbo Baayisaan, haata’u malee, biyyoonni karra galaanaa hin qabne ulaa galaanaa argatanis ofiisaaniif qofa osoo hin taane hawaasa addunyaa dabalatee bu’aa kan argamsiisu waan ta’eef kallattii kanaatiin ilaalamuu akka qabaatu kaa’amuu kaasu.

Ulaa galaanaa argachuuf filannoo akkamiitu jiru?

Dachee garri caalu galaanaafi garbaan guutamterra biyyoota addunyaa dhibba lamaa ol jiran keessaa 44 ulaa galaanaa hin qaban. Isaan keessaayis kan akka Kaazaakistaan kan bulchiinsa baayyee bal’aa qabdu adda durummaan eeramti. Itoophiyaanis ummata baayyeefi dachii bal’aa qabattee biyyoota Afrikaa ulaa galaanaa hin qabne keessaa tokko.

Haata’u malee, Itoophiyaan daldalawwan karaa galaanaatiin barbaadamaniif, buufataalee naannawwasheetti argaman kan Jabuutii, Ertiraa, Somaaliyaa, Keeniyaa fi kan Sudaanitti fayyadamuuf filmaata olaanaa qabdi.

MM Abiy fedhii biyyisaanii ulaa galaanaa argachuu qabdu kaasuusaanifi walitti dhufeenya Ertiraa waliin qabaachaa turaniin hedduun dhimmicha buufata Asab waliin walitti hidhan.

Hayyuun Seeraa idil-addunyaa Obbo Baayisaan, dhiheenya daangaa Itoophiyaatti qabuufi tajaajila kanaan dura kennaa turerraa ka’udhaan filannoo ulaa galaanaa Itoophiyaa yoo hubachiisan Asab kaasuudhaan.

Itoophiyaan biyyoota naannawashee jiran waliin waliigalteerra gahuu yoo dandeesse, ulaa galaanaa argachuudhaaf filannoowwan sadii akka qabdu kaasu Obbo Baayisaan.

Kan jalqabaa waljijjiruudha. Kanaanis biyyi ulaa galaanaa kennu sun lafa qaama Itoophiyaa na fayyada jedhu dabarsanii kennuudhaan karra galaanaa argachuun ni danda’ama jedhu.

Lammaffaan omishaan waljijjiruudha. Itophiyaan omishashee biyya sanaaf kennuu qabaatti. Fakkeenyaaf, buna, ibsaa, ykn omisha gara biraa kennuu dandeessi jechuudha.

Sadaffaan ammoo maallaqaan kan ta’udha. Itoophiyaan filannoo dorgomii ykn kaffalatii gadaanaadhaan itti fayyadamtu argachuudha. Kanaanis biyyoonni naannawasheetti argaman dorgomsiisuudhaan rakasaan tajaajila buufataa argatti. Kana malees, filamaata bal’aadhaafi sarara amansiisaa akka argattu taasisa.

Obbo Baayisaan, ‘‘mootummaan isaan sadan keessa tokko raawwachuuf murteessa’’ jechuun tilamaamsaanii kaa’un alatti, kun hunda garuu waliigaltee walitti dhufeenya biyyoota gidduu jiruutiin kan taasifamu ta’uu jala sararuun dubbatan.

Doonii meeshaa fe'e jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ulaa galaanaa qabaachuun ni danda'amaa?

Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne kanneen qaban wajjin waliigaluun fayyadamuu danda’u malee abbummaasaa qabaachuu akka hin dandeenye kaasu Obbo Baayisaan.

Fedhiin waan jiru qofaaf abbummaa ulaa galaanaa qabaachuun akka hin danda’amneef, garuu waliigalteerratti hundaa’uun qabaachuun akka danda’amu kaasu. Kunis ta’ee garuu waliigaltichi diigamuu danda’a.

“Ertiraan Asab hin barbaadu jettee fedhiisheetin Itoophiyaaf kennuu ni dandeessi. Kana jechuun buufanni doonii Asab daangaa Itoophiyaa ta’a jechuu miti. Mirga itti fayyadamuu kennuu malee biyyi daangaa ofii kutee namaa kennu hin jiru,” jedhu Obbo Baayisaan fakkeenya Moldoovaafi Yukireen kaasudhaan.

Moldoovaan Yukireen irraa ulaa galaanaa meetira 600 fudhachuun buufata doonii irratti ijaarteetti.

Itoophiyaafi Ertiraa gidduu kan jirus bifuma kanaan fedhii Asmaaratiin kan murtaa’udha. “Dhimma Asab ilaalchisee fedhii mootummaa Ertiraatiin ala ta’uu hin danda’u,” jedhu Obbo Bayyisaan.

Humnaan ulaa galaanaa argachuun ni danda’amaa?

Mootummaan Itoophiyaa fedhii ulaa galanaa qabaachuu erga beeksisee booda Gaanfa Afrikaatti walitti bu’insi dhalachuu danda’a sodaan jedhu dhagahamaa jira.

MM Abiy Ahmad garuu Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa kan galmaan geessu mariifi waliigalteen malee humnaan akka hin taane irra deddeebin dubbataniiru.

Seenaa biyyoota addunyaa keessatti waraanawwan gurguddaan gaggeeffaman “abbaa ulaa galaanaa ta’uuf kan gaggeeffamanidha” jechuun ulaawwan galaanaa olaantummaan qabachuuf fedhiiwwan turan waraanawwan hedduuf sababa ta’uu kaasu Obbo Baayyisaan.

Amma garuu haalli jijjiiramuu kan kaasan hayyuun Seeraa idil-addunyaa kun, “amma humnan qaba jedhanii abbummaa ulaa galaanaa qabachuudhaaf biyya ollaa weeraruun waan barri irra darbedha” jechuun sababni fedhellee yoo jiraate hawaasa idil-addunyaa birattillee fudhatama akka hin qabne kaasu.

Haa ta’u garuu, waraanni uumamee biyyi tokko biyya biraarratti olaantummaa yoo argate ulaa galaanaa qabachuu ni danda’a jedhu.

“Abbummaan isaa seera qabeessa osoo hin taane humnaan ulaa galaanaa qabachuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif galchuun itti fayyadamuu ni danda’a. Seera qabeessa kan hin taane humnaan qabachuun waggaa 30 hanga 40 gidduutti gara seera qabeessummaatti jijjiirun haalli itti danda’amu ni jiraata,” jedhu Obbo Baayisaan.

Adeemsa akkanaa hawaasni idil-addunyaa deeggaruu baatus, haalli itti fudhatama qabaachuu danda’u hin jiru jechuun akka hin danda’amne kaasu.

Gaaffii seenaa

Gaaffin walabummaa Ertiraa yommuu ka’u fedhiifi gaaffin Itoophiyaan ulaa galaanatti fayyadamuuf qabdus yeroo dheeraaf ka’aa ture. Ertiraan gaafa biyya walabaa taatu, mirgi Itoophiyaan ulaa ittiin gara galaanatti baatus qabaachus namoonni hedduu kaasaa turan.

Waraanni Addunyaa Lammaaffaan dhumatee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii yeroo hundaa’u, biyyooni Laatin Ameerikaafi Arabaa hedduun Ertiraan biyya walabaa ta’uu akka qabdu deeggaraa turan kan jedhan Obbo Baayisaan, Gamtaan Sooviyeetis walabummaa Ertiraa deeggaruun garuu Asab Itoophiyaaf kennamuu qaba jettee falmaa turuu kaasu.

Haata’u garuu, yeroo Ertiraan biyya taatee walabummaashee labsattu mootummaan yeroos Itoophiyaa bulchaa ture gaaffii abbummaa Asab dhiyeessuu qaba ture jedhu Obbo Baayisaan.

Itoophiyaan [yeroo Ertiraan biyya taatu] “Buufanni doonii Asab naaf mala jettee UNtti ykn sadarkaa idil-addunyaa kan biraatti osoo galmeessifte ta’ee, hanga fedhe yoo turellee deebiftee kaasuu dandeessi ture,” jechuun odola Kiriimiyaa Raashiyaan Yukireen irraa fudhatte akka fakkeenyatti kaasu.

Raashiyaan bara 2014tti Kiriimiyaa humnaan Yukireen irraa yeroo fudhattu, Yukireen jalqabarraa kaatee “daangan koo na jalaa fudhatameera jettee galmeessifteetti” waan ta’eef biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa Kirimiyaan kan Yukireenidha jedhu malee kan Raahsiyaati jedhanii beekamtii hin laanne.

Kanarraa ka’uun Ertiraan yeroo bilisa baatu, Itoophiyaan “Buufanni doonii Asab kan kooti. Humna waanan dhabeef na jalaa fudhatame jettee galmeessifte osoo ta’ee, seenaa keessatti yeroo kamuu gaaffin abbumaa ka’uu itti fufa. Sana booda jaarsummaan ykn gara mana murtii idil-addunyaatti geessuun itti fayyadamuun ni danda’ama ture,” jedhan Obbo Baayisaan.

Kanaan wal-qabatee yeroo sana qondaaltonni mootummaa lama, “Asab tasuma kan Itoophiyaa ta’ee hin beeku. Asab sammuu uummata Itoophiyaa keessaa haqnee balleessuu qabna jedhanii osoo dubbatanii dhagaheera” jechuun mudannoo gaddisiisaa isaan mudate himu.

Akka isaan jedhanitti, Ertiraan yeroo biyya taatu Itoophiyaan gaaffii abbumaa ulaa galaanaa waan hin kaasneef, kana booda gaaffin kun deebi’ee ka’uuf carraansaa dhiphaadha.

Carraansaa darbeera waan ta’eef kana booda Ertiraa wajjin mariyachuufi waliigaluu qofaan akka Itoophiyaa baasuufi waraanafi humnaanan Asab deebisuun akka hin danda’amne himu Obbo Baayisaan.