Tiraamp jaalala dachee Gaazaatiin booji'ame: Gaazaa fudhachuu danda'aa?

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp torbanoota dura wayita waa'ee Gaazaa barbadooftee dubbatu, haasaa taasisuun alatti hagam hojii qabamaatti akka seennu ifa hin turre.
Garuu dubbii Tiraamp hordofee hanga daawwannaa Ministira Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuutti, isa duras yaadota inni Waayit Haawus keessatti kaasaa ture, ibsa gaazexeessitootaaf kennan mataasaa yoo ilaallu xiyyeeffannaan wiixinee qopheessee itti adeemaa jiraachuu agarsiisa.
Kun hundi seenaa waraana Israa'el fi Filisxeem keessatti fiixee US qabattee jirtu agarsiisa. Seera idil-addunyaas faallessa.
Labsiin Tiraamp kun uummata Gaazaa irratti dhiibbaa guddaa uume, kana qofa osoo hin taane waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi butamtoota gadhiisuu kan danquudha.
Tiraamp fi qondaalonni isaa Filisxeemota hunda dhaabbiidhaan qubsiisuu jechuun karoora Tiraamp kana qaaccessuurratti argamu.
Afaan Tiraampiin -Filisxeemota hunda dhaabbiidhaan qubsiisuu kan jedhamu kun qaama gargaarsa namoomaa ta'uusaati.
Gaazaan ''iddoo barbadoofte'' waan taateef Filiseemonni bakka biraa qubsiifamuu malee filannoo biraa hin qaban jedha Tiraamp.
Akka seera idiladdunyaatti uummata guutuu bakka tokkoo kaasanii bakka biraa qaubsiisuuf dirqamsiisuun dhorkaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Filisxeemonni akkasumas biyyoonni Arabaa karoorri Tiraamp kun uummata Filisxeem ari'uu fi dacheesaaniirraa haxaawuu ta'uutti hubataniiru.
Sambata darbe (Guraandhala 01, 2025) Masrii, Sa'uudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Qaataar, Bulchiinsi Filisxeem fi Liigiin Arabaa ibsa baasaniin, gochi akkanaa walitti bu'iinsa kan hammeessu, nageenya kan balleessuu fi tasgabbii naannawa kanaa yaaddoo keessa kan galchuudha jedhan.
Karoorri Tiraamp kun kan Israa'eloonni sirna duriitti cichan yeroo dheeraaf iddoo humnaan keessa qubatan keessaa Filisxeemota baasuuf yaalii taasisan turan milkeessaaf.
Erga Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas haleellaa Israa'el irratti raawwatee gareen Israa'el kunneen lolli Hamaas irratti eegalame akka itti fufu gaafataa turan.
Gareen irra jireessaan qondaalota paartii Neetaaniyaahuu of keessaa qabu kun waraana Gaazaa irratti erga gaggeessanii booda galmisaanii dhumaa Gaazaa dhuunfachuu akka ta'e ibsaa turaniiru.
Gareen mootummaa Israa'el kan deeggarsa Tiraamp qabu kun ammallee dhaamsa waraanaa isaanii itti fufaniiru.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi butamtoota gadhiisuu tibbana hojiirra oolaa jirus ni mormu.
Tiraamp Waayit Haawus keessatti wayita Minitira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu waliin ibsa kennu, waamicha Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii gara Masrii fi Jordaan akka imalan dhiheessee ture daran cimse.
Tiraamp Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii Masrii fi Jordaan keessa akka qubsiifamanii fi Ameerikaan ammoo Gaazaa of harka galfattee deebiftee akka misoomsitu ibsee ture.
Tiraamp waa'ee Filisxeemotaa fi Gaazaa fudhachuu maal jedhe?
Pirezidant Doonaald Tiraamp Gaazaa waraanni Israa'el kan deeggarsa Ameerikaa qabu barbadeesse deebisee ijaaruuf karoora qabaachuu wayita ibsu, waa'ee Filisxeemotaa gaafatamee akkas jedhe.
''Uummata addunyaa hundatu achi jiraachuuf deema. Iddoo addaa, amanuuf namatti ulfaatu kan sadarkaa idiladdunyaatti beekamtu taati,'' jechuun waa'ee erga Gaazaan ijaaramtee booda Filisxeemonni qe'eesaaniitti deebi'uurratti yaada kenne.
Tiraamp Gaazaan ''Riviera Baha Giddugaleessaa taati,'' jedhe.
Tiraamp karoora Gaazaa of harka galfachuu wayita hojiirra oolchuu loltoota Ameerikaa hirmaachisuu fi dhiisuurratti wayita gaafatamu ''waan barbaachisaa fi murteessaa hunda ni hojjenna,'' jedhee deebise.
Karoorri Pirezidantiin 47ffaa US kun dhiheessaa jiru Israa'el bara 1948 hundeeffamuu fi waraana bara 1967 irratti ejjennoo US qabdu fiixeetti baasa.
Waraana bara 1967 irratti loltoonni Israa'el Ulaa Gaazaa (Gaza Strip) dabalatee dachee Filisxeem weeraran.
Waraana sanarrattis US loltoota Israa'el tumsaa turte.
Tiraamp Gaazaa dhuunfachuuf karoorri dhiheesse yaada warra Israa'eliin kan walsimuudha.
Kana jechuun dureen Ameerikaa kun kan yeroo dheeraaf Ameerikaan waraana adda addaa irratti Israa'el tumsiti jedhamaa ture ifatti kan baaseedha.
Hundeeffamuu Israa'el dura Gaazaan qe'ee Filisxeemotaa turte. Waraana Israa'el jalqabaatiin qe'eerraa buqqaafamuu duras Filisxeemonni hedduun dachee Gaazaarra turan.
Sanyiin warra Filisxeemotaa durirraa kaasee hanga yeroo ammaatti baayyinaan Gaazaa keessa jiraatu.
Karoorri Tiraamp qabatee as ba'e kun yoo hojiirra oole uummata ganamaa kana sarbuuf deema.
Tiraamp uummata Gaazaa yeroo ammaa miiliyoona lama caalu biyyoota Arabaa hedduurra facaasee qubsiisuu akka barbaadu hime.
Dhaabbiidhaan qubsiiseen Gaazaa fudhee bifa haaraan ijaara jedha.
Wiixineen Tiraamp dhiheesse kun furmaata yaadi Israa'el fi Filisxeem walqixa keessummeeffamuun argamu kan abdiidhaan eegamaa ture haquuf deema.
Filisxeemonni fi biyyoonni Arabaa karoorri kun uummata Filisxeem Gaazaa keessaa qulqulleesuuf kan ba'edha jechuun mormaniiru.
Caasaan siyaasaa Neetaaniyaahuu fi Israa'eloonni sina duriitti cichan karoora Tiraamp kana miira gammachuun simataniiru.
Karoora Neetaaniyaahuun ''Gaazaan Israa'eliif sodaa ta'uun akka hafu'' qabatee irratti hojjechaa ture kan milkeessuudha jedhu.
Filisxeemota Gaazaa keessa jiraataniif kun adabbiidha, garuu isaan adabbiima kana dandamachuun qe'eesaanii turuutti cichaniiru.












