Iraan filannoo lama qabdi: haleelamuu ykn nu wajjiin walii galuu - Tiraamp

Ayaatolaa Kameenifi Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma gabbisa nikularaa Iraan ilaalchisee xalayaa akeekkachiisa qabu Iraaniif barreessuu hordofee gaggeessaan Iraan deebii kennan.

Gaggeessaan Iraan Ayaatolaa Kameenii deebii xalayaa Tiraampiif kennaniin "mootummoota kabaja namaaf hin qabne waliin hin mariyannu" jedhan.

Tiraamp xalayaa Jimaata darbe Iraaniif barreessaniin, dhimma nikularaa irratti US waliin walii hin galtu taanaan tarkaanfiin waraanaa akka ishee mudachuu malu ibsanii akeekkachiisanii ture.

Ayaatolaa Kameenii aariin guutamuun Tiraampiif deebii yoo kennan, "Iraan mootummoota kabaja namaaf hin qabne waliin wal hin galtu" jedhan.

Akka gabaasa UNtti, Iraan yeroo dhiyoo as gabbisa nikularaa saffisaan dabalaa jirti.

Tiraamp garuu Iraan gabbisa nikularaa akka dhaabduuf waliigaltee uumuun dhiibbaa akka godhan ibsanii turan.

Iraan yaada waliigaltee Tiraamp dhiyeessan wajjiin walii hin galtu yoo ta'e, gabbisi nikularaashee haleelamuu akka danda'u akeekan.

"Tarkaanfii waraanatti yoo seenne isaaniif balaa waan qabuuf ni mari'attu jedheen yaada jedhee xalayaa barreessefiira," jechuun Tiraamp Jimaata darbe miidiyaa US kan ta'e Fox'tti dubbate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Dhimmi Iraan bifa lamaan dhumuu danda'a - [tarkaanfii] waraanaa, ykn waliigaltee gochuu," jechuun "Iraan miidhuu waanan hin barbaanneef waliigalteen fixuun filadha" jedhe.

Gaggeessaa olaanaan Iraan Ayaatolaa Kameenii ammoo Sambata darbe miidiyaalee biyyattiitti yeroo dubbatan maqaa US osoo hin dhayin "mootummoonni kabaja namaaf hin qabne tokko tokko" waliigalteerratti cichaa jiraachuu ibsan.

"Waliigalteen isaan jedhan rakkoolee furuurratti kan xiyyeeffate miti, olaantummaa agarsiisudha," jedhan.

Dabaluunis, "Dhimmicha waa'ee dhimma nikularaa miti. Wantoota eegaman haaraa kan isaan lafa kaa'antu jira. Iraan waan isaan gaafatan kana tasumaa hin guuttu" jedhan Ayaatolaan.

Ji'a Muddee keessa qaamni UN gabbisa nikularaa hordofu Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) ibsa baasen, Iraan hanga gabbisa yuraaniyeemii 60% geessetti jechuun "sadarkaa yaaddessaarra" gahuu beeksisee ture.

Iraan gamasheen himannaa boombii nikularaa omishaa jirti jedhu irratti dhiyaatu irra deddeebin haalti.

Bara 2015 keessa Iraan US dabalatee biyyoota akka US, UK, Faransaayi, Chaayinaafi Raashiyaa fa'aa wajjiin waliigaltee mallatteessiteen gabbisa nikularaashee daangessuuf tole jettee turte.

Haa ta'u garuu, Tiraamp bara bulchiinsa isaa duraanii US waliigalticha keessaa akka baatu godhe.