Qorannoo Hawaa: UAE’n imala gara Maarsii isa jalqabaa taasisuuf

Imalli gara Maarsii biyyoota Arabaa

Madda suuraa, THE MOHAMMED BIN RASHID SPACE CENTRE

Imalli gara Maarsii biyyoota Arabaa inni jalqabaa torbeewwan dhufu keessatti taasifamuufi.

Fageenya kiiloomeetira miiliyoona 493 imalanii pilaaneta Maarsii bira gahuuf ji’oota ji’oota torba fudhata. Akkasumas oorbitiisaa jalqabuufi odeeffannoo waa’ee haala qilleensaa erguufi.

Meeshaan kunis odeeffannoo gahaa sassaabuuf guyyoota 687 Maarsiirra naanna’a.

Maarsii irra marsaa tokko naanna’uuf sa’aatii 55 fudhata.

Hoggantuun sagantaa kanaa kan ta’an Saaraan Al-Amiirii sagantaan kun saayintistoota dargaggeeyyii Arabaaf ogummaa injiineeringii hawaa keessatti akka hirmaataniif abdii guddaa itti hora jedhaniru.

Rookeetiin kun moggosaa Amal jedhu kan hiikni isaa Abdii ta’e oddoola Jaappan Taaneegaashimaa jedhamurraa Waxabajjii 14 furguggifama.

Rookeetiin kunis seensaroota sadi kan baqqaana qilleensaa wal xaxaa of keessatti hamatu qaba. Kunis kaameraa oozoonii fi awwaara pilaaneetichaa safaru qaba.

Aadde Saaraan akka jedhanitti xiyyeeffannoon qorannoo kanaa akkaata elementoonni haayidiroojiinii fi ooksijiinii pilaaneeticharraa baqachaa jiran irrattidha jedhaniiru.

Saar Iyaan Bilaachfoord Garee Goda hambaa Saayinsii UK irraa akka jedhanitti qorannoon kun haala qilleensaa Maarsii beekuu keessatti ni gargaraa jedhan.

UAE’n asiin dura astiroonaatii tokko gara ISS’tti ergiteetti.

Astiroonaatiin Arabaa jalqabaa mootii Sawudii Sulxaan Bin Salmaan Al-Sawud. Isaanis bara 1985 imaltoota US waliin ture kan deeman.

Rookeetiin kunis Ameerikaa Koloraadootti hojjatameeti kan gara Jaappan ergame. Injiinaroonni hojii kanarratti hirmaatanis soda Covid-19’f jecha adda of baasaniiru, kunis guyyaa rookeetichi furgugfamu akka yeroo karoorfametti hin taasifamneef soda uumeera.

Piroofeesara Yuunivarsiitii Biriitan Ooppin kan ta’an Moonikaa Giraadii imalli gara Maarsii amma taasifamu kun jijjiirama guddaa akka fiduu danda’u amanu.

“Biyyoota Awuroppaatiin alatti biyyoonni biros garas imaluu akka danda’an kan mul’isuudha. Imalli gara Maarsii yeroo hedduu hin milkaa’u. Nutis akka milkaa’uuf abdii qabna,”jedhan.

Bulchaan Dubaay piroojektiin kun seektara bobaatiin alatti wantoota biroorratti hirmaachuu akka danda’an kan mul’isuudha jechuun abdii qaban ibsaniiru.

Yoo 'Abdiin' Maarsiirra qubate yeroo UAE‘n akka biyyaatti eega 1971 hundooftu as waggaa 50ffaa kabajanitti ta’aa jechuudha.