Obbolaa lamaan diroonii Turkii Bayiraktar TB2 omishaniin wal baraa

Waraana Yukireen irratti dirooniin Turkii Bayiraktar TB2 jedhamuun beekamtu weerara Raashiyaan taasifte qolachuu irratti shoora guddaa taphatte.
Amma garuu Raashiyaan diroonii Iraan Shahed-136 ykn diroonii kamikaazii jedhaman fayyadamuun Yukireen irratti olaantummaa fudhatte.
Diroonin kamikaazii akka dirooniwwan kaanii boombii darbattee deebiti osoo hin taane ofumaf akka boombii dhooti.
Pirofeesara Yunivarsiitii Kornell kan ta'an Saaraa Kireepsif: "Waan haaraa tokko gaafa dhufu isatti luucca'uun wanuma uumamamaan jiruudha. [Dirooniwwan] waraana irratti madaala kan jijjiiran ta'uun isaanii waan mul'atudha,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Bu'a qabeessummaan diroonii Bayiraktar TB2 kan barame waraana Yuukireen irrattidha.
Diroonin kun tokkoon ishee tilmaaman dolaara miliyeena 2 yoo ta'u haleellaa gaggeessituun dirree waraanaa irratti dhiibbaa guddaa gaggeessiti.
Obbolaan lamaan Turkii diroonii kana omishan Selkuk fi Haluk Bayiraktar badii dirooniwwan kun geessisan irraa kan ka'e ceepha'amuun isaanii waan hin oolledha.
"Dhuguma dubbachuuf, waranni hadhaa'aadha," obboleessi inni angafaa Haluk dubbate. "Namooni du'aa jiru, osoo diroonii kana omishuun nu hin barbaachisu ta'ee turee natti tola.
"Yeroo dhiibba haleellaa cimaa akkasii jala taatu, of ittisuu qabda. Karaan ittiin of ittistu ammoo meeshaalee tekinolojii akkanaa omishuudhaani" jedha.
'Mallattoo biyyaalessaa'
Warshaan omisha diroonii Turkii kun abbummaan isaa kan maatii tokkooti.
Buufanni omisha diroonii kun qarqara magaala Istaanbulitti kan argamu yoo ta'u gaafa ilaalamu yuunivarsiitii wayii fakkaata.
Mooraa isaa keessatti baay'inaan kan argaman dargaggoota umurii 20 keessa jiraniidha.
Keessa gaafa seenamu bakka simannaa keessummaatti kitaabonni seenaa impaayera Otomaan kan himanii fi akkaataa amantii Islaamatti akkamitti kadhachuu akka qabdan barraa'ee minjaala irra jira.
Tekinolojiin Bayiraktar dhaabbata waraanaa Turkii guddaa qofa osoo hin taane biyyattiif akka mallattoo biyyaalessaatti ilaalama.

Waraana Armeeniyaa fi Azarbaajaan gidduutti bara 2020 gaggeeffameen Azarbaajan diroonin Turkii Bayiraktar TB2 fayyadamuun meeshaalee waraanaa Armeeniyaa heddu barbadeessun daangaa Nagorno-Karabaah jedhamu harka heddu deeffachuu dandeesserti.
Yeroo kanadha waa'een diroonii Turkii kun baay'inaan dhagahamuu kan eegale.
"Waraana Turkiin shororkeessitoota irratti Karabaah keessatti gaggeessite irratti, oppireeshinii Sooriyaatti gaggeessite... irratti, Liibiyaan akka hin diigamne gochuu keessatti [Baryiraktar TB2] humna guddaa ture," jedha Haluk.
Hanga ammaa obboloonni kun lamaan oomisha diroonii isaanii biyyoota 24'tti gurguraniiru.
Kuni ammoo biyyoota Baha Giddu Galeessaa, Afrikaa fi Giddu Galeessa Eshiyaatti Turkiin dhiyeessii dirooniitiin akka dursitu ishee taasiseera.
Dirooniiwwan kun haleellaa lammiilee nagaa irratti akka hin gaggeessineef yeroo gurguran haal dureen isaan kaa'an yoo jiraate gaafatamaniiru.
Haaluk akkas jedhe: "Hayyama alatti erguu kan kennuufi tekinolojiin kun mirgoota dhala namaa sarbuuf akka hojiirra hin oolle qajeelfama kan baasu aangawoota Turkiiti.
''Bayiraktar biyya gargaaruu qofa gaheen isaa" jedha.
'Obbolaa lamaan keessaa tokko intala Pirez. Erdogaan fuudhe'
Maqaan diroonii Turkii Bayiraktar TB2 jedhamu kan mogga'e maqaa abbaa obbolaa lamaan diroonii kana oomishaniitin. Maqaa diroonii qofa osoo hin taane maqaa dhaabbata tekinooloojiiti.
Abbaan isaanii Bayiraktar injinara kan turaniifi bara 1980 keessa warshaa qaama konkolaataa omishu hundeessanii turan.
Kantiibaa magaalaa Istaanbul kan turaniifi yeroo ammaa pirezidantii Turkii kan ta'an Erdogaan wajjiin walitti dhufeenya cimaa qabu turan.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2016 ilmi Bayiraktar inni quxisuun Selkuk intala Erdogaan kan taate Sumayyaa fuudhe.
Namoonni hedduun milkaa'inni dhaabbata diroonii omishuu kun sababa pirezidaanti wajjin soddaa ta'aniifi kan jedhan jiru. Seelkuk garuu kana hin fudhatu.












