'Waraanni Itoophiyaa fi Masrii jidduu Tiraamp dhaabe hin turre'

Hidha Guddicha Haaroomsa Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haasaa yeroo garaa garaatti taasisaniifi kan Kibxata kaleessa yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN) irratti taasisaniin, yeroo aangoo isaanii baatii torbaa keessatti waraanoota torba dhaabuusaanii himan.

Tiraamp erga gara aangootti dhufanii yeroo gabaabaa keessatti dhiibbaa dippiloomaasii guddaa fiduu akka danda'e yaa'ii kaasan haasaa isaanii kaaan.

Itti dabaluudhaan ''waraana torba kanneen silaa sababa isaaniitti namoota kumaatamaan lakkaa'aman ittiin ajjeefamu danda'anan dhaabsiise'' jedhan.

Tiraamp biyyoota waraanaa keessatti dhaabsiiseera jedhan kan tarreessan yoo ta'u, siaan keessaa tokko waraanaa Masrii fi Itoophiyaa jidduutti akka ta'e kaasan.

Haata'u malee, Hidha Laga Abbayyaarratti Itoophiyaan ijaarteen wal qabatee biyyoota lamaan jidduu mudamatu ture malee, "waraanni" Itoophiyaa waliin gaggeessaa turte kan pirezidantichi dhaabsisan hin turre.

Itoophiyaafi Masrii

Sababbii ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsa Itoophiyaa kan Laga Abbayyaa irratti ijaaramuun dhiheenya kana xumurameen wal qabatee yeroo dheeraaf Masriin Itoophiyaa komaa akka turte ni yaadatama.

Hidhi Haaromsa Itoophiyaa guddichi ijaarsi isaa jalqaba baatii Fulbaana kanatti xumurame, Masriin bishaan Laga Abbayyaa irraa argattu irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a jettee falmaa turte.

Waggoota 12 darbaniif mariiwwan garaa garaa taasifamaa turan osoo waliigaltee qabatamaarra hin gahiin akka dhaabbate, Ministirri Dhimma Alaa Masrii ji'a Waxabajjii 29 dubbatanii ture.

Tiraamp kanaan dura, ''Ani osoon Masrii ta'e, bishaan Naayil nan barbaadaan ture'' jechuun, Ameerikaan rakkinicha saffiisaan akka furtuu waadaa galuunsaanii ni yaadatama.

Masriin yaada Tiraamp kana kan simate yoo ta'u, qondaaltoonni Itoophiyaa garuu dubbii hammeessuudha jechuun balaa akka qabaatu dubbatan.

Ergasiin boodas komiiwwan Masriin Hidha Abbayyaa ilaalchiftee kaasaa turte irratti waliigalteen idilee taasifame hin jiru. Itoophiyaanis mirga bishaan daangaa ishee keessaa madduu garuu osoo mirga haqa qabeessa biyyoota ollaa hin miineen itti fayyadamu hojiirra oolchu dubbatti.

Kanaanis hidha anniisaa ibsaa Afriikaatti isa guddicha jedhame gummaacha ummata biyyattiifi mootummaatiin xumurudhaan ifatti eebbiisiifteetti.

Biyyoonni biraa Tiraamp 'waraana' dhaabsisa?

Pirezidantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp erga marsaa lammafaatiif gara aanootti dhufanii ji'a torba keessatti "waraana torba addunyaarratti akka dhaabatu godheera" jechuun milkaa'ina guddaa fiduu yaa'ii UN tibbanaa irratti himan.

"Ji'a torba keessatti waraana xumuramuu hin dandeenye torban dhaabsise," jechuun waraana dhaabsise jedhu tarreesse. Haaluma kanaanis Itoophiyaa fi Masriin alattis biyyoota kaansii akkasiin eeran.

"Israa'elii fi Iraan, Hindii fi Paakistaan, Ruwaandaa fi Dimokiraatiik Riipablik Koongoo, Taayilaandii fi Kamboodiyaa, Armiiniyaa fi Azarbaajaan, akkasumas Sarbiyaa fi Kosoovodha'' jidduutti waraanaa dhaabsiisu kaasan.

Israa'elii fi Iraan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a Waxabajjii 13 haleellaa Israa'el eddoowwan qiyyeeffannaa Iraan irratti raawwatteen Iraanii fi Israa'el guyyaa 12 wal waraanaa turan.

Tiraamp haleellaa Israa'el kanaan dura ministira mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun isaan beeksisuu mirkaneessan.

Booda ammoo US mataanshee haleellaa iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwatte. Tarkaanfiin sunis bal'inaan waldhabdee biyyoota lamaan saffisaan gara xumuramuutti akka dhufu akka taasiseetti ilaalame.

Achiin ammoo Tiraamp gaafa Waxabajjii 23, "Ifatti Iraan dhukaasa dhaabuu ni jalqabdi, Sa'aatii 12ffaa irratti ammoo Israa'el dhukaasa dhaabuu ni jalqabdi. Sa'aatii 24ffaa irratti ammoo WARAANA GUYYAA 12 Ofiiseelaan ni XUMURUU. Addunyaan ni gammada," jechuun maxxansuun isaanii ni yaadatama.

Diinummaan kun erga xumuramee booda, Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Kaamenee biyyisaanii ''injifannoo murteessaa'' akka argatte cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, dhukaasa dhaabuu hin kaasne ture.

Ergasii Israa'el balaa haaraa ittisuuf Iraan irra deebiftee haleeluu akka dandeessu yaada dhiheessitee turte.

Tiraamp buufanni nikularaa Iraan akka haleelamu ajajus, dhuma irratti garuu biyyoonni lamaanuu waraana akka dhaabaniif dhiibbaa gochuu dubbatan.

Paakistaanii fi Indiyaa

Mudamni biyyoota meeshaa niwukilaraa hidhatan lamaan, Paakistaanii fi Indiyaa jidduu waggootaaf kan ture yoo ta'u, ji'a Caamsaa keessa garuu haleellaa Kaashimiir Indiyaa jalatti argamu keessatti raawwatame hordofuun wal dhabdeen mudatee ture.

Waldhabdee guyyota afuriitiin booda Tiraamp Indiyaa fi Paakistaan ​​''dhukaasa dhaabuu guutuu fi battalaatiif waliigalaniiru'' jechuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan.

Kunis bu'aa ''marii jaarsummaa Maeerikaatiin halkan dheeraaf taasifameetiin'' ta'uu himan.

Paakistaan ​​Tiraampiin galateeffattee boodarra ammoo badhaasa Noobeelii nagaa akka argatan gorsitee, ''jidduu seenummaa dippilomaasii murteessaa'' isaanii kaasuun.

Waraanichi akka dhaabatuuf Tiraamp dhiibbaa gochuu isaaniifi Paakistaan isa jajuun inumaayyuu Badhaasa Nobeelii Nagaatu malaaf jettee turte.

Indiyaan garuu haasawa hirmaannaa Ameerikaa ilaalatu xiqqeessuudhaan: "Marii tarkaanfii waraanaa dhaabuu ilaalchisee kallattiidhaan Indiyaa fi Paakistaan ​​gidduutti, karaa chaanaaliiwwan waraanaa qaamoolee lamaan gidduutti hundeeffameen gaggeeffameera," jedhan Ministirri Dhimma Alaa Indiyaa Vikraam Misrii.

Finciltoonni M23 Ruwaandaa waliin hidhata akka qaban himama

Madda suuraa, Getty

Ruwaandaa fi DR Koongoo

Haaluma wal fakkaatunis diinummaan biyyoota Afriikaa lamaan, Ruwaandaa fi DR Koongoo jidduutti yeroo dheeraaf ture kan ka'e, gareen finciltoota M23 jalqaba waggaa kanaatti lafa albuudaan badhaadhe baha DR Koongoo erga dhuunfatee booda ture.

Ji'a Waxabajjii keessa biyyoonni lamaan waliigaltee nagaa Waashingitanitti mallatteessanii walitti bu'iinsa waggoota kurnaniif ture xumuruuf kaayyeffate.

Tiraampis Washingtanitti waamuun waliigaltee nagaa akka mallatteessan taasisuu isaanii aka milkaa'ina dippilomaasii birootti caqasaniiru.

Yeroo sanattis Traamp daldalli biyyoota kanneen lamaaniifi US gidduu jiru akka dabalu ni gargaara jedhanii ture.

Haaluma kanaanis barreeffamni ''dhukaasa dhaabuun akka kabajamu'' jedhamu Hagayya 2024 Ruwaandaa fi DR Koongoo gidduutti waliigaltee irra ga'hame.

Erga waliigaltee yeroos mallattaa'een asittis gama lachuu dhukaasa dhaabuu cabsuudhaan wal himachuu fi finciltoonni M23, kan UK fi US Ruwaandaa waliin hidhata qaban jedhan, marii nagaa irraa akka fagaatan doorsisaniiru.

Ji'a Adooleessa keessa ammoo gareen finciltootaa kunneen baha DR Koongoo keessatti dubartootaa fi daa'imman dabalatee, yoo xiqqaate namoota 140 ajjeesuu isaa dhaabbanni Humaan Raayitsi Wooch gabaaseera.

Taayilaandii fi Kamboodiyaa

Gaafa Adooleessa 26, Tiraamp 'Truth Social' irratti akkas jechuun maxxansan: "Ani Itti Aanaa Ministira Mummee Taayilaanditti bilbilaan jira. Yeroo ammaa kana, dhukaasa dhaabanii fi Waraana yeroo ammaa cimee jiru akka xumuramu gaafachufan jira."

Guyyoota muraasaan boodas biyyoonni lamaan waraanaa daangaa irratti torban tokko hin guunne ''battalaa fi haal-duree tokko malee'' dhukaasadhaabuuf waliigalan.

Maaleeziyaan marii nagaa kana kan geggeessite yoo ta'u, Pirezidanti Tiraamp garuu yoo Taayilaandii fi Kaamboodiyaa waldhabdee yoo dhaaban malee gibiira Ameerikaa (gibira galtee irratti kaffalamu) hir'isuu irratti marii qofaa akka dhaaban doorsisan.

Biyyoonni lamaanuu haalaan al-ergii UStti irratti hirkatu.

Hagayya 7, 2025 Taayilaandi fi Kaamboodiyaa waliigaltee daangaa waliin qaban irratti waldhabdee uumamu hir'isuuf kaayyeffate irra ga'an.

Baatii Hagayyaa keessa Tiraamp pirezidantii Azarbaajaan fi ministira mummee Armeeniyaa Waayit Haawusitti keessummeessuun isaanii ni yaadatama

Madda suuraa, Getty

Armiiniyaa fi Azarbaajaan

Hoggantoonni Armiiniyaa fi Azarbaajaan, Tiraamp waliigaltee nagaa mirkaneessuuf carraaqqii taasisaniif badhaasa Noobeelii Nageenyaa argachuu qabu jedhanii ture. Kunis, Hagayya 8, 2025 Waayit Haawusitti labsame.

Ji'a Bitooteessaa keessa ammoo mootummoonni lamaan waldhabdeesaanii waggoota 40tti dhiyaatuuf ture, kan sadarkaa Nagorno-Karabakh giddu galeessa godhate xumuruuf qophii ta'uu isaanii ibsan.

Dhiheenya kana ammoo, lolli cimaan bakka Fulbaana bara 2023 yeroo Azarbaajaan naannoo (saboonni Arimeeniyaa hedduun jiraatan) qabatte turetti mudate.

Sarbiyaa fi Kosoovo

Gaafa Waxabajjii 27, Tiraamp lolli diinummaa akka Seriyaa fi Koosoovoo gidduutti hin uumamne ittisuu himuun, "Sarbiyaa, Koosoovoon itti seenuuf turan, waraana cimaa ta'uuf ture.

Daldalli Ameerikaa waliin hin jiru. Isaanis, tole, tarii itti hin deemnu" jedhan jedhan.

Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf falmii keessa kan turan yoo ta'u, innis hambaa waraana Baalkaan kan bara 1990moota keessa tureti. Bara dhiyoo asitti ammoo waldhabdeen dabalaa dhufe.

''Sarbiyaa fi Koosoovoon wal lolaa ykn walitti dhukaasaa hin turre. Kanaaf waraana xumuramu miti,'' jedhan Prof. Maakmiilaan BBCtti wayita dubbataniitti.

Waayit Haawus gara tattaaffii dippilomaasii Tiraamp marsaa jalqabaa isaaniitti taasisan akeeke.

Biyyoonni lamaan bara 2020tti pirezidanticha waliin Waajjira Ovaal keessatti waliigaltee dinagdee idileessuu mallatteessanis yeroo sanatti waraana keessa hin turre.