Boeing nama Ji'arra quphachiisuuf akka jiru beeksise

Madda suuraa, Boeing
Dhaabbanni geejjiba qilleensaa guddichi, karoora meeshaa namoota gara Ji'aatti geessuu danda'u ifa taasise.
Sagantaa isaa 'Artemis' jedhu jalatti, Waayiti Hawuus bara 2024'tti dhala namaa gara baatiitti deebisee akka geeffamu barbaada.
Karoorri 'Fewest Steps to the Moon' ykn 'Adeemsa gabaaba gara baatiitti' jedhameen moggaafame kunis, rookkeetii guddaa 'Space Launch System (SLS)' fayyadama.
Kubaaniyichi walxaxiinsa karoorri imala kanaa salphisuu namoota hedduu erguuf softiweeriiwwan hedduu gara samiitti akka dhokaasu ni hima.
Imaloota sagantaa hawaa robootii hedduuf meeshaleen sagantichaaf barbachisan rokkeeti tokkon ergamu. Kanaafi sagantaan imala gara Baatii Appooloo jedhamu bara 1960n fi 1970n keessa imala tokkumaan ergamee ture.
Haata'u malee, sagantaan Artemis meeshalee barbaachisan erguuf baliilawwaan hedduu of keessatti qabata.

Madda suuraa, NASA
Boeing 'taateewwan sagantichaa ciccimaa' shaniin astiroonaatoota Baatiirra quphachiisu akka danda'u hima. Maloota biroon taateewwan 11 ykn isa ol barbaachisuu hir'isuun malli kun taatewwan kan akka ka'uumsa, orbiitii seenuu fi kan biroo of keessatti qabata jedha.
Kanaan dura Nasaan imala gara baatii sadarkaa sadiitti hiruu ta'us, boodarra garuu 'yaada haaraafi ammayyaa' biroof balbala bana.
Karoorri Boeing sadarkaa lama qofa fayyadama - meeshaa astiroonaatoota baatiirra qubachiisufi yeroo hojiin sagantichaa dhumetti meesha astiroonaatoota kana deebisee Baatiirraa kaasee gara orbiitiitti deebisu. Lamaanuu akka meeshaa tokkootti akka imalaniif qopheeffamu.
Rookketiin kun orbiitiittirra Baatirra qubachuuf meeshaa dabalataa kanaan dura Nasa'tiin beeksifame malee ofii akka danda'u dhaabbatni kun ni hima.
Kun, imaloota sagantichaaf barbaachisan caalaatti kan hir'isuufi qubannaa milkaa'aaf sadarkaalee barbaachiisaan kan salphisudha jedha.
Meeshaan kun sagantaa imalaa 2024'f Arteemis-3 jedhamuuf akka xumuramu dhaabbati kun ni hima. Garuu karoorri Boeing kun rookkeetti hedduu cimaa SLS, 'Block 1B' jedhamu irratti hundaa'a.
Karoora Nasa amma jiruun, rookkeetiin 'Block 1B' jedhamu hanga 2025tti qophaa'ee hin xumuramu.

Madda suuraa, BOEING
Haata'u malee, adeemsi Nasa sagantaa Artemis -3 fi Artemis -4 (Artemis -4 bara 2025tti balali'uuf karoorfate) dhaabbata adda addaarraa rookketti qubatu 'landers' lama fayyadamuu eeyyama.
Rookkeetiin Boeing buufata hawaa orbiiti Batiirratti ijaaramuuf jiru yeroof qubachuu danda'a, garuu isa hin barbaachisu. Kanarra sagantaa salphaaf rookkeetii Nasa Oriyoon walin quphachuu ni danda'a.
Ji'a darbee hundeessaan Amazon Jeeff Bezoos, bara 2024f rookkettii qubatu 'lander' kanbiraa oomishuuf hundeessa 'gartuu biyyaalessa' beeksisuun isaa ni yaadatama.














