Mariiwwan nagaa hedduun maaliif Sawud Arabiiyaa fi Kaataariitti gaggeeffamu?

Madda suuraa, Getty Images
Kibxata kaleessaa aanga'oonni Ameerikaa fi Yukireen Sawud Arabiyaatti Raashiyaa waliin waliigaltee nagaa taasisuudhaaf haala dandeessisurratti marii eegalaniiru.
Biyyattiin marii nagaa kanaaf kan filatamte dursaan biyyattii mootii Mahaamad biin Saalmaan walitti dhufeenya cimaa pirezidantii Raashiyaa Puutiniifi pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin qaban irraa kan ka'eedha.
Mootummaan Sawud Arabiyaa biyyoota wal waraanaa jiran jidduutti jaarsa nan ta'a jedheera.
Biyyi xiqqoonni ollaa Sawud Arabiyaa Kaataaris waggootan 20n darbaniif addunyaarratti biyya mariin nagaa keessatti gaggeeffamu kan beekamtudha.
Israa'eliifi Gaazaa jidduutti waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma jiru qindeessuudhaan gahee dursaa kan baate yoo ta'u, isaan duras mariiwwan nagaa hedduun akka ta'uuf gargaarteetti.
Biyyoonni ollaa lamaan kunneen maaliif akka marii nagaa keessatti gaggeeffamuuf filatamanii?
Sawud Arabiyaa maaliif marii nagaa keessumeessuuf filatamti?
Sawud Arabiyaan gahee jaarsummaa har'aa kana osoo hin fudhatiin dura waggoota hedduuf amala dubbii barbaachuu qabdi turte.
Bara 2015tti wal waraansa Yaman keessatti mootummaa deeggaruudhaan jidduu seenuudhaan hidhattoota Huutii irratti haleellaa qilleensaa fi madiifi raawwattee jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2017tti ammoo mootummaan Liibaanoos Sawud Arabiyaan ministirri Mummee Liibaanoos Al-Haariiriin aangoo akka gadhiisaniif dhiibaa gochuudhaan to'annoo jala oolchiteetti jechuun himatte.
Bara 218tti ammoo mootummaan Sawud Arabiyaa balaaleeffachuun kan beekamu gaazexessaa Jamaal Kaashoojii ergamtoota mootummaan Imbaasii biyyattii Istaambuul keessatti argamu keessatti ajeesiifameera.
Ameerikaa Waashingitaniitti waahila Insititiyuutii Baha Jidduugala kan ta'an Dr Pool Saaleem ''hoggansi Mohaammad Biin Saalmaan duraanii kan shira walitti bu'iinsaa qindeessu ture'' jedhan.
''Haata'u malee, hoggansi isaa walitti bu'iinsa harbeessurra mariiwwan nageenyaa keessuummeessuun waan gaarii hojjachuuf murteessee'' jechuun BBCtti himan.
Sawud Arabiyaan nagaafi tasgabbiin Baha Jidduugalaa keessaa akka fooyya'uuf adda durumaan mariiwwan nageenyaarratti hojjataa turteetti kan jettu ammoo waahila Insititiyuutii Waashingitan Ameerikaatti bu'uureeffachuun dhimmoota Baha Jidduugalaa irratti xiyyeeffachuu hojjatuu kan taatee Elsaabeeti Deentaati.
''Kunis boba'aa alatti erguu qofarratti hirkachuu dhaabuudhaan dameewwan diinagdee haaraa cimsuudhaaf mala daldala alaa hawwachuudhaaf taasifamuuf qaama barbaachisaadha'' jechuun BBCtti himte.

Madda suuraa, Getty Images
Sawud Arabiyaan mariiwwan nagaa gaggeessuudhaan milkaa'ina attamii argatte?
Sawud Arabiyaan seenaa nagaa akka dhufu gochuu keessatti waggoota kurnana hedduuf lakkoofsiiseetti.
Bara 1989tti qaamoolee Liibaanos wal lolan jidduutti gara waliigaltee Taa'iifitti kan qajeelee fi booda bara 1990tti waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf jaarsummaan gargaarteetti.
Kunis wal waraansa biyyattii keessatti waggaa kudha shaniif itti fufee ture dhaabsiiseera.
Bara 2007 wal dhabdee gareewwan Filisxeem kan ta'an Hamaas fi Faataah jidduutti ture kan dhaabe waliigaltee Makkaa dursiiteetti.
Dhiheenya kana ammoo dursummaa Mootii Mohaammad biin Saalmaaniin Sawudiin deebiiftee gahee marii nagaa keessummeessuu fudhate.
Bara 2022 irraa eegalee finciltoonni Huutii Yamaniitti argaman waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuuf yaalaa jirti.
Akkasumas, marii walitti bu'iinsa Sudaan keessattis kan hirmaatan ajajjoonni waraanaa biyyattii jidduutti waraana yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture keessumeesiteetti.
Sawud Arabiyaan bara 2022tti Raashiyaa fi Yukireen jidduutti marii taasifameef boojii'amtoota waraanaa 250 walitti bu'iinsa biyyoota lamaaniitiin qabamanii turan gadhiifamuun gara maatiisaaniitti akka makaman taasifame olaantummaan dursaa turte.

Madda suuraa, Getty Images
Kaataar marii nagaa kam fa'i irratti hirmaatte?
Kaataar Ameerikaafi Masrii waliin ta'udhaan Amajjii bara 2025 Israa'eliifi Hamaas jidduutti dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf marii taasifame keessatti gahee olaanaa baatee jirti.
Bara 2020tti ammoo Kaataar waraanaa Afgaanistaan waggoota 18f gaggeeffame dhaabsiisuuf Taaliibaanii fi Ameerikaa jidduutti waliigalteen nagaa akka taasifamuu kan jaarsummaan tajaajilte yoo ta'u, Ameerikaa fi michoonnishee waraanaa baasuudhaan Taaliibaan biyyattii to'achu danda'eera.
Akkasumas bara 2020tti milkaa'u baatulleen waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa Yamaniifi hidhattoota Yaman jidduutti akka taasifamu taasifteetti.
Kaataar waliigaltee nagaa Afrriikaa keessatti taasifaman irrattis hirmaateetti jirti.
Tokkooffaa bara 2022tti mootummaa Chaad fi mormiitoota hedduu jidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu taasifteetti.
Kan biraa ammoo, mootummaa Sudaan fi gareewwan hidhattootaa jidduutti bulchiinsa lixa Daarfuur keessatti waliigaltee nagaa taasifameera.
Bara 2008tti ammoo gareewwan mormiitoota Libaanoos jidduutti mudamni ture gara wal waraansa haaraatti akka hin qajeelleef waliigaltee nagaa taasifame dursaan hojjanteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Kaataar maaliif jaarsummaa marii nagaa keessummeessuu filate?
Kaataar bara 1995 hanga 2023tti bara dursaa biyyattii yeroos Hamaad Biin Kaaliifaa Al Taaniitti jaarsummaa nageenyaa kana dursuu eegalte.
Kanaaf sababni dursaa ammoo kuusaa gaazii Noorzi Doom fi Saawuz Poorsi Fiild jedhamuufi Galaana Galoo Kaataariitti bara 1990tti argame misoomsuuf barbaadusheeti.
Argamni bobba'aa kanaa kan bulchiinsoota bishaan irraa Kaataarii fi Iraan keessatti kan argamu yoo ta'u, yeroo sanatti Iraan diina Saawudi Arabiyaa taatulleen, Kaataar kana gochuuf Iraan waliin wal ta'u qabdi turte jedhu waahillii dhaabbata tajaajila Royaali Yunaayitid duraanii, Dr HA Heeliiyar.
''Kaataar boba'aa yoo argattu daandii mataashee hordofuu akka qabdu hbatte'' jechuun BBCtti himan.
Itti dabaluunis gahee marii nagaa bahuu filatte, sababiinsaa ammoo ''biyyoota hedduu waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun lakkoofsa deeggartootaa kan baayyisuu ta'u hubatteetti,'' jedhan.
Kaataar gahee jaarsummaa heera mootummaa bara 2004tti raggaasiftee keessatti hammatteetti.
Dr Saaleem ''Kaataar gahee jaarsumaa nagaa mallattoolee biyyattii keessaa tokko taasifachuun filatteetti. Kanaafis ofiishee gama kanaan biyya warri kaan itti fayyadamu danda'an of taasisuun beeksiifteeti.''
Sawud Arabiiyaa fi Kaataar marii nagaa keessuumemessun addaa?
Kaataar yeroo baayyee marii nagaa gaggeessuudhaaf kan filattu Sawud Arabiyaa fi gareewwan biyyoota biyaa walitti dhufeenya hin qabne waliin michummaashee eegdee turuudhaan.
Dr Saaleem, ''gareewwan islaamaa kanneen akka Obbolaa Islaamaa, Hamaas fi Taaliibaan jiran irratti akka Saawudiitti jibba cimaa hin qabdu,'' jedhan.
Kaataar walitti dhufeenyi Taaliibaan waliin qabdu akka marii nagaa Ameerikaafi garicha jidduutti keessumeessitu akka gargaare akkasumas walitti dhufeenyi Hamaasiifi Israa'el waliin qabdu waliigaltee nagaa gareewwan lamaan jidduttuu dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf akka gargaartu dandeessisu dubbatama.
"Sawud Arabiyaan dhimmootaafi qaamoolee fudhataman qaban waliin, Kaataar ammo hidhattoota loogeeffaman waliin mariidhaaf taa'u'' jetti Deenti.
Haata'u malee, Kaataar mootummaan Sawudii kanneen bulchinsichaaf yaaddoodha jedhee fudhatu gareewwan akka obboolaa Islaamtootaatti ni dhiyaati.
''Bara 2010tti tibba Waraaqsa Arabaattis Kaataar mormiitoota kanneen Sooriyaa fi Liibiyaatti argaman keessaatiif deeggarsa walitti fufaa kenniteetti'' jetti.
''Ijjannoo kanas ifa gooteetti.'' Kanaan kan ka'ees bara 2017tti Sawud Arabiyaa fi biyyoonni Baha Jidduugalaa kaan walitti dhufeenya Kaataar waliin qaban adda kan kutan yoo ta'u, ''mudamni Galoo Galaanaa'' akka ka'u taasiseera.
''Mudamicha hordoofee Kaataar osoo ollaashee waliin hin mari'anne gareewwan finxaaleeyyii waliin michummaan qabdu akka dhaabduu taasiseera'' jetti.
"Amma caalaa akkaa keessimeessituu jaarsuummaatti wallaba taatee jirti.''
Dr Heeyiilar Kaataar fi Saawud Arabiyaan eenyuu haa marii nagaa keessuummeessu jechuurratti wal hin dahban jedhan.
''Yeroo ammaatti Kaataar Saawudi Arabiiyaa waliin dorgomuu hin barbaaddu. Sawud Arabiyaanis dhimmmoota Kaataar qabatte kamuu fudhachuuf hin barbaaddu'' jedhan.
"Haala gaddisiisuun amma addunyaarratti walitti bu'iinsoonni biyyoota lamaan ko'omsan hedduutu jira.''












