Turkiin Pirezidantii Komishinii Awurooppaa teessuma 'dhoowwachuun' falmii kaase

Madda suuraa, Reuters
Hariiroo Gamtaa Awurooppaafi Turkii hammaate ture fooyyessuuf yaaliin eegalame dubbii dippilomaasii biraa dhale.
Tibbana qondaaltonni Awurooppaa lama mariif gara Turkii imalanii turani.
Erga ol seenanii wal dubbisan booda Pirezidantiin Kaawunsilii Gamtaa Awuroppaa Chaarlis Misheel fi Pirezidantiin Turkii Erdohaan teessuma argatanii taa'ani.
Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen Ankaaraatti yeroo Pirezidantii Turkii dubbiisuuf dhaqan garuu teessumni isaan irra taa'an hin qophoofne ture.
Yeroo kana qondaalli Awurooppaa kuni ''Ahem'' jechuunis ''ihim'' jechuun mufii isaanii ibsan.
Turkiin immoo mufii teessumni dhabamuun dhalateen deebistee Gamtaa Awurooppaa himatte.
''Pirotokoliin masaraa mootummaa fedhi Gamtaa Awurooppaa guuteera. Akkaataan taa'umsaa akkaataa yaada isaanirraa dhufeen raawwate jedhan,'' Ministirri Dhimma Alaa Turkii Mevlut Cavusoglu.
Ministirri Muummee duraanii Beeljiyeemiifi miseensota Gamtaa Awuroppaa 27 kan bakka bu'an Obbo Misheel garuu akkaataa Turkiin hubatteen hin hubanne.
Fuula fesbuukii isaaniirratti barreessaniin wanti mudate akkaataa Turkiin seera pirotokolii hubatteettu haala ''dhiphisiisaa'' uume jechuun Pirezidantii Komishinii Awuroppaaf simannaan ''gad - aanaa'' taasifame jedhan.
Hariiroon Turkiifi Gamtaa Awuroppaa sababa baqattootaafi Turkiin Baha Mediteraaniyaanitti gaasii baasuuf yaalteef hammaate.
Maaltu bade?
Walgahiin masaraa mootummaa Pirezidantii Turkii Reseph Xayiib Erdohaanitti taasifame ''qophii dheeraafi carraaqqii dippilomasii'' booda milkaa'u jedhan Obbo Misheel dubbataniiru.

Madda suuraa, EPA/Turkish presidency
Haa ta'u malee, yeroo hogganoonni sadii ol seenanii taa'uf jedhan teessuma lama qofatu jira. Tokko duuba alaabaa Turkiitu jira, isa kaan duubamme kan Gamtaa Awuroppaatu argama.
Yoona kana ture Pirezidantin Komishinii Awuroppaa bakka ta'an dhabanii ''Ahem'' jedhanii Afaan Jarmaniin mufii kan ibsatan.
Ergasii booda Aadde Ursula von der Leyen soofaarra taa'an. Kunis, pirezidantii Turkiirraa isaan fageesse faallaa Ministira Dhimma Alaa Turkii akka taa'an isaan taasise.
Kana dura bara 2017 yeroo bulchaan Turkii Biraasals dhaqanii hoogganoota Awurooppaa daawwatan garuu rakkoon akkanaa hin dhalanne ture. Sadanuu teessuma walfakkaaturra walitti dhihaatanii taa'an.

Madda suuraa, European Council
Akkamiin falmii kaase
Viidiyoon mufii Pirezidantii Komishinii Awurooppaa agarsiisu onlaayinii gubbaa qoodamee ijoo dubbii ta'eera.
Kanneen viidiyoo daawwatan Pirezidantii Turkiifi Obbo Miishel qeeqan. Kunis, Erdohaan waan keessummaa simataniif dursanii teessuma qopheessuu turanii jechuun himatan.
Obbo Misheel immoo osoo qondaalli isaan waliin hojjetan teessuma dhabanii jiranii taa'uuf murteessan jedhamanii qeeqaman.
Komishiniin Gamtaa Awurooppaa waan itti dhagahame ibseera garuu dubbii qabbaneessu yaale. Aadde von der Leyen dhaabbata bakka bu'an sirna pirotokolii eeggateen akka keessummeeffaman eegu jedhe.
Aadde von der Leyen wanti akkanaa akka lammata hin mudannes garee isaanii hubachiisuun isaanii dhagahameera.
Waan mudateenis Pirezidantiin Kaawunsilii Awuroppaa gadduu isaanii ibsaniiru.














