Turiizimii Hawaa: 'Gara hawaa deemuuf baasii tikeetii birrii miliyoona 8'

Ketii Ma'isoonroog imala hawaa
Ibsa waa'ee suuraa, Ketii Ma'isoonroog imala hawaa kanaaf waggoota 15 eegdeetti

Turiizimiin gara hawaatti taasifamu bara 2020 jalqabuutti jira. Dhaabbileen gurguddoo daldala turizimii hawaa kanatti bobba'anis tikeetii imala hawaa gatii gadi aanaa ta'een dhiyeesuudhaan waldorgommii keessa waan seenan fakkaata.

Ketii Ma'isoonroog imala dachee kanaan ala ba'uu akka ta'e hubattu kanaaf waggoota 15 eegdeetti.

Piroofesara mana barumsaa biizinasii kan taa'e dubartiin umuriin ishee ganna 61 ta'e kun imala gara hawwaatti taasisuudhaaf bara 2005 ture kan waliigaltee mallatteesite.

Imala kanaaf doolara 250,000 (gara birrii miiliyoona 8 ) kaffaaltee.

Akka waliigaltee kanaatti gara atimoosfera dacheen ala ta'e kanatti imaluudhaan bakka harkisa lafaa (gravity) zeeroo ta'e keessa daqiiqaa shaniif turuu kan ishee dandeessisuha.

Kampaaniin tikeeta isheetti gurgurate , Virjiin, Galaaktiik jedhamu ammaa bara kana keessa balaliiwwan akka jalqabsiisuuf jiru himeera. Hundeessaan kampanii kanaa Sir Richaard Biraanson dura ofii isaa imaluu kan eegalu yoo ta'u Aadde Ketii Ma'isoonroog isarraa hin fagaattu.

"Akkuman yaadetti waan ajaa'ibaa ta'a jedheen yaada," Ketii Ma'isoonroog.

Akkuma karoorfameen kan milkaa'u yoo ta'eef, Virjiin Gilaaktiik, kampaanii turistoota gara hawaatti erguun isa jalqabaa ta'a.

Kampaanichi akka beeksisetti namoota baayyee beekamaniifi gurra qaban akka Jestiin Biiberiifi Liyonaardoo DiKapiroo dabalatee hanga ammaa namoonni 600 ta'an imala gara hawwaa kanaaf tikeeta bitataniiru.

Haata'u malee, dhaabbileen biroon Virjiin Gilaaktiik morkatan gabaa kanatti seenuun dorgomuuf jiru. Hundeessaa Amaazon Jeef Bezosiin kan jalqabame Biluu Oriijin isa tokkodha.

Biluu Oriijin turistoota gara hawaatti imala bara kana jalqabsiisuuf imaltoota galmeeffateera.

Dhaabbanni SpaceX jedhamu Tesla Elon Musk tiin hundeeffame ammoo bara 2019 keessa dureessi Jaappaan gara addeessatti imaluudhaaf maamila isaa jalqabaa akka ta'u ibsee ture.

Imaltoonni dhuunfaa guyyoota 30 akka turan hayyamamaf

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Imaltoonni dhuunfaa guyyoota 30 akka turan hayyamamaf

Bara 2019 keessa Siwiiz Baank UBS gabaasa baaseen turizimiin gara hawaatti imaluu waggoota 10 itti aanan keessa dolaara biliyoona sadii ni ta'a jechuun tilmaameera.

Turistiin tokko gara hawaatti imaluudhaaf yoo xiqqaate dolaara 250,000 baasuu gaafata. Haata'u malee, dhaabbanni warri akka Virjin Galaaktik gatiin imala kanaa akka kana caalaa dabalu taasisaa jiru. Kana kan taasisanis wantota imala sanaaf barbaachisan haalaan foyyeessuudhan.

NASAn ammoo gama biraatiin gara interpiraayizii dhuunfaatti jijjiiramaa jira. Ajenensiin kun dhaabbileen akka SpaceX fi Boeing waliin ta'uun imaltoota hawaa US keessumeessuu barbaada.

Industiriin gara hawaatti imaluu kun qalbii dureessota addunyaa kanaa warra akka Sir Richaardiifi Jeef Bozoos qofa miti kan hawate, invasteroonni Wool Isiriitilleen itti makamaa jiru.

Virjiin Galaktik dhala namaa gara hawaatti erguudhaaf gabaa kana keessatti kan jalqabaa ta'uu isaa Onkoloolessa 2019 keessa beeksifameera.

Namoota hedduu turizimii hawaarratti hojjechuun maallaqa argachuuf abdataa jiraniif barri 2020 jalqabii gaarii ta'a jedhameera.