Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen Iraan akeekkachiise
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haasaa waggaa Kongiresiif taasiseen bulchiinsa isaa jalatti diinagdeen dagaaguu ibse.
Haasaa isaa kana keessatti Iraan sagantaa nukilaraa ishee akka dhaabdu akeekkachiisa dabarseera.
Haleellaa bara darbe maqaa OperationMidnight Hammer, jedhuun buufataalee nukilaraa Iraan irratti gaggeeffame kan kaase Tiraamp, kanaan walqabatee ammas humni waraanaa US qophii ta'uu dubbate.
''Oppireeshinii sana booda nukilaraa gabbisuuf yaalii tokkollee akka hin taasisne akeekkachiifamanii turan. Garuu amma itti fufanii jiru. Yeroo ammaa sagantaa nukilaraa isaanii itti fufaa jiru,'' jedhe Tiraamp.
Tiraamp dabaluun ''Iraan haleellaa US jalaa dheessuuf jecha waliigalteerra ga'uu ni barbaaddi, garuu ammallee meeshaalee waraanaa nukilaraa hojjechuu dhiisuu irratti kutannoo hin agarsiisne,'' jedhe.
''An gama kiyyaan dhimmi kun karaa marii dippiloomaasii akka furamun fedha. Garuu wanti tokko mirkana. Addunyaarratti biyyi shororkeessitoota tumsuun beekamtu kun akka nukilara hidhattu hin eeyyamu.''
