Tiraamp Iraan irratti ajaji mallatteessan maali?

Hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatollaah Kameenii fi Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp gara Waayit Haawus wayita deebi'u wantoota akkaan eegamaa turan keessaa tokko dhimma Iraani.

Dhumarrattis kan eegamaa ture ta'eera. Doonaald Tiraamp dhiibbaa guddaa Ameerikaan Iraan irra keessee turte itti fufsiiseera.

Haata'u malee, Tiraamp wayita tarkaanfiiwwan US Iraan irratti fudhattu mallatteessu akkaataan dubbii fi yaadonni inni kaasaa ture ajaja inni mallatteesserraa xiqqoo adda.

Yaada Iraan irratti kenne keessatti tarkaanfiiwwan mallatteessetti akka hin quufne fi gaabbiillee akka irraa qabu waan akeeku dubbateera.

Ajajiwwan inni mallatteesse hedduunsaanii kan hojiitti hiikaman akka hin taanes dubbateera Tiraamp.

Tiraamp marsaa kana akka duraa miti. Marsaa duraa yeroo aangoorra ture Iraan irratti dhiibbaa cimsee ture. Tarkaanfiiwwan ajaja pirezidantii qofaan fudhataman hedduu turan.

Kan isa dura turan Joo Baayidan dabalatee pirezidantonni US hedduun Iraan dhiibbaa cimaa keessa akka galtu hojjetaniiru.

Amma garuu Tiraamp tarkaanfii cimaa ta'e akka fudhachuuf hin deemne akeekeera.

Tiraamp wayita tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu ilaalchisee ajaja mallatteessu, sanada mallatteesse ''ajaja pirezidantummaa (executive order)'' jechuu dhiisee sanada nageenya biyyaalessaa pirezidantiin mallattaa'u- national security presidential memorandum" (NSPM) jedhee moggaase.

Kun Iraaniif akkasumas tarkaanfiiwwan seeraa fudhataman irrattis hiika guddaa qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajaja kana kan hojiirra oolchan jaarmiyaalee waliigaltee kana keessatti eeraman yoo ta'an, ajaja kallattiin pirezidantiirraa kennamuun tarkaanfiin fudhatamu jiraachuu dhiisuu mala, tarkaanfiin seeraa salphaa ta'a.

Kana jechuun Tiraamp dhimma Iraan salphisee itti deemuuf jedha, kun ammoo haasaa dippiloomaasiif karaa saaqa.

Yeroo barbaadetti adeemsa seeraa tokko malee ajajoota mallatteesse keessaa kan fedhe haquu danda'a Tiraamp.

Tiraamp wayita dhimma Iraan irratti sanada mallatteessu Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyan waliin mari'achuurraa mormii akka hin qabne dubbateera.

Yoo yaadi marii jalqaba Ameerikaarraa dhihaateyyuu rakkoon akka hin qabne cimsee dubbate.

Waa'ee Iraan dubbii jabaa dubbachuurraa fedhii guddaa akka hin qabne kan ibse Tiraamp, kaayyoonsaa Iraan meeshaa waraanaa niwukilaraa akka hin hidhanne gochuu qofa akka ta'e ibse.

Pirezidantiin US kun miidiyaa hawaasaa isaa Truth irrattis akkas jechuun waa'ee Iraan barreesseera.

''Iraan biyya guddoo, biyya milkoofte akka taatun fedha. Garuu biyya Meeshaa Waraanaa Niwukilaraa hin qabne akka taatun fedha.''

US Israa'el waliin ta'uun Iraaniin barbadeessuuf oduun jedhu garmalee harbameeffamee odeeffame jedhe Tiraamp.

''Waliigalteen Nageenya Sagantaa Niwukilaraa akka mirkanaa'un barbaada. Kun Iraan nagaa akka qabaattuu fi sirriitti guddattu gargaara. Kana irratti hatattamaan waliin hojjechuu eegalla. Yoo kanarratti waliigalle Baha Giddugaleessaa keessatti gammachuu keenya ni ibsanna. Waaqi Baha Giddugaleessaa yaa eebbisu,'' jedhe.

Dubbii Pirezidant Doonaald Tiraamp kana irratti qondaalonni Iraan of eeggannoodhaan deebii kennaniiru.

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagshii dhimma kanarratti fuulleffachuun wayita dubbatan, xiyyeeffannaan waa'ee gabbisa niwukilaraa yoo ta'e ''waan milkaa'uudha, salphaadhas,'' jedhan.

Pirezidantii Itti aanaa Iraan kan ta'an Mohammad Razaa Aref waa'ee oduu ''Pirezidanti Tiraamp fi Pirezidantiin Iraan Pezeshkiyaa walarguuf yaadi dhihaateera'' jedhuu irratti dubbataniiru.

Ammatti yaadi akkanaa ajandaa Iraan irra hin jiru kan jedhan Aab Mohammad Raazaa, garuu yaadi akkanaa gara fuulduraatti tasuma akka hin taane waan akeeku hin dubbanne.

Filatamuu Pirezidanti Masuud Pezeshkiyaan booda rogeeyyiin waa'ee sagantaa niwukilaraa Iraan US waliin mari'achuutti amanan hedduun aagootti deebi'aniiru.

Hanga Tiraamp kakuu seenuun gara Waayit Haawusitti deebi'utti torbanoota turan keessatti yaadi qondaalonni Iraan kennaa turan Tehraan mariif qophii ta'uu waan agarsiisu qaba.

Ammoo yoo qoqqobbii haaraan yookiin tarkaanfii cimaan Iraan irratti fudhatame carraan marii kun gufachuu danda'a.

Duree olaanaan Iraan Ayaatollaah Kameenii ajaja US irraa darbuuf akka hin jilbeenfanne itti fufiinsaan ejjennoosaanii ibsaa turan.

Pirezidant Tiraamp afaan mi'eeffatee jechoota ergaa araaraa baataniin dhimma Iraan dubbatus, ajaji mallattaa'e garuu ammallee tarkaanfiiwwan jajjaboo of keessaa qaba.

Yoo guutummaatti hojiirra oole Iraan irratti dhiibbaa diinagdeen alatti miidhaa guddaa geessisuu danda'a.

Tiraamp imala pirezidantii ta'uuf taasisaa ture keessatti kanneen isa marsanii turan Iraan irratti dibbaa cimaan akka jiraatu warra cimsanii deeggaraniidha.

Hedduunsaanii garee Israa'el sirna duriitti cichan (right-wing) tumsu.

Yeroo ammaa mootummaan Iraan laafeera waan ta'eef yeroon bulchiinsi nama tokkoo (bulchiinsi afuuraa) obba'u amma jedhanii amanu.

Waa'ee Iraan xumuruu kan dandeessus Ameerikaadha jedhu.

Tiraamp yaadisaa gara Iraan waliin mariif ulaa banuutti luucca'uun garee kunneen mufachiiseera.

Ammoo sanada inni mallatteesse keessatti tarkaanfiiwwan tarreeffaman isaa gammachiisaniiru.

Kun mala maltee Doonaald Tiraamp deddeebi'ee itti fayyadamuudha. Marsaa jalqabaa wayita pirezidantii ture, keessatti imaammata dhimma Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa irratti yaadota waldhiitan akkanaa dhiheessee ture.

Dhimma Iraan irratti ajaji Tiraamp mallatteesse maali?

Sanada mallattaa'e keessatti Tiraamp jaarmiyaaleen US kanneen akka ministeera dhimma alaa, Ministeera Maallaqaa, Ministeera Ittisaa fi Ministeera Haqaa qoqqobbiiwwan kanaan dura Iraan irra jiru akka cimsanii fi galii Iraan akka dadhabsiisan ajajeera.

Sanadi kun Ministeerri Dhimma alaa biyyoonni Galoo Galaanaa (Gulf countries) Iraan waliin hariiroo diinagdee fi daldalaa akka hin qabaanne dhiibbaa uuma.

Waliigalatti gama diinagdeetiin gurgurtaa boba'aa Iraan zeerootti deebisuuf hojiin akka hojjetamu ajaja dabarseera Tiraamp.

Tiraamp marsaa jalqabaa wayita pirezidantii tures galma kana kaawwatee ture, garuu hin milkeessine malee.

Garuu bara bulchiinsa isaa sana keessa qoqqobbiin Iraan irra kaa'amee alergii boba'aa Iraan guyyaatti barmeela miiliyoona 2.5 ture gara barmeela kuma 350tti xiqqaate.

Sanadi tarkaanfii cimaa Iraan irratti fudhachuuf Pirezidanti Tiraamp mallatteesse kun dhimmi irratti fuulleffate kan biraan waa'ee michuuwwan Iraani.

Ajaji kun sagantaa misoomaa misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifamanii (ballistic missiles) kan Iraan irratti xiyyeefattee hojjetaa jirtus dhaabsisuu irratti fuulleffateera.

Ajaji kun tarkaanfii humna waraanaas of keessaa qabaachuu danda'a. Ministirri Ittisaa taankaroota boba'aa Iraan kanneen qoqqobbii US faallessan akka to'atu mirga itti gaafatama kenneeraaf.

Ajaji kun yoo hojiirra oole dhibdee waraanaa akkaan hamaa ta'e uumuu danda'a.

Kaayyoon ajaja Tiraamp kan biraan Iraan hidhattoota akka Hamaas yookiin Hezboollaa gargaruu irraa akka of qusattu dhiibbaa uumuudha.

Iraan meeshaalee waraanaa kanneen akka misaa'elaa fi diroonii nageenya Baha Giddugaleessaaf yaaddoo ta'aa jiru oomishuu akka dhaabdu sanada keessatti eerameera.

US tarkaanfii akkamii fudhattee gocha Iraan kana dhaabsisuuf akka deemtu garuu hin ibsamne.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.