Buufata hawaa haala rakkisaan mudate keessaa akkamiin ariitiin bahama?

Madda suuraa, NASA
Astiroonootota orbiitii dacheetirra naanna'an haalota rakkisoo ta'antu isaan mudata. Isaan keessaa tokko buufata hawaa rakkoon mudate keessaa saffisaan bahuudha.
Kamisa darbe astiroonootonni afur kan garee 11 jedhamanii fi miseensa buufata hawaa idil adunyaa ta'an galaana paasifik keessatti bu'an.
Miseensota afran keessaa tokko rakkoo fayyaa hataattamaa kan buufata hawaa keessatti yaaluun rakkisaa ta'etu mudate. Kanaaf jecha buufata hawaa gadi dhiisanii bahuutu irra ture.
Astiroonootonni afran lammiilee Ameerikaa lamaan, Maayik Fiinkii fi Zena Kardiman fi lammiileen Jaappaan Kimiya Yu'i fi Kosmonet Oleg Ji'a Adoolessaa keessa gara hawaatti kan balali'an yoo ta'u karoorri isaanii ji'a ja'aa fi walakkaa turuudha ture.
Garuu rakkoon fayyaa hataattamaa miseensa isaanii keessaa tokko mudate gareen kuni hunduu erga tokko gara dacheetti akka deebi'aniif dirqamsiise.
Saayirenii yookan sagalee waamichaa yeroo balaa bakka ciisanii jiranirraa nama dammaksu sanuu hawaa keessa ta'anii hangam akka nama rifaasisu yaaduun hin ulfaatu.
Ulaa tasa uumameen oksijiiniin suuta yaa'aa yoo jiraate, yookan amooniyaan hamaa ta'e qilleensa isaan fudhatan keessatti makameera ta'uu mala. Aarri wayii ulaa balbalaatiin seenaa ture.
Astiroonootii yeroo jalqabaatiif gara hawaa deeme yoo taate waan akkanaa kuni siif haaraa ta'uu mala ta'a. yoo nama kana dura muuxannoo qabu taate garuu wanti akkanaa simudatee inuma beekuu mala.
Manaajara ejensii Hawaa UK kan taate meganii Kiristiyaan, "Fiixee tokkotti sidarbachuu mala. Maaltu akka ta'uuf akka jiru sitti hin himan. Fakkeenyaaf abiddi ka'uu akka malu, amooniyaanii fi wantootni mudachuu malan biroos" jetti.
Itti dabaluunis, akkaataan itti hojjetame akka homtuu mudachuu hin dandeenyetti. Garuummoo wantootni hin eegamne mudachuu akka malanii fi murtee murteeffachuu akka dandeessu kan sigaafatu akka ta'e himti.
Haala rakkisaa ta'e keessatti wantoota raawwachuu danda'uun ulaagaa ittiin astiroonootonni filataman keessaa tokko.
"Gaaffilee nugaafatan keessattii, qormaatawwan gochaa keessatti kan ogeessonni xiinsammuu gaafatanii fi barbaadan namoota haala rakkisaa keessatti tasgabbii qabaatanii fi cichoomina qabani" jetti.
Erga namni dachee gadhiisee gara hawaatti imalee warri ergama karoorsan wanti irratti hojjetan wanti hin taane yoo mudate maaltu godhamuu qaba kan jedhu.
Miseensota garee imalaa keessaa tokko yoo dhukkubsate yookan miidhame gareen suni hunduu erga tokko deebi'u qaba.
"miseensota hunda bakka tokkotti qabattee hunda isaanii nagaan deebisuu qabda" jedha Makdowel.
Haalli osoo hin yaadamiin balaa tasaatiin dafanii bahuu kan gareen Saayinsii Hawaa idiladdunyaa raawwatu kuni kan raawwatamu ajaja waliti fufiinsaan guyyootaaf kennamuuni. Garuu yoo astiroonootiin buufata keessaa dafee bahuu barbaade maaltu ta'a?

Madda suuraa, NASA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Astiroonoot Nikole Istoot kitaaabashee 'Back to earth' jedhu keessatti gaaffii kana yoo deebistu 'Yoo daftee deemuu barbaadde suuta deemi' jetti.
"Hundi keenyaa wantoota jireenya keenya darbe keessatti murteesine duubatti deebinee kallattii biraatiin murteessinee jennu niqabaanna. Wanti hundi saffisaan ta'uu hin qabu. Inumaa sa'aatii sirrii fi saffisa madaalawaa waan ta'e adda baafachuuf yeroo gahaa namaaf kennu keessatti raawwatamuu qaba" jetti.
Kana jechuun haala qabatamaan yoo ilaalamu, maaltu akka deemaa jiru adda baasuu, cheekliistii sakatta'uun akkaataa qajeelfamaan waan ta'e sana adda baafachuu gaafata.
Fakkeenyaaf abiddi osoo ka'ee, miseensa hunda gara tokkotti geessuu, bakka hafuura baafachuuf mijatu qubachuu fi waan abidda dhaamsu fayyadamuu gaafata jedhu.
"Leenjii baayyee fudhatta. Waa yoo uummamme saffisaan maal gochuu akka qabdu nibeekta. Kana yoo gootu garuu miseensa hunda karaa tiksuuni malee ofiikee qofa giddugaleessa godhattee murtii murteessuu hin qabdu" jetti Istoot.
Haalli hammaataa ta'e yoo mudate garuu miseensonni qorannoo hawaa sa'aatiiwwan keessatti gara dacheetti akka deebi'an gochuun ni danda'ama.
Haalli kuni garuu addeessaa fi Maarsii irra yoo ta'e seenaa biraati.
"Addeessarra yoo taate guyyoota sadii hanga afurii fudhachuu danda'a. garuu maarsii irra yoo ta'e hanga xiyyaarsamiin biraa dhufutti waggoota lama fudhachuu mala" jedha Makdowel.
"balaa hamaa dhufuu malu fudhatteeti garas kan deemtu waan ta'eef, meeshaalee wal'aansaa hospitaala keessatti qabaachuu gaafatu qabatta malee kan gargaarsa balaa tasaa qofa miti. Kuni gareen saayisnii hawaa idil addunyaa warra Nasa waan ittiin durse keessaayi" jechuun itti dabala.
Akka kaampaanii warra chaayinaa Tiyaangong, yeroo warra gara hawaa imalan irra rakkoon qaqqabu xiyyaarsamii lafarraa qophii ta'ee eegutu barbaachisa. Xiyyaarsamiiwwan kunneen kaampaanonni daldalaa fi fi biyyootni biroos astiroonootota isaani baraaruuf fayyadamuu malu.
Imala gara hawaa taasifaman irratti qorannoo hedduu fi maloonni rakkoo mudatu hambisuuf fi baraaruuf oolan hedduun hojiirra oolaa jiraatanis ammalleen rakkoon mudachuun garuu hin dhabamne.
Nasan torbeewwan dhufan keessa sagantaa 'Artemis II mission' jedhamu hojiirra oolchuuf jira. Ergamni kunis bara 1972 booda yeroo jalqabaatiif astiroonootota addeessaan olitti dabarsa jedhame.
Ta'ulleen ergama kana kan raawwatu xiyyaarsamii tokkicha, lafarratti filannoon biraa hin qophoofne, mala ittiin bahamus kan biraa hin qabu. Yoo akka carraa wanti tokko mudate warruma achi keessa jirutu yaalii godha. Sanirraa kan hafe dukkanaa fi callisa hawaa keessatti hafuudha.












