Ilmi Fitaawraarii, Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo hidhannoo ABO keessatti akkamiin yaadatamu?

Fakkii Jaarraa Abbaa Gadaa

Maqaan maatiin moggaasaniif Abdulkariin Ibraahim Hamiidi. Harargee Bahaa Baddannootti dhalatanii guddatan. Jaarraa Abbaa Gadaa ammoo maqaa qabsoo hidhannoo keessatti mogga'eefi.

Jaarraa abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabsaa'ota maqaan isaanii tarree jalqabaarra jiran keessaa tokko yoo ta'an, sirbootaa fi kitaabilee seenaa Oromoo keessatti nifaarfamu.

Seenaa qabsaa'aa Oromoo kanaa ammaan dura himamaniin addatti BBCn maatii qabsaa'aa kanaa gaafachuun waa'ee abbaa isaanii, qabsoo hidhannoo, baqa biyya alaa fi sa'aatiiwwan gara dhumaa lubbuun turan irratti waan qindeessine kunooti.

Abbaan Jaarraa Abbaa Gadaa Ibraahim Hamiid yeroo Hayilesillaasee keessa nama gulantaa Fitawraarii turan. Kana malees ogummaadhaan abbaa seeraa waan turaniif mana murtii kutaa biyya Harargeetti abbaa murtii gidduuti.

Dr.Nasraddiin Ibraahim obboleessa xiqqaa Jaarraa Abbaa Gadaa yoo ta'an, Atilaantaatti Hakiima Ispeeshaalistii namoota bebbeekamoo yaalani.

Jaarraa Abbaa Gadaa waliin qe'ee tokko keessatti dhalachuu baatanilleen yeroo Jaarraan carraa barnootaa argachuuf Harar gale mana tokko keessatti guddatan.

"Abbaan keenya Fitawraarii Ibraahim Hamiid daanyaa gidduu taa'u kan harargee cufaa ture. Ogummaa seeraa qabu. Kanaan qonnaan bulaan nafxanyaadhaan lafti akka irraa hin fudhatamne ol iyyannoo godheefii akka mo'atan gargaaraa ture"

"Kanaaf jecha maanguddoon biyya hedduurraa keessumummaa mana keenya dhufu. Jaarraan yeroo barnootaaf Harar jiru maanguddoo mana keenya dhufan kana jalatti guddate. Taa'ee isaanirraa barata. Waa'ee oromoo fi Oromiyaa" jedhan.

Fitawraarii Ibraahim Hamiid seenduubeen isaaniis seenaa gootummaa warra qabani. Hamid Ibroo, Ibroo Shaxaa warra Harargeen weedduu keessatti sirbaan leellisu.

Kana malees dureessa waan turaniif Fitawraarii Ibraahim haadha warraa hedduu fuudhanii ilmaan 30 ol horatan isaan keessaa Jaarraan tokko.

Keessumaa seenaa qabsoo Calii Calanqoo irratti akkaataa itti Oromoon sirna nafxanyaatiin cabe irratti maanguddoota lola san beekanii fi lubbuun turan irraa seenaa barachuuf hiree argatee turuu eeru.

Dammaqiinsi ijoollummaadhaan waa'ee Oromoo irratti maanguddoota irraa barate qabsoo hidhannootiif gaara akka seenuuf bu'uura akka ta'e himu Dr Nasraddiin.

Nuti Oromoodha, biyya Oromiyaa jedhamtu qabna

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo Jaarraa Abbaa Gadaa fa'a qabsoo Oromoo bu'uuressanii hidhannoodhaan sirna fonqolchuuf murteessan qabsoo guddaan Oromoo dammaqsuu ture.

"Nuti Oromoodha malee Qottuu miti. Biyya Oromiyaa jedhamtu qabna" Kan jedhu barsiisuu fi hubannoo uumuun qabsoo cimaa yeroon suni gaafatu ture.

Saniin alatti Oromoon Biyya ofii, qabeenya ofiirratti gabroomee buluu akka hin qabneef gaaratti gale jedhu.

"Akeekni qabsoo isaa, nitura malee Oromoon lafa ishiirratti abbaa taatee biyya ofii bulchuu, qabeenya ofii bulchuu nidandeessi waan jedhu. Kuni hin oolu jedhee amanaa ture. Silaa waan amma jiru kana rabbi agarsiisee mul'atasaa keessaa gariin deebi'e jechuu danda'ama" jedhan.

Dr. Nasraddiin erga Jaarraan qabsoo hidhannootiif bosona seenee dhalatan. Waa'ee obboleessa isaanii hangafaa kana oduu dhagahu malee hanga bara Chaartaraatti qaamaan wal hin argine.

"A.L.I Bara 1983 isa waliin qaamaan walargee walbare. Eegasii waan qabsoo kana guddoo nubarsiisaa ture. Waan dandeenyuun nutis isaan gargaaraa turre. Xiyyeeffannaan keenya guddaan garuu barnoota ture. Barnoonnis qabsoo waan tureef" jedhu.

Hanga gaafa Lubbuun baatutti Gaaratti nadeebisaa jedha

Jaarraa Abbaa Gadaa erga ABO Chaartara keessaa bahee fi qabsoon Oromoo bu'aa bahii hedduuf saaxilame marroo lammeessoof gaaratti deebi'uuf dirqame.

"Qabsoo keessa olbahiinsa fi gadi bu'iinsatu jira. Inni ergama dipilomaatikiif Yemen deeme. Yeroo inni Yemen jiru qabsoon gaara keessa deemaatuma turte. Wanni Yemen deemef gargaarsa isaan qaqqabsiisuuf ture" jedhan.

Bara isaan Yemen turan kanatti biyyattiinuu lola keessa turte. Gidduu kanatti osoo gama biyyaa hin deebi'in dhukkubsatani jedhu obboleessi isaanii quxisuun Dr. Nasraddiin.

Erga dhukkubsatanii namoota isaan gaafachuu dhaqan hundaan qabsoo akka hin laaffisne Oromoon loluu akka qabu gorsaa turani jedhu.

"Hanga lubbuun baatutti nama isa marsee taa'un 'gaarattin deebi'a. Gaaratti nadeebisaa' jechuu ture. Loluu qabna maaf teessanii laaltan. Namni Oromo taa'uu hin qabu ,loluu qaba jechaa ture" jedhan.

Dr. Nasraddiin sa'aatiiwwan gara dhumaa Jaarraa Abbaa Gadaa waliin Yemenitti dabarsan. Haala yeros ture akkasiin ibsu.

"Yeroo sana Yemen waraana waliinii keessa turte. yeroo kana inni kan dhukkubsate. Ani Ameerikaarraa achi deemee ji'a tokkoof isa yaalaan ture. Ji'a tokkoof isa yaaleen yeroon gara Ameerikaatti balali'aa ture osoon xiyyaara keessa jiruu lubbuun isaa baate" jedhan.

Jaarraa Abbaa Gadaa umrii isaanii waggaa 77tti yeroo lubbuun isaanii bahu wanni isaan dhaammatan reeffi isaanii Oromiyaatti akka awwaalamu ture.

Yeroo sanatti garuu obbolaa isaas ta'e maatiin dhaammannaa isaanii kana milkeessuu danda'u hin turre.

Gidduu kanatti Abbaan Qabeenyaa Oromoo Yaadataa Junaddiin baasii isaaniitiin Reeffi isaanii biyya isaaniitti akka awwaalamu xayyaaran gama Oromiyaa fidan.

"Yeroo sanatti biyyi Itoophiyaa keessa haala gaariin hin turre. Haala rakkisaa sana keessatti Yaadataa Junaddiin 'risk' yeroo san ture hunda fudhatee reeffasaa xiyyaaran fuudhee biyyatti galche"

"A.L.I Bitootessa bara 2005 reeffi Jaarraa biyya gale. Namni fira ta'ee fi uuummanni bahee akka hin awwaalle dhiibbaatu ture. Sanuma keessa reeffi Dirredawaa gahe. Achitti irratti salaatame. Uummanni yoo duunes jedhee yaa'ee reeffasaa simate" jedhan.

Jaarraan fedhiin isaa dirrree qabsoo Calii Calanqootti akka awwaalamuuf dhaammatte. Ta'ulleen dhiibbaa yeroo sana tureen didamee jennaan bakka dhaloota Abbaa isaa magaala Xiqqoo Watar jedhamtutti sirni Awwaalcha isaanii raawwate.

Jaarraa Abbaa Gadaa erga ABOn chaartara keessaa bahee biyyoota akka Jibuutii, Saawudii boodarra ammoo Yemen keessa waggoota ja'aaf jiraatan.

Jaarraan dandeettii afaanota hedduu dubbachuu akka qabantu himama. Seenaa isaanii irrattis kitaabni tokko afaan oromootiin barreeffamee jira.

Qabsaa'aan Oromoo Jaarraa Abbaa Gadaa abbbaa Ilmaan Dhiiraa Lamaa yoo ta'an ilmaan isaa yeroo ammaa biyya siwiidin jiraatu.