Bakka balaliituun hawaa itti of gatan

Madda suuraa, china manned space engineering
Balaliituun hawwaa Chaayinaa Tiyaangong 1, wayita ammaatti waan ajaja ala ta'aa jirtuuf waggaa dhufu keessa gara dacheetti gad gatamti jedhamee eegama. Garuu bakka moggaa kanaan dura balaliituun hawwaa hedduun biroon itti gatamanitti miti.
Qorattoonni fi imala gootummaan guutame namoonni godhan (adventurers) bakkeewwan haaraa ta'an to'annaa jala oolchuuf jecha gaarota dhedheeroo yaabaniiru, bantiiwwan lafaa bira gahaniiru, garbaa fi gammoojjii gurguddoo keessas qaxxamuraniiru.
Bakkeewwan haaraa kanneen keessaa muraasni bantiiwwan bira hingahamne jedhamanii waamamu. Kanneen keessaas lama beekuun nama gammachiisa.
Inni tokko bantii ardii bira hingahamne - kunis lafa garba irraa fagoo keessatti argama. Bakki itti argamu ilaalchisee falmiin jiraatus, namoonni hedduun garuu naannoo Karra Dzuungaariyan jedhamuu - gaaraa Chaayinaa fi Giddugaleessa Eshiyaa keessa darbuudha jedhu.
Bakki walfakkaataan garba keessa - lafa irraa achii fagaate argama - innis Paasifiik Kibbaa keessa gara kiloo meetira 2,700 fagaachuun odola Pitkeerni kibbaa, bakka lafa abbaa hinqabnee yookaan galaana yookiin lafa namni irra hin jirre kan Awustiraaliyaa, Niiwzilaandii fi Ameerikaa kibbaa gidduutti argama.
Bantiin garba bir hingahamnee kana beekuun fedhii qorattoota qofa utuu hintaane, kan saatelaayitii hojjetanis kan barbaadaniidha. Kanaaf kan saatalaayitoonni jalitii/amartii naannoo dachee irra kaa'aman kan dhumarratti akka gadi kufan kan godhamuuf. Garuu eessatti?
Saatelaayitoonni xixiqqoon sami keessatti wayita gubatan, warri gurguddoon garuu, gara lafaatti gadi dhufu. Kanaafuu, namoota irratti kufuun balaa hinqaqqabsiifnetti garba keessa gara bakka bira hingahamnetti geeffamanii akka gataman taasifamu.
Kunis bakka hanga iskuweer kiloo meetirii 1,500 ta'u irratti walirraa fageeffame kan gatamu wayita ta'u kun bakka awwaalcha saatelaayitootaatii jechuudha. Saatelaayitoonni 260 ol ta'an kan achitti gataman wayita ta'u kanneen keessa irra caalaan kan Raashiyaa dha.
Caccabaan buufata balali'aa hawwaa Miir achitti gatamee argama. Bakka kanatti gatuun bara 1986 keessa kan eegale wayita ta'u, gartuu qorattoota hawwaa hedduu fi daawwattootaa idila addunyaatiin baay'een daawwatameera.
Meeshaan hawwaa ulfina toonii 120 qabu kun samii keessatti gubachuu waan hindandeenyeef bara 2001 keessa bakka kana keessatti akka kufuuf wayita gad lakkifamee caccabaansaa qilleensa keessa balaqqeessa'aa yeroo gad murxixxifamu namoonni qurxummii qaban tokkoo tokko arganiiru.

Madda suuraa, Getty Images
Meeshaan itti fayyadama gara giddu gala hawwaa addunyaatti waggaa keessatti yeroo hedduuf ergaman kunneen balfi isaanii naannoo kanatti gubatu.
Gubuun irraa falamni bahu akka deebi'ee qilleensa keessa hingalleef to'annoo jalatti waan raawwatuuf miidhaan inni namarratti qaqabsiisus hinjiraatu. Hojiin qurxummiii qabuus naannoo kanatti hingeggeefamu, sababiin isaas dhahaa garba kanaarra kan ka'e sooranni barbaachisoon waan as gahu hindandeenyeef lubbuu qabiyyeen garba keessa jiraatan baay'ee xiqqoodha.
Bakka moggaa kana gara fuulduraatti kan daawwachuu malu tokko giddu galeessa hawaa idil-addunyaati.
Karoorri amma jiru, waggoota kudhan dhufan keessatti kana hambisuun, haala of-eggannoon gara bantii garba bira hingahamneetti gadi fiduudha. Ulfaatina toonii 450 - dachaa afuriin kan giddu galeessa Miir caaluu kun - haala daawwannaa gaarii akka ta'uudha.
Al tokko tokko garuu wayita bakka to'anno laffarraa qunnamtiin addaan citu, giddu galeessa saatalaayitii yookaan hawwaa gara Paasifik Kibbaatti gadi fiduun hindanda'amu.

Madda suuraa, NASA
Haali walfakkaataan bara 1991 keessa wayita giddu galeessi hawwaa Saalyuut 7 kan toonii 36 ulfaatu fi qorannoo hawwaaf meeshaa barbaachisoo kan qabdu 'Skylab' jedhamtu Ameerikaa Kibbaa keessan gad dhufuun bara 1979 keessa Awustraaliyaa irratti kufteetti.
Namoota lafarra jiran keessa kan hubame tokkoyyuu hinturre. Hanga beeknuttis caccabaa meeshaa kanaa samii keessaa gadi dhufunis namni balaan irra gahe hinjiru.
Rakkoon walfakkaatanis waggaa dhufu Ji'a Amajii fi Caamsaa gidduutti Tiyaangong-1 Chaayinaa gara lafaatti wayita deebitu nu quunamuuf akka jiruudha.
Giddu galeessa hawaa Chaayinaa ishee jalqabaa kan taate Tiyaangong bara 2011 keessa gara hawaatti kan ergamte wayita ta'u, waggaa tokko booda dubartii oggeetti hawwaa Chaayinaa ishee jalqabaa Liu Yaangiin dawwatamee ture.
Orbitiin Tiyaangong-1 irra naannoftu bososuu irraa kan ka'e meeshaan kun wayita ammaa Paasifiik Kibbaatti akka gadi kufuuf injinaroonni Chaayinaa yaalanis to'achuu osoo hin danda'in hafaniiru.
Amma garuu gara Paasiifik Kibbaatti dhufuun ishee hafee, gara Kaaba Ispeenii fi kibba Awustraaliyaa gidduutti akka gad bu'uuf deemti. Naannoo jedhamee kanatti gad dhuftee gubachuu isheen sa'aati muraasa dura yoo beekne malee bakkaa isheen dhuftee itti raawwattu kana siriitti himuun hindanda'amu.
Egaa Tiyaangong-1 giddu galeessa hawaa keessatti akka fakkaattiwwan isheetti dhumi ishee Kibba Paasifiik keessatti jara hin taane keessaa tokko ta'u hinooltu.












