Haasawa Tiraamp keessaa kamtu dhugaa kamtu dhara?

Madda suuraa, Reuters
Preezdaant Donaald Traamp Kongiresii duratti haasawa dheeraa godhee hin beekne godhe. Sa'aatii tokkoo fi daqiiqaa 47 dubbate. Qaamolee seera Ameerikaa tuman kanneeniin "biyyi injifannootti jirti" jechuun bulchiinsi isaa raawwii gaarii galmeessaa akka jiru jaje.
Waayeen milkii diinagdee Ameerikaa ergaawwan ijoo haasawa isaa keessayi. Haasawa pireezdaantii Ameerikaa akka malee dheeraa ture.
Waayeen godaansa seeran alaa, waraanawwan kutaalee addunyaa hedduu dhaabsisuu fa'i himate Tiraampi.
BBC Verify haasawwan Tiraamp miilanaa keessaa kamtu dhugaa, kamtu dhara waan jedhu sakatta'eera.
'Imaammanni isaanii gatii ol kaasee ture. Imammanni keenya sana saffisaan furaa jira'
Gatiin meeshaalee ammallee ol ka'aatuma jira. Reetiin qaalayiinsa jireenyaa garuu gad bu'aa dhufe erga Tiraampi dhufee.
Ji'oota 12 darbaniif hanga Amajjii 2026 qaalayiinsi 2.4% dha. Kun bara dhumaa bulchiinsa Baayideen 3% ture.
Baroota bulchiinsa Baayiden lamaan jalqabaa walitti aansuun gatiin gabaa dabalaa ture. Adoolessa 2022 keessa 9.1.% gahe.
Kun waraanni Raashiyaan Yukreen irratti bante hordofee qaalayiinsa guutuu addunyaa mudate hordofeeti.
Tiraamp gatiin kudraa fi mudraa, fooni "duraan ol ka'e gadi bu'aa jiraachuu" hime.
Gatiin foonii xiqqoo ji'a darbe gad bu'ee ture. Garuu ji'oota 12 darban hanga Amajjiitti 2026tti gatiin foonii 15% dabale.
Gatiin hanqaaquu ji'oota 12 darban parsantii 34%'n gad bu'uu dubbate Tiraampi.
Waliigalaan ji'oota 12 dabran hanga Amajjii 2026tti gatiin kuduraa fi mudraa 2.1%'n dabale.
Akkaataa ogeessi diinagdee yunivarsiitii Harvaard tilmaametti Imaammanni Tiraampi qaalayiinsa gatii dabaluun komatama.
Bara 2025 taarifa oomishaalee alaa galanii dabaluun Tiraampi gatii oomishaalee idlee hundaa ol kaasera. imaammata sana dura Amajjii keessa hammi qalaayiinsa oomishaalee idlee kanneenii gara 0.92% ture.
'Boba'aa… Gaaloniin tokko amma isteetota heddu keessatti $2.30 gadi. Bakka kaanitti $1.99 '
Guraandhala 24, Ameerikaatti gatiin giddugaleessaa boba'aa gaalonii tokkoo $2.95, ta'uu isaa waldaan Atomobilii (Automobile Association (AAA)) himeera.
Isteetii tokkittiin boba'aan gaaloniin tokko gatii Tiraampi jedhu [$2.30[tti dhiyaatu itti gurguramu Oklaahomaa qofa. Oklaahomaatti gaaloniin tokko $2.37.
Isteeti boba'aan rakasaa ishee qofa akka Waldaan Atomobilii jedhutti.
'Lammiilee Ameerikaa seenaa keessatti kan yeroo kamii ol hojii argatanii jiru'
Yaadichi sirrii dha. Garuu waan dabalataa qaba.
Hanga Amajjii 2026tti lammiileen Ameerikaa miliyoona158 hojii qabu akka ragaa Biiroo Istaatistiksii hojjettootaataa US'tti. Kun seenaa US keessatti olaanaa dha.
Baay'inni ummata biyyattiis kan yeroo kamii ol olaanaa dha. Uummata miliyoona 342.
Parsantiin uummata umriin 16 fi isaa olii hojii qabuu Amajjii darbe baruma kana 59.8% ta'a.
Kun baayi'na namoota hojii qabanii battaa Baayideen aangoo gadhiisee [Amajjii 2025] keessa 60.1% ture.
Bulchiinsa Tiraamp jalatti hoji- dhabdummaan ol ka'aa dhufe. Mudde 2024 bulchiinsa Baayiden (guutuu ji'a dhumaa bara aangoosaa) 4.1% irraa gara Amajjii bara 2026 Tiraampi jalatti 4.3% tti ol guddate
'Ji'oota 12 keessatti invastimantii dolaarri tiriiliyonni $18 gara Ameerikaa akka galu godheen jira'
Lakoofsa guddaa Tiraampi himatu kanaaf ragaan mootummaa hin jiru.
Ragaan websaayitii Waayit haawus Tiraamp aangotti deebi'uu booda yoo ilaalamu "invastimantii haaraaan kan maanufaakchariingii, teknolojii, fi bu'uuraalee misoomaa gara Ameerikaa dhufuu ni mul'isa.
Waliigalaan invastimantiin dolaara tiriliiyoona $9.7 dhufeera. Garuu kan Tiraamp jedhuun fardaa fi lafoo dha.
Ogeessi
Gireg Aawukleer, ogeessi Istaatistiksii Inistitiyuutii diinagdee Piitarsan tarii Tiraamp kan waadaa galame yoo lakkaawwate ta'uu danda'a. Fakkeenyaaf waliigalteen daldalaa US Gamtaa Awurooppaa waliin seename kan sababa taarifaa balaarra bu'e fa'i ta'uu mala jedhe.
'Filannoon keenya waliin dhahama'
Lammiileen alagaa ta'an akka filannoo keenya hin filanneef filannoon keenyaf seera baastonni haal duree "waraqaa eenyummaa filannoo" keessa akka darbuu qaban akeekkachiise.
Garuu filannoon Ameerikaa filattootaan waliin dhahamuusaa ragaan hin jiru. Hin uumamus. Ragaan akkasii darbee darbee mul'ata.
Bara 1982 kaasee Ameerikaa keessatti dhimmootni filannoo waliindhawuu galmaayanii jiran 1, 620 qofa.
BBC Verify carraan godaantonni seeran alaa filannoo 2024 irratti hirmaachuu isaanii baay'ee gad aanaa akka ture mirkaneessa.
Ragaa filannoo 2016 irraa barameen sagalee isteetota miliyoona 23.5 lakkaawame keessaa 30 qofatu lammiilee kanneen hin ta'iniin kennamuu agarsiisa.
'Ji'oota sagal darban, baqataan seeran alaa tokkollee Ameerikaa hin seenne'
Godaantota hidhaarraa gad lakkifaman jedha yoo ta'e sirrii dha.
Waajjirri nageenya biyya keessaa jalqaba ji'a kanaatti ibsa kennee tureen "ji'oota sagal walitti aananiif godaantonni seeran ala Ameerikaa seenan hin turre."
Warri to'annoo daangaa garuu ammallee godaantonni kumaatamaan lakkaawaman bara bulchiinsa Tiraampi daangaa cehaatuma jiru. Ragaan yeroo dhiyoo akka mul'isutti Kibba Lixaan hanga Amajjii 2026 godaantonni 6,070 daangaa US seenan.
Kan bara Baayiden caalaa garuu gadi bu'e. Amajjii 2024 ragaan jiru godaantonni 124,215 daangaa US seenuu mul'isa.
But that's still a significant drop from the same period two years ago under former president Joe Biden, when 124,215 apprehensions were recorded in January 2024.
'Ji'oota sagal keessatti, waraanawwan saddeet dhaabsise'
Waayit haawus "waraanawwan" kanneen: Israa'elii fi Haamaas, Paakistaani fi Hindii, Ruwaandaa fi DRC, Taayilaandii fi Kaamboodiyaa, Armeniyaa fi Azerbaa'ijaan, Ijiptii fi Itoophiyaa, Sarbiyaa fi Kosoovoo dhaabsisuu eera.
Tiraamp kan dhukaasa dhaabsisuu himatu keessaa lolli Israa'elii fi Haamaas carraaqqii isaa ta'us, waraana saddeet dhaabsisuun isaa garuu soba.
Waraanni gariin guyyootaaf qofa turan. Muddamni itti fufus.
Ijiptii fi Itoophiyaa gidduu waraanumtu hin turre.
Ruwaandaa fi DRC gidduu erga Waashingtanitti waliigalteen dhukaasa dhaabuu turee booda dhukaasi itti fufeera.
Hindiin gahee Ameerikaan waraana ishee fi Paakistaan gidduu dhaabuu himattu beekkamtii hin kennineef.












