Dureewwaniifi dippilomaatonni biyyoota garagaraa booda kana maaliif gara Itoophiyaa marmaaruu baay'isan?

Dureewwan yookiin dippilomaatota biyyoota garagaraa booda kana Itoophiyaa daawwatan
Ibsa waa'ee suuraa, Torbanoota muraasa darban dippilomaatonniifi dureewwan biyyoota garagaraa Itoophiyaa daawwataniiru
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Torbanoota muraasa darban dureewwan Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota Arabaa gara Itoophiyaa imaluun daawwataniiru, daawwataas jiru.

Dhihoo Ministirri Dhimma Alaa Sa'udi Arabiyaa gara Itoophiyaa imaluun Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin mari'ataniiru.

Torban dhufummoo Pirezidantiin Turkii Raasiph Xayyib Erdohaan, kan biyyi isaanii Gaanfa Afrikaatti sochiin isheee cimaa jiru, Itoophiyaa akka daawwatan eegama.

Giddugala Bahaattis sochiiwwan fedhii biyyaalessaaf akeekan adeemaa jiru.

Daawwannannaa dureewwan kanaa yeroo Kaaba Itoophiyaatti akkasumas Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti waraanni ka'uu mala sodaan jedhu hammaatettiifi waraana Sudaan keessa giddu seentummaan yeroo ijoo dubbii ta'eetti mudate.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaas akka itti fufeetti jira; Hidha Abbayyaarrattis gaaffiin Masriin kaaftu gudunfaa hin arganne.

Kanaaf, gaggeessitoonni kunneen wal-duraa duuban gara Itoophiyaa deddeebi'uun isaanii Itoophiyaan waliin hariiroo cimsuumoo Itoophiyaan haala Kaaba Itoophiyaa keessa jiru akka tasgabbeettu dhiibbaa gochuudha? Muddama Gaanfa Afrikaatti dhalateef maal akeeka? kan jedhu iyyaafanneera.

Dr Bizunaa Yimanuu, Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti barsiisaa yoo ta'an, Dhimma Gaanfa Afrikaa itti dhiheenyaan hordofu, xiinxaluus.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaaffiifi deebii waliin taasisaniin haala Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaatti deemaa jiru, akkasumas yeroo dhiyoo as gaggeessitoonnifi dippilomaatonni biyyoota garaa garaa gara Itoophiyaa deddeebi'uun maal akka akeeku bal'inaan ibsu. Dhihaadhaa!

BBC: Dippiloomaatonni biyyoota garaagaraa Amajjii dabree kaasee Itoophiyaa daawwataa turan. Ministirri Dhimma Alaa Saawudii MM Abiyyi Ahmad waliin wal arganiiru.

Torban dhufu Pirezdaantin Turkii Itoophiyaa akka daawwatan eegama. Kaan walitti bu'iinsa hambisuuf sosso'aa jiru yoo jedhan aangawoonni Itoophiyaa immoo dhageettii Itoophiyaatu dabale jedhu. Maaltu adeemaa jira?

Dr Bizunaa: Sababni isaan Itoophiyaatti deddeebi'aniif karaa baayeen laalamuu danda'a. Tokkoffaan Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa naannawa nagaa fi tasgabbii hin qabne waan jirtuuf nageenya naannawa kanatti fiduuf Itoophiyaan shoora olaanaa taphatti.

Bifa gaariinis gaarii hin taaneenis. Kanaaafuu nageenya Gaanfa Afrikaa yoo barbaadan Itoophiyaarra darbanii bakka biraa deemuun rakkisaa ta'a. Itoophiyaa dhufuun isaanii waan nama ajaa'ibu miti.

Karaa biraatiin immoo Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta'uun ishee akka isaan deddeebi'an taasisa. Keessattuu immoo walitti bu'iinsi waggoottan lamaan kana keessa Sudaan keessa jiruun wal qabatee Itooophiyaa shoora guddaa taphachuu malti waan ta'eef kanaafis ta'uu mala.

Kan biraa haalli kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan darban mul'ate gara wal waraansaatti geessuu danda'a yaaddoo jedhurraa ka'ee ta'uu danda'a. Sana malee immoo hariiroo gam-lamee irratti haasawuufis ta'a.

Biyyoonni dantaa isaanirratti Itoophiyaa waliin mariyachuufis ni ta'a. Fakkeenyaaf: Sa'udi Arabiyaan yoo gara Itoophiyaa dhuftu ykn aangawoota ishee ergattu dirqama Itoophiyaa fayyaduuf qofa osoo hin taane, Galaana Diimaarratti fedha mataa ishee ni qabdi.

Siyaasaa Gaanfa Afrikaatti fedha mataashee ni qabdi, sanaaf fedha mataashee guuttachuuf Itoophiyaa waliin mari'achuun dirqama isheetti ta'a jechuudha.

Xaaliyaanis, biyyyoota fagoos, kan Awurooppaas yoo fudhanne kanuma. Yookiin dantaa biyyaalessaa isaanii ykn Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf ykn fedhii Itoophiyaan Galaana Diimaatti deebi'uuf qabdu irratti mari'achuuf mala.

BBC: Tarii hariiroon Itoophiyaa fi Eertiriyaa jidduu jiru sababa ta'uu danda'aa?

Dr Bizunaa: Ta'uu ni mala. Dhimmi Itoophiya fi Eertiraa dhimmuma biyyoota lamaanii ta'ee hin dhaabbatu. Sa'udi Arabiyaan illee dantaa mataa ishee ni qabdi Galaana Diimaaarraa.

Itoophiyaan gara Galaana Diimaatti deebi'uun faayidaas miidhaas ni qabaata Saa'udi Arabiyaaf. Dabalataan Itoophiyaafi UAE jidduu hariiroo gaariin jiru Sa'udi Arabiyaa gammachiisuu dhiisuu mala.

Haa ta'uu malee, humnaan Itoophiyaa harka micciirtee waan barbaaddu gochuu hin dandeessu Saa'udi Arabiyaan. Kanaafuu bifuma dippiloomasiin walitti dhufeenya jara waliin qaban mari'atu.

Itoophiyaan akkamiin dantaa biyyaalessaa ishee osoo kan Saa'udi hin miidhin akka galmaan gahuu dandeessu mari'achuufis ta'uu danda'a. Waliigalatti adeemsi kun adeemsa pozatiiv [gaarii] ta'edha.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Sa'udi deemuun, kan Sa'udis gara Itoophiyaa dhufuun Itoophiyaa waliin mariyachuun karaa dippilomasiin rakkoo jirus ykn gara fuulduraatti faayidaa lamaan isaanii kabachiisuun akkaataa danda'amu irratti mari'achuu akeeka waan ta'eef ani bifa gaariidhaaniin fudhadha.

BBC: Gama kaaniin ollaa Itoophiyaa Sudaan keessa rakkoo akkuma addunyaattuu guddaa ta'etu deemaa jira. Rakkoon kun Itoophiyaallee ni yaaddessa. Rakkoo kana furuuf carraaqqiin Ameerikaa fi biyyoonni kuun godhan bu'aa hin fidne.

As keessatti tarii Itoophiyaan akka durii dhageettii fi dhiibbaa qabaattee ofii rakkoo ishee furattee kan naannawa ishee jiru furuu dandeessi jennee fudhachuu dandeenyaa?

Dr Bizunaa: Eeyyee Itoophiyaan shoora guddaa taphachuu ni dandeessi. Walitti bu'iinsi keessoo haa jiraatuyyuu malee seenaa Itoophiyaa yoo ilaallu rakkoon keessoo haa jiraatus, haa dhabamus yeruma hunda Itoophiyaan shoora gaarii taphatti.

Haa ta'uutii akka waggaa 10, 15 duraa nageenyi biyya keessa jiraachuu dhiisuu mala. Kun shoora Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti qabdu ni xiqqeessa jedhee hin yaadu.

Shoorri taphatamu shoora dippilomasii ti. Kan biraa humna nagaa eegumsaa erguunis ta'uu danda'a. Kanaafuu, loltoota kuma 20, kuma 30 ykn kuma 10 miti kan biyya sanatti ergitu. Loltoota kuma shan ta'uu, kuma tokko ykn kan dhibbaatama ta'uu danda'a.

Akkuma Somaaliyaa keessatti taphatte Sudaan keessatti nageenya kabachiisuu ta'uu danda'a, qaamoleen wal waraanan akka walitti dhufanii mariyatan haala mijeessuun, bakka walgahii mijeessuun bifa adda addaan Itoophiyaan shoora taphachuu dandeessi.

Walitti bu'iinsi biyya keessa jiru tarii dhageettii ishee xiqqeessuu danda'a, xiyyeeffannoo ishee maqsuu danda'a malee shoora isheen naannichatti taphattu ni balleessa ykn ni xiqqeessa jedhee hin yaadu.

BBC: Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu muddamatu jira. Biyyoonni lixaa dhageettii qaban akka duraanii muddama kana laaffisuuf waamicha gochaa hin jiran. Callisanii jiru. Maaliif sitti fakkaata?

Dr Bizunaa: Bar addunyaan amma biizii dha [ko'oommatteerti]. Lola guguddaatu deemaa jira addunyaarratti. Kan Yukreen jira, kan Sudaan jira. Awurooppaanonniifi biyyoonni lixaa immoo lola argama lafaatiin isaanitti dhiyoo jiruratti xiyyeeffatu.

Akkasuma lola dantaa biyyaalessaa isaanii tuqurratti xiyyeeffatu. Kanaaafuu wal gaarreffannaan Itoophiyaa fi Ertiyaa jidduu jiru ammaaf jara waan yaaddessu miti.

Lammata kan ta'uu danda'u, biyyi hunduu dantaa biyyaalessaa isaa dursuu barbaada. Maali wanti jara cinqu? Itoophiyaa irraa maal argatu, Eertiraa faana yoo ta'an maal argatu? kana kana xiinxalu.

Biyyoonni lamaan yoo walitti bu'an balaan nu qaqqabu maal ta'a kan jedhu xiinxalu malee tarii Itoophiyaan Galaana Diimaatti baha jechuunshee jara waan yaaddessu natti hin fakkaatu ana.

MM Abiy Ahimad Ministir Di'eeetaa Ministeera Dhimma Alaa US fi Afrikaatti ajajaa waraana Ameerikaa

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahimad Ministir Di'eeetaa Ministeera Dhimma Alaa US fi Afrikaatti ajajaa waraana Ameerikaa waliin wal arganiiru

Kan sadaffaa, wanni kun haasawarraa darbee lolatti akka hin geessine tarii wanti jarri beekan jiraachuu danda'a. Kanaaf xiyyeeffannaa hin kennan.

Sudaan ummanni hamma kana gahu yoo dhumu jarri maaliif hin xiyyeeffanne jettee yoo laaltu, hagas mara wanti jara yaaddessu waa hin jirreef, irra caalaa waan naannoo isaanii irratti xiyyeeffatanii waan jiraniif Afrikaa ykn Gaanfa Afrikaaf hagas mara xiyyeeffannaaf hin kennan.

Garuu Galaana Diimaa, handaara galaanaa Somaaliyaa yoo dhuftu waan barbaadantu jira achi. Qabeenya uumamaa, albuudota adda addaa, ulaa daldalaa, galaana to'achuu… sana sana waan barbaadaniif fiiganii dhufu.

Ammaaf garuu, haalli Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu jiru sanaaf waan jara hin saaxilleef waan qabatamaa waan godhan hin fakkaatu.

BBC: Pireezdantii Turkiis Itoophiyaa dhufuuf karoora akka qabantu himama. Ajandaan isaanii maal ta'uu danda'a?

Dr Bizunaa: Ajandaan isaanii gabaabumatti fedhii Turkiin Gaanfa Afrikaarratti qabdu sana Itoophiyaadhaan ni mariyatu. Lammata walitti dhufeenya Itoophiyaan Somaaliyaa waliin qabdu ni mariyatu.

Walitti dhufeenya Itoophiyaan Somaaliyaa waliin qabdurratti kan mariyataniif Turkiin dantaa ofii Somaaliyaa keessaa waan qabduufi.

Loltoota achitti ergitee jirti. Ogeeyyii albuuda soqaniifi qotan garas ergitee achii qabdi. Invastimantiiwwan gurguddaa achii qabdi. Waraana Somaaliya ni leenjifti. Kana hunda Turkiin kan gootu dantaa waan achii qabduuf malee tola ooltummaa miti.

Aangawoonni Turkii Itoophiyaa yoo dhufan dantaa biyyaalessaa biyyoota lamaanii akkaataa adeemsisuun danda'amu mari'atan malee hagas mara Itoophiyaaf yookaan Somaaliyaaf cinqamanii wanti isaan godhan hin jiru.

Kanaafuu, wanti bu'uuraa marii isaanii haala itti Gaanfa Afrikaa keessatti fedhii Itoophiyaa fi Turkii kabachiifachuu danda'amanirratti ta'a.

BBC: Dhiyoo kana gama kaaba Itoophiyaa walitti bu'iinsi jira humnoota mootummaa fi humnoota TPLF gidduu. Akkasumas Eertiraa fi Itoophiyaa jidduus wal himannaan jira. Haala amma deemaa jiruun tarii kaaba Itoophiyaatti rakkoon uumamuu danda'aa?

Dr Bizunaa: Walitti bu'iinsi uumamuu ni mala. Akkan hubadhetti mootummaan federaalaa walitti bu'iinsa sanarraa fagaachaa jira natti fakkaata. Dhiyoo kana loltoonni naannoo Tigraay irraa gara naannoo Amaaraatti ofirra deebisuun waraana guutuun akka hin jalqabamne fedhii qabanirraa natti fakkaata.

Sana malees TPLF ji'oota dheeraadhaaf waggoota lamaan darban waraana akka barbaadu beekamaa dha. Itoophiyaan hanga danda'ametti TPLF waliin walitti bu'iinsa yoo hin jalqabne gaarii dha.

Maaliif, akkuma mootummaan Itoophiyaa ibse Eertiraan, ykn Masriin (lamaan isaaniis ta'uu malaa) loltoota TPLF'f akkasumas Faannoof gargaarsa gochaa jiru waan jedhameef sunimmoo Eertiraa wajjin walitti bu'iinsa keessa Itoophiyaa seensisa waan ta'eef humna Itoophiyaallee hedduu miidhuu ni danda'a.

Keessaas alaas waraanuun ulfaataa ta'uu danda'a waan ta'eef. Hanga danda'ametti Itoophiyaan walitti bu'iinsarraa osoo fagaattee. Yoo immoo dirqama walitti bu'iinsi waan hin oolle ta'e, yoo alaa sitti dhufe waan gootu hin qabdu nageenya keessoo, tokkummaa keessoo cimsuun barbaachisaa ta'a jechuudha.

BBC: Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaarratti Ertiraa wajjin akka hin mariyanne Masriin jidduu seenaa jirti waan jedhu dubbataniittu. Mee dabalaa nutti himaa?

Dr Bizunaa: Fakkeenyaa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee ishee Somaaliiland wajjin goote biyyoota jalqabarratti morman keessaa tokko Somaaliyaa dha. Somaaliyaatti aansee Ijipti [Masrii] turte.

Ammas Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa gaaf kaaftu aangawoonni Eertiraa fiigichaan Ijipt [Masrii] deemu.

Sana jechuun ifatti Ijipt [Masrii] ulaan galaanaa Itoophiyaaf hin barbaachisu jechuu baattus, dhimmi bishaan Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota Galaana Diimaa daangessan qofa kan jedhu Ijipt [Masriin] ibsa baasteetti yeroo adda addaatti.

Biyyoonni daangaa Galaanaa Diimaa yeroo 2022 gamtaa uuman Itoophiyaan gamtaa san keessa seenuun qaba jettee gaafatteetti. Ammaaf ulaa Galaana Diimaa qaqqabuu baadhus dhimmi kun kan na ilaallata jettee itti seenuu barbaaddus biyyoota morman keessaa tokko Ijipti [Masrii] dha.

Itoophiyaan akka Ulaa Galaanaatti siqxu hin barbaadan waan ta'eef kallattii fi al kallattiin Eeritiraa waraanan tumsuu, yaadan tumsuu, waltajjiiwwan addunyaa irratti dhimmi galaana diimaa dhimma biyyoota qarqara galaana diimaa qofa akka ilaallatu irra deddeebiin dhiyeessu warri Masrii.

Seenaama Itoophiyaa dudduuba deebinee yoo ilaallu, akkaataa itti Shaabiyaan lola jalqabe, gargaarsa jarri argatan, dhaabumti EPLF kan itti jalqabe Ijipti [Masrii] keessayi. Ijipti [Masrii] yoomillee faallaa dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa akka taate shakkiin hin jiru.

BBC: Sa'udi Arabiyaafi UAE'n michuu turan. Yamaniifi Sudaan keessa garuu wal dura dhaabataniiru. Amma dorgommin isaanii cimee wal morkataa jiru.

Itoophiyaan immoo lamaan isaanii waliin erga takkaa hariiroo ishee itti fuftu kana dura dubbatteetti. Haala amma jiruun garuu kuni ni ta'aa?

Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuu hin danda'uu?

Dr Bizunaa: Kuni baay'ee waan rakkisaadha. Waan aangawoonni rakkatanis hubaachuun ni danda'ama.

Wanti Itoophiyaan barbaaddu ni jira. Waan isheen barbaaddu Yunaayitid Arab Emireet (UAE) gargaaraa jirti ta'aa. UAE immoo wanna isheen barbaaddu Itoophiyaan gargaarti ta'a.

Kanaafuu, Itoophiyaan wanti ishee madaaluu qabdu tokkoffaa lamaanirraa gar tokkotti cituun itti ulfachuu danda'a waan ta'ef hamma danda'ametti wal dandeessisaa adeemuu.

Imaammataan immoo biyyoota lamaanii bifa dippilomasiidhaan akkuma tibba kana gochaa jiran mariidhaan wanta isaan barbaadan, wanta Itoophiyaan barbaaddu jaratti hubachiisuu wanta biyyoonni sun barbaadan immoo Itoophiyaan danqaa akka itti hin taane jaraafillee wabii kennaa adeemuun dirqama ta'a jechuudha.

Garuu, waraanni Sudaan keessaa babal'ataa adeema yoo ta'e Itoophiyaan michooma UAE waliin qabdu cichite Sa'udi Arabiyaadhaan lakki na dhiisi yoo jetti ta'e Itoophiyaan illee waraana kana keessa osoo hin jaalatiin seenuu dandeessii waan ta'ef dhimmi kuni dhimma murteessaadha.

Sababa kanaaf, aangawoonni ishee waan kana sirriitti xiinxalanii akkamiin wal deemsisuu akka qaban imaammata isaanii bocuu qabu jechuudha.

BBC: Yaada keessaniif guddaa galatoomaa.

Dr Bizunaa: Isinillee galatoomaa.