Balaqqeessi yeroo jalqabaaf Maarsii irratti argame - Saayintistoota

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni sochii elektiriika fakkaatu Maarsirratti yeroo jalqabaatiif waraabbachuu himan. Kun ammoo pilaanetii kanarratti balaqqeessi ykn bakakkaan uumamuu akka danda'u agarsiisa jedhan.
konkolaataan NASa Perseverance jedhamtu bara 2021 keessa Maarsirra qubatte, mallattoowwan lubbu-qabeeyyiin akka achirra jiran akka barbaadduuf kan ergamte yoo ta'u, waggoota afran darban keessa Dhooqa Jezeroo (Jezero Crater) keessa soqaa jirti.
Humni ibsaa bahu maqaan "balaqqeessa xiqqaa [mini lightning]" jedhame sagalee elektiroomaaginetikii meeshaa konkolaataa SuperCam irraa fuudhameera.
Argannoowwan kanneen mirkaneessuudhaaf saayinitisoonni humna ibsaa atimoosferiirraa mul'atu safaruuf, akkasumas waan achirra jiru arguudhaaf kaameraa baayyee cimaa ta'e erguuf yaadaa jiru.
gareen qorattootaa Faransaayirraa ta'an waraabbii sagalee maayikiroofoonii saatii 28 konkolaataa NASAtiin fageenya waggaa Maarsii lama (ykn guyyoota Dachee 1,374) irraa waraabame xiinxalaniiru.
Humni elektirikaa awwaara obonboleettiin ol kaasu ykn awaara bubbeen kaasu waliin akka walqabatu adda baasan.
Obonboleettiin awaaraa (dust devils0 yeroo ho'i qilleensaa dabalutti awwaarri qal'attee lafarraa ol bubbisu kan uumamu yoo ta'u, sochiin keessa isaanii jiru akka humni elektirikaa uumamuu danda'u gochuu danda'a.
Dursaan bareessaa qorannoo kanaa Dr. Baaptiste Chiid burqaa oduu Roohitarsitti akkas jechuun hime: "Humni elektirikaa kunneen argannoo guddaa maarsirratti kemistirii, haala qlleensaa, irra jiraachuu kan danda'amu ta'uufi gara fuula duraatti roobootiiniifi dhalli namaa deemanii abuuruuf kallattiin agarsiisu bakka bu'a."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaafi saayintistoonni Inistiyuutii Qorannoo Astiroofiiziksiifi Pilaantoloojii Faransaay Maarsiin amma sochii elektirooni atimoosferii qabaachuun Dachee, Saatarn fi Juppiitaritti makamteetti jedhanii amanu.
Fiisistiin Paartikilii Dr. Daani'eel Piriichaard joornaalii saayintifikii Nachar irratti akka barreessetti, wanti waraabame sun "humna elektirikaa dhukkeen uumame ta'uu ragaa amansiisaa dhiyeessullee" humni elektirakaa kun ni dhaga'ame malee waan hin argamneef, "kun dhuguma balaqqee Maarsirraatii jedhamee shakkiin jiraachuun waan hin oolledha."
Itti dabaluun: "seenaadhuma dirree saayinsii kanaa waan ta'eef falmiin isaa hanga yeroo ta'eetti itti fufa," jedhe.
Bara kana Fulbaana keessa, saayintistgoonni gophoo (dhakaa guddaa) mallattoo hin baramne qabu arganiiru.
Mallattoowwan nama ajaa'iban kunneen maqaa shumbirii qeerramsaa fi ija/sanyii pooppii (midhaan zayitiin irraa hojjetamu) jedhutu kennameef. Ijo pooppii kun makama kemikaalaatiin kan mineraala uumuu orgaanizimoota shishifii waliin walitti dhufeenya qabudha.
Mineraalonni adeemsa ji'ooloojikaalii umamaatiin uumamuu kan danda'anidha, garuu NASAn akka jedhetti, wanti argame kun lubbuun jiraachuuf mallattoo ifa ta'e hanga ammaatti argamedha.
Har'a, Maarsiin lafa onaafi cabbaa'aadha. Haata'u malee, waggoota biliyoonaan lakkaa'aman duraatimoosferaafi bishaan kan qabu ta'ee, achirra jireenyi turuu ilaaluudhaaf bakka abdachiisaa isa taasisa.
Presverance gara qaama Holqa Jezeroo (Jezero Crater)tti ergamte sababiin isaa ammoo yeroo Maarsirra dirra dhangala'aa bishaan qabaachuun deltaa turuu dabalatee qabiyyeewwan yeroo tokko bakka jireenyaaf ta'u jiraachuun irraa mul'atuufidha.















