1979: Yeroo Masjiidni Makkaa finciltootaan qabamuun seenaa Sa'uudii jijjiire

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa 45 dura sheekni tokkoo fi hordoftoonni isaa hidhatanii Masjiida guddaa Makkaa qabachuun bakka Islaamaa qulqulluu dirree ajjeechaa godhan.
Goolama kana irraa kan ka’e, addunyaa Muslimaa hanga hundee isaatti raasee adeemsa seenaa Sa’uudii jijjiire.
Sadaasa 20 bara 1979 sa’aatii ganama amantoonni gara 50,000 ta’an addunyaa mara irraa dhufan mooraa guddaa Kaaba marsee jiru keessatti salaata subiif walitti qabamaniiru.
Tuuta kana keessas finciltoonni 200 uffata diimaa mataa isaaniitt haguugan turaniiru.
Isaan keessaa gariin caasaa keessoo isaa fi daandii isaa sirritti hubachuuf guyyoota hedduudhaaf masjiida kana keessa seenaa ba'aa turan.
Namoonni kaan ammoo akka humnoonni nageenyaa isaan hin shakkineef ijoollee isaanii fi haadha warraa isaanii qabatanii guyyuma sana Makkaa galan
Irra caalaan isaanii gosa Sa’uudii Baddus jedhaman irraa dhufan.
Kan isaan hoogganaman lallabaa ganna 40 kan nama hawwatu Juhayman al-Utaybi jedhamunidha.

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaa finciltootaa Juhaayiman al-Utaybii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaan isaanii sheeka ganna 40 Juhaayiman al-Utaybii jedhamu kan baay’ee nama hawwatu ture.
Akkuma, imaamni salaata suphii geggeessee xumureen, Juhaayiman fi hordoftoonni isaa cinaatti dhiibanii maaykiroofoonii harka fudhatan.
Sanduuqa reeffaa giddu mooraa sanaa keessa kaa'anii turan, kunis gocha aadaa namoota dhiheenya kana du'aniif eebba barbaaduuti.
Garuu saanduqni yeroo banamu qawwee qabatee ture, dafanii meeshaa kana warra dhiirotaf raabsan.
Isaan keessaa tokko haasawaa qophaa'e dubbisuu jalqabe: "Yaa Muslimoota, har’a dhufaatii Mahdii beeksisna. Innis erga jal'inaa fi cunqursaan dachee irratti babal’ateen booda haqaa fi wal qixxumaan addunyaa bulcha."
Hujjaajota mooraa keessa turaniif kun beeksisa addaa ture.
Hadiisota (gabaasa waan Nabi Muhaammad dubbate ykn raggaasise) keessatti dhufaatiin Mahdii ykn kan Waaqaan qajeelfamee raajamee ture. Nama Waaqayyoon humna addaa kenneef jedhamee kan ibsamu yoo ta'u, Muslimoonni Mahdiin bara haqaa fi amantaa dhugaa akka fidu amanu.
Sheekni hordofaa Juhaayiman ture Khaliid al-Yamii, "dhufaatii Mahdii kanaaf mul'atni hedduun ragaa ba'eera" jechuun dubbate. Muslimoonni dhibbaan lakkaa'aman abjuu isaanii keessatti isa arganii turan amma isaan gidduu jira jedha Yaamiin.
Mahdiin kun Mohaammad bin Abdullahi al-Qahtanii jedhama ture.
Juhaayiman waraabbii sagaleen yeroo garagaraatti hordoftoonnisaa karra mana qulqullummaa sanaa akka cufanii fi minaaraawwan(gamoo) dheeraa yeroo sanitti magaalaa Makkaa irratti ol’aantummaa qaban irra isnaayiparaan bakka akka qabatuuf qajeelcha kennuun haasaa sheekicha addaan kutaa ture.
''Obbolaa dhageeffadhaa! Ahimad al-Lehebi, bantii irratti ol ba'i. Nama karra irratti mormu yoo argitan rukutaa!''

Madda suuraa, Getty Images
Akka namni achi ture tokko ibsutti, Juhaayiman nama jalqaba Mahdiif kabaja kenne, battaluma sanatti warri kaan fakkeenya isaa hordofuu jalqaban. “Allahu Akbar (Waaqayyo guddaadha!) jechuun hunduu wal jalaa qabanii iyyan.
Garuu burjaajiinis ni ture. Barataan amantii lammii Masrii ta’ee Abdel Moneyim Sulxaan hordoftoota Juhaayiman garii wal baree ture. Masjiidni Guddichi daawwattoota biyya alaa irra dhufan kanneen afaan Arabaa xiqqoo dubbataniifi waan ta’aa jiru hin beekneen kan guutame ta’uu yaadata.
Bakka Qur’aanni jeequmsa kamiyyuu cimsee dhorku keessatti namoota qawwee hidhatan arguu fi qawween dhukaafamuun Muslimoota hedduu kan ajaa’ibsiise yoo ta’u, isaanis achi keessa baqachuuf karaa banaa tureetti fiigaa turan.
Garuu sa'aatii tokko qofa keessatti gareen sun ija jabinaan Masjiida Guddicha guutumaatti qabatan.
Kunis aangoo maatii mootii Sa’uudii irratti kallattiin qormaata ture.
Namoonni Masjiida Guddaa kana fudhatan kun miseensota waldaa al-Jamaa al-Salafiya al-Muhtasiba (JSM) jedhamu kan Sa’uudii Arabiyaa keessatti gatiin hawaasummaa fi amantii gadi bu’ee jechuun balaaleffachaa turan.
Maallaqa boba'aatiin kan badhaate biyyattiin suuta suutaan gara hawaasa nama meeshaalee fayyadamaa argachuu irratti bobba’etti jijjiiramaa turte. Konkolaataa fi meeshaaleen elektirikii waanuma barame ta’e, biyyattiin magaalomtee guddachaa dhufte, naannoo tokko tokkotti dhiiraa fi dubartoonni walitti makamuu jalqaban.
Garuu miseensonni JSM jireenya cimaa jiraachuu itti fufan, da’wah geggeessuu (namoota gara amantiitti afeeruu), Qur’aanaa fi hadiisa qo’achuu, fi qajeeltoowwan Islaamaa akka dhaabbileen amantii Sa’uudii ibsaniitti hordofan.
Hundeessitoota JSM keessaa tokko kan ta'e Juhaayiman, jireenyisaa duraan mudaa kan qabu ta'uu isaa hordoftoota isaaf hime.

Akka jireenyasaa keessatti kufee ammo deebi’ee toobaa gale(Waaqa dhiifama gaafachuun cubbuurraa walaba ta’e) itti himaa ture.
Barataan amantii Usaamaa al-Quusii jedhamu, walgahii garee kanaa irratti deddeebi'ee argamuu ibsa. Juhaayiman “qoricha sammuu namaa hadoochu dabalatee daldala seeraan alaa'' keessatti hirmaachuu isaa yeroo dubbatu dhaga'eera.
Haa ta'u malee, toobaa galee, amantii keessatti jajjabina argatee hogganaa cimaa of kennu ta'ee ture. Miseensonni JSM hedduun, keessattuu dargaggoonni, fakkeenyasaa fudhatan.
"Nama kana namni argee hin jaalanne hin jiru.” jedha barataa amantaa Mutawalii Saaleh.
“Inni ajaa'iba ture. Amala addaa namoota kaan hawwatu fi kakaasu qaba ture. Ergama kallattiin hordofa, halkanii fi guyyaa jireenya isaa guutuu Rabbiif kenne."
Haa ta'u malee, geggeessaa amantii tokkoof barumsa gaarii hin qabu ture.
"Juhaayiman gara naannoolee baadiyyaa hawaasni Beduwiin jiraatan qofa deemaa ture.” jedha hordofaasaa kan ture Naseer al-Hozeimi.
"Afaan Arabaa inni haasa’u laafaa waan tureef akkasumas loqoda Afaan Beduunii cimaa waan qabuuf, akka hin saaxilamneef namoota baratan kamiiyyuu waliin haasa'uu irraa of qusata ture."
Gama biraatiin, Juhaayiman loltuu ta'ee Eegdota Biyyaalessaa keessatti tajaajilaa waan tureef leenjiin waraanaa inni qabu Masjiida Guddicha to’annaa jala oolchuuf gargaareera.
Dhuma irrattis JSM abbootii amantaa Sa’uudii garii waliin walitti bu’uu jalqaban, aanga’onnis tarkaanfii fudhachuu jalqaban.
Juhaayiman gara gammoojjiitti baqate, achitti barruulee hedduu barreessuun maatii mootii Sa’uudii qeeqaa ture. Akkasumas abbootiin amantaa bu’aa addunyaa argachuuf maatii mootii waliin waliigaltee uumuu isaaniif qeeqan.
Sa’uudii Arabiyaan manca’uu fi kan isheen fayyina argatu gidduu seentummaa Waaqan qofa akka ta’e amane.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo kanatti Mahdii Mohammad Bin Abdullah al-Qahtani akka ta’e ibse. Innis Sheeka dargaggeessa ija laafessa suuta jedhee dubbatu kan amala gaarii qabachuu fi walaloo isaatiin beekamu.
Hadiisonni waa’ee Mahdii yeroo ibsan maqaa jalqabaa qofaan himu. Maqaan abbaasaa kan Nabiyyii Mohammad wajjin akka wal fakkaatu, nama adda guddaa fi konkona qabu ta’usaa himu.
Juhaayiman kana hunda al-Qahtani keessatti arge. Garuu inni fayyisa jedhamee yaadamu sun ofii isaatuu yaadicha baay’ee ajaa'ibsiifate. Rifatee duubatti deebi’ee salaate.
Dhuma irratti garuu yaadni Juhaayiman sirrii ta'uu amanee namootarra adda bahu dhiise.
Gahee Mahdii fudhatee michummaan Juhaayiman waliin qabu daran cime, keessattuu yeroo obboleettiinsaa hangafaa haadha warraa Juhaayiman lammaffaa taate.
Osoo Goolamni kun hin ta’in Ji’oota muraasa dura, oduun ajaa’ibaa naannicha keessatti babal’ate. Lammiileen Makkaa fi hujjaajonni dhibbaan lakkaa’aman al-Qahtani Masjiida Guddicha keessa alaabaa Islaamaa qabatee dhaabbate akka abjuu isaanii keessatti argan himan.
Kunis oduu Juhaayiman kunis fudhatama akka argatuuf haala mijeesse.
Hordoftoonnisaa amananii turan.
Miseensa JSM kan ta'e Mutwali Saleeh dhimma kana yeroo yaadatu: "Walgahii isa dhumaa obboleessi tokko 'Obboleessa Mutwali, waa'ee Mahdii maal jetta?' Innis, 'Dhiifama maaloo, waa'ee dhimma kanaa hin dubbatin' jedheen. Ergasii namni tokko 'Ati sheyxaana calliseedha Obboleessa, Mahdiin dhugaadha inni immoo Muhammad bin Abdullah al-Qahtani' naan jedhe."
Baadiyyaa fagoo itti baqate keessatti Juhaayimaan fi hordoftoonni isaa waldhabdee hamaa dhufuuf qophaa’uu jalqaban.
Sa'udiin akkamitti deebii kennite
Hoggansi Sa’uudii qabamuu Masjiida Guddichi irratti deebii laafaa kenne. Ilmi Mootii Fahd bin Abdulaziz walgahii Liigii Arabaa Tuuniziyaa turan.
Itti gaafatamaan Eegdota Biyyaalessaa (humna addaa hoggantoota moototaa tiksan) Morookoo turan.
Hojiin deebii kennuu Mootii Khaaleed kan dhukkubsataa turee fi Ministira Ittisaa Ilma Mootii Sulxaan irratti dhiifame.
Poolisiin Sa’uudii jalqaba irratti hamma rakkoo kanaa hubachuu hin dandeenye. Qorachuuf konkolaattota patrooliin muraasa achi ergan. Garuu osoo gara Masjiida Guddichaatti ol ba’aa jiranii rasaasaa itti roobsan.
Haalli kun hammam akka taʼe erga ifa taʼee booda, kutaaleen Eegdota Biyyaalessaa bakka qulqulluu kana deebiʼanii toʼachuuf ariitiin carraaqqii jalqaban.
Imbaasii Ameerikaa Jiddaatti argamutti qondaalli siyaasaa fi lammiilee Lixaa muraasa haala kana beekan keessaa tokko kan ta’an Maark Hamblii haleellaan kun wallaalummaan raawatamus gocha gootummaa ture jedhu.
"Dafanii mo’ataman," jedha. "Warri dhukaasan meeshaa waraanaa baayyee gaarii, qawwee Beeljiyeem kaalibarii baayyee gaarii qabu turan."
Finciltoonni haleellaa kana bal’inaan karoorfachuu fi isaan buqqisuun salphaa akka hin taane ifa ta’e. Naannoo Masjiida Guddichaatti danqaan nageenyaa hundeeffamee, humni addaa, paratroopers(loltoota parashuutin gad-bu’uun hojii waraanaa gaggeessuuf leenji’an) fi qaamoleen hidhannoo qaban waamamaniiru.
Barataan amantii Abdel Moneim Sulxaan Masjiida keessaatti qabamee ture, guyyaa lammaffaa waaree booda irraa eegalee walitti bu'iinsi akka cime dubbata.''Dhukaasa gara minaaraatti qajeelfamee argeera, helikooptaroota qilleensa keessa yeroo hunda akka balali'an argeera, xiyyaarota waraanaas argeera," jechuun yaadata.

Madda suuraa, Getty Images
Masjiidni Guddichi gamoo bal’aa irra caalaan barandaa fi koridoorii of keessaa qabu yoo ta’u, mooraa Kaabaa marsee kan jiruu fi dabaree lama irratti kan ijaaramedha.Dheerinni isaa meetira dhibbaan lakkaa’ama.
Guyyoota lamaan itti aanan humnoonni Sa’uudii achi seenuuf haleellaa jalqaban. Garuu finciltoonni kun qawwee fi namoota gahaa qabachuu baatanis haleellaa kana ofirraa deebisan.
Abdel Moneim Sulxaan Juhaayiman guyyaa sana naannoo Kaabaatti yeroo wal argan ofitti amanamummaa olaanaa fi boqonnaa kan qabu fakkaachuu isaa yaadata.
“Inni daqiiqaa 30 ykn 45f mataa isaa miila koorra ka’ee rafe, haati manaa isaas bira dhaabbattee turte. Isheen isaa dhiistee hin beektu,'' jedha.
Finciltoonni kunneen kaarpeeti fi gommaa laastikaatiin ibidda qabsiisanii duumessa aaraa ulfaataa uuman, achiis utubaa duuba dhokatanii yeroo loltoota Sa’uudii dhufan itti bahanii rukutaaa turan.
"Kun waldhabdee bakka daangeffame keessatti dhiirota walitti fide ture," jedhu ajajaan humna addaa Ministeera Biyya Keessaa Meejar Mohammad al-Nufai. . "Haala lolaa rasaasni mirgaan fi bitaan darbaa ture, waan hin amannedha."
Fatwaan(murtiin) abbootiin amantaa gurguddoo Mootii Khaalidiin walitti qabaman kennan, waraanni Sa’uudii finciltoota kana ari’uuf humna sadarkaa kamiyyuu akka fayyadamu qulqulleesseera. Sana booda finciltoota kana minaaroota keessaa buqqisuuf misaa'eloonni farra taankii fi meeshaleen waraanaa gurguddaan fayyadamame. Konkolaatotni hidhannoo qaban karra cabsuuf ergamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Mahdiinis finciltoota kakaasee ture. "Ija isaa jalatti miidhaan akka irra ga'ee fi dhukaasa qawwee irraa kan ka'e uffatnisaa boollaan kan guutame ta'uu isaa argeera," jedha Abdel Moneim Sulxaan.
"Inni nama hin duune akka ta’e waan amaneef osoo hin dhokatin of mul’isaa ture. Hundumaafuu inni Mahdiidha.”
Garuu Qahtaniin kan hin miidhamne amanuun isaa bu'uura waan hin qabneef yeroo muraasa booda qawweetiin rukutame.
Yeroo inni rukutamu namoonni: 'Mahdiin miidhameera, Mahdiin miidhameera!' jedhanii iyyaa turan.
Gariin isa baraaruuf gara isaatti fiiguuf yaalan, garuu dhukaasni cimaan kana akka hin goone waan isaan dhorkeef, duubatti deebi'an,'' jedha namni ijaan arge tokko.
Mahdiin akka rukutame Juhaayimanitti himan, inni garuu hordoftoota isaatiif akkana jedhee labse: "Isaan hin amaninaa. Isaan warra baqataniidha!"
Lola guyyaa 6ffaa booda humnoonni nageenyaa Sa’uudii mooraa masjiida kanaa fi gamoolee naannoo isaa jiran to’achuu danda’aniiru. Garuu finciltoonni hafan Mahdiin ammallee lubbuun akka jiru, Juhaayiman amansiisnan, gara kutaalee fi seelii dhibbaan lakkaa’aman kan gamoo sana jala jirutti deebi’an.
Haalli isaanii amma garuu hammaataa ture. “Foolliin namoota du'anii ykn miidhamanii nu marsee ture," jedha namni ijaan arge. "Jalqaba irratti bishaan ni argama ture, boodarra garuu dhiyeessii hir’isuu jalqaban.
Sana booda tamirii waan dhumeef daakuu bishaaniin bulbulanii nyaachuu jalqaban. Haala sodaachisaa ture. Akka waan fiilmii sodaachisaa keessa jiruu fakkata ture."
Mootummaan Sa’uudii ibsa hedduun injifannoo beeksisullee, salaatni Makaarra addunyaa Islaamaaf tamsa’u dhabamuun isaa oduu biraa hima.
''Sa'udiin tooftaa hedduu yaalaniiru, garuu hin milkoofne,'' jedha Hambliin. "Finciltoota gadi fageenyaan gara lafa jalaatti dhiibaa ture."

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Sa’uudii hoggantoota filcila kanaa qabuu fi goolama kana dhaabuuf gargaarsa akka barbaadu ifa ture.Gara Pirezidaantii Faransaay Vaalerii Giiskaard di Isteeyingitti garagalan.
“Ambaasaaddarri keenya humnoonni Sa’uudii qindoomina dhabuu isaanii fi akkamitti akka deebii kennan akka hin beekne ifa ta’uu natti hime,” jechuun Giiskaard BBC’tti himan. Kun yeroo jalqabaaf gahee Faransaay rakkoo kana keessatti qabdu mirkaneessa.
"Balaa natti fakkaate, sababnisaa, dadhabinni sirnichaa fi qophii dhabuunsaa gabaa boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa fiduu waan danda'uf."
Pirezidaantiin Faransaay kutaa farra shororkeessummaa dhiheenya ijaarame GIGN irraa gorsitoota sadii of eeggannoodhaan erge. Opireeshiniin kun dhoksaa ta'ee turuu qaba ture, biyyooni Lixaa bakka dhaloota Islaamummaa keessatti gidduu seenan qeeqni jedhu kamiyyuu akka hin uumamneef.
Gareen Faransaay hoteela magaalaa Taif keessa buufatan. Achirraa finciltoota kana achi keessaa baasuuf karoora baafate. Akka isaan hafuura baafachuu hin dandeenye manneen lafa jalaa isaan keessatti dhokachaa turan gaaziin ni guutama jedhan.
"Manneen gadi aanaa sana ga'uuf boolli meetira 50tti qotama ture," jedha Kaapteen Pool Baariil, kan itti gaafatamaa hojii kana ture. Qaawwa kanaan gaaziin naqame. Gaaziin kun gargaarsa dhohinsa boombii harkaatiin gara goda finciltoonni dhokatan hundatti faca'eera.”
Namni finciltoota wajjin mana gadi aanaa keessatti qabamee tokkoof, addunyaan dhumuuf waan jirtu fakkaata ture.
"Miirri sun akka waan duuti nutti dhufeetti ture, sababiin isaas kun sagalee qonnaa moo kan qawwee ta'uu hin beektu turte, haala sodaachisaa ture.''
Karoorri Faransaay milkaa’aa ture.
Juhaayiman guyyoota lamaan dhumaa keessa rasaasni fi nyaanni isaa dhume,'' jedha hordoftoota isaa keessaa tokko kan ta'e Naseer al-Hozeimi.
"Kutaa xiqqaa tokko keessatti walitti qabamanii turan, loltoonnis boolla qotaniin boombii aaraa itti darbataa turan. Kanaaf harka kennatan. Juhaayiman bahee hundi isaanii hordofan."

Madda suuraa, Getty Images
Namoota 63 irratti murtiin du'aa itti murtaa'eera
Achiin booda walgahiin mootota Sa’uudii fi Juhaayiman gaabbii hin qabne gidduutti raawwatame. Meejar Nufai walgahii sana keessa ture.
Ilmi Mootii Saawud al-Faayisal akkas jedhee isa gaafate: 'Maaliif Juhaayiman?' Innis akkana jedhee deebiseef: 'Hireedha' ' Achis waan barbaaddu qabdaa jennaan, 'Bishaan qofa barbaada' jedheen.
Juhaayiman kaameraa duratti hiriirfamee ture. Ji'a tokkoon booda finciltoota 63 magaalota Sa'udii Arabiyaa saddeet keessatti ajjeefamaniiru. Juhaayiman jalqaba ajjeefame.
Juhaayiman Mahdiitti amanuunsaa adda isa gochuu danda'us, Ilaalchii durii akka hin geedaramne sochiin hawaasummaa fi amantii bal'aan biyyattii keessatti geggefamaa ture. Ammayyummaa diduu irratti deebii kennun abbootiin amantaa ciccimoon maatii mootii irratti olaantummaa argatan.
Namni goolamni kun dhiibbaa guddaa irratti geessise tokko Osaamaa Bin Laaden ture. Barruulee maatii bulchitoota Sa’uudii irratti barreesse keessaa tokko keessatti, “yeroo rakkoon kun karaa nagaa furamuu danda’amu, bakka qulqulluu xureessanii,” jedheera.
Itti fufee akkas jedhe: "Hanga har'aattis faanasaanii Masjiida keessatti arguu nan yaadadha."
Gochi Juhaayiman ammayyeessuu hunda dhaabe,'' jedha Nasser al-Huzaimi. Fakkeenyaf wantoota inni mootummaa Sa'udii gaafate keessaa tokko gaazexeessoonni dubartootaa TV irraa kaafamuu ture. Taatee kanaan booda ammas dhiheessituun dubartii tokkollee TV irratti hin mul'anne."
Sa’udiin waggoota kurnan afran itti aanan keessaa harka caalu daandii duriitti deebi’uun konsarvaatiivii keessa turte. Dhiheenya kana qofa mallattoon jijjiramaa mul'ate.
Gaaffii fi deebii Bitotessa bara 2018 taasisaniin, Ilmi Mootii Mohaammad Bin Salmaan, bara 1979 dura, "Akkuma biyyoota Galoo Galaanaa jireenya idilee jiraachaa turre, dubartoonni konkolaataa oofaa turan, Sa'udii Arabiyaa keessatti manneen fiilmii turan" jedhan.
Haleellaa Masjiida Guddicha irratti raawwatame dura jechuusaa.












