Konkolaataan Nasa 'Perseverance' erga Maarsiirra qubatte booda 'haala gaariirra' jirti

Madda suuraa, NASA
Amma konkolaataan haarayaa dachii Maars geesseetti.
Ejansiin hawaa Ameerikaa konkolaataa (rover) maqaa Perseverance jedhamu kennameef, milkaa'inaan Maarsiirra qubachiise.
Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte.
''Oduun dansaa jiru, akkan yaadutti xiyyaar-samiin kun haala gaariirra jirti,'' jedhan qondaalli piroojektichaa Maat Waalaas.
Injinaroonni Nasa bakka to'annoo ergama kanaa Kaalifoorniyaa turan, wayita oduun qubachuu mirkanaa'etti gammachuun lafaa ka'an.
Konkolaataan miila jaha qabdu kun, yoo xiqqaate waggoota dhufan lamaaf dhakaa uruun odeeffannoo sassaabdi - kunis jireenyi as gubbaa amma dura jiraachuufi dhisuu baruuf gargaara.
Perseverance Maars gahuuf ji'oota jaha oliif imalaa kan turte yoo tahu, fageenyi imaltees kiiloomeetira miiliyoona 480.
Lafti gadi-dhooqaan Jezero jedhamu kun, waggoota biiliyoonaan dura haroo guddaatu keessa ture jedhamee yaadama.
Bakka bishaan turetti ammoo, jireenyi jiraachuun isaa waan hinoolledha.

Madda suuraa, NASA
Ergaan Perseverance nagaan lafarra qubachuunshee kan to'attoota qaqqabe sa'aatii GMT 20:55 irra ture (akka biyyaatti halkan keessaa 5:55).
Otoo akka duraanii tahe silaa jarri walhammachaa, harka rukutaafaa ol utaalaa gammachuusaanii ibsatu turan. Amma garuu sababa koroonaavaayirasiif jecha, otoo walitti hin siqin achumatti harka walitti buusan.
Tahus garuu gammachuun isaanii irraa hin godaanne. Hanguma suuraaleen lama ergamanitti harka rukutuun itti fufee ture.
Suuraaleen kunniin kan kaafaman kaameeraa injinariingii qulqullina guddaa hinqabneeni. Leensiisaas golgaa leensiin haguugamee ture - awwaarris gariin haguugee ture.
Xiinxalli qubannaan booda akka muldhisetti, konkolaatattiin bakka isheen qorachuuf karoorfatterraa km2 gara kibba bahaan Jezero keessa qubatte.
''Bakka walqixxaataa tahe qubanne. Konkolaatattiin diigrii 1.2 tahu qofa naannofte ykn dalga galte,'' jedhe Allen Chen kan garee qubannaa hoogganu.
''Bakka qubannaa keenya milkaa'inaan arganneerra. Konkolaataan keenya nagaan lafarra jirti. Garee koofis kana gochuusaaniif hedduun gammada.''

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech
Maarsirra qubachuun guddoo cima. Naasaan gama kanaan muuxannoo guddaa haa qabaatuyyuu malee, namni garee Perseverance keessa jiran hunduu ofeeggannoo cimaan haasawu turan.
Konkolaataan (rover) ulfaatina toonii tokko (kiiloo 1000) qabu, ejensii hawaa Ameerikaan Maarsirra yeroo qubsiifamu kuni isa lammaffaati.
Inni qaraa 'Curiosity' kan jedhamu oggaa tahu, lafa dhooqaa biraatti bara 2012tti qubsiifame. Teknooloojiiwwan qubannaa haaraan itti yaalamanii turan. Kalaqoonni kunninis konkolaataa amma qubatte Perseverance'f galtee tahaniiru.

Madda suuraa, NASA















