UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti mudate irratti ibsa kenne

Madda suuraa, UN
Waldhabdee afaan qawweetin hiikuuf yaaluun balaa caalu malee gara furmaatatti kan geessu hin ta'u jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirgoota Namoomaa muddama Tigraay keessatti uumame hordofuun ibsa baaseen.
Komishinarri Olaanaan Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii walitti bu'iinsi tibbana Mootummaa Federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti uumame akka itti hin fufnee fi qaamonni hundi walitti bu'iinsa kana hammeessuu irraa akka of qusatan gaafateera.
Komishinarri Ol'aanaan Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyooota Gamtoomanii, Volker Turkii ibsa Kibxata har'aa baasan irratti, walitti bu'iinsi dhiheenya kana Mootummaa Federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti uumame haala mirga namoomaa fi gargaarsa namoomaa kaaba Itoophiyaa duraanuu rakkoo keessa jiru balaadhaaf saaxilaa jira jedhan.
Komishiinarichi akka jedhanitti, "haalli jiru baay'een jijjiiramaa waan jiruuf daran hammaataa akka deemu sodaa qabna.
Walitti bu'iinsi naannawa sanatti uumamu haala hamaa mirga namoomaa fi namoomaa naannicha keessa jiru daran hammeessa," jedhan.
Itti dabaluudhaanis, qaamoleen lammanuu waldhabdee hidhannootti fayyadamuun hiikurraa akka of qusachuu qabuu jedhe.
Rakkoo jiru ''deeggarsa hawaasa addunyaatiin, marii siyaasaa fi tarkaanfiiwwan wal amantaa uumuun furmaata itti fufiinsa qabu" gochuu akka qaban dubbataniiru.
Torban muraasa dura naannoo bakka naannoleen Tigraay fi Amaaraa itti waldaangessan, keessumaa bakka Tselemet jedhamutti haleellaan diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaan raawwatamuu kan gabaafame yoo ta'u, walitti bu'iinsi loltoot TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti uumamera.
Komishinarri Ol'aanaan Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyooota Gamtoomanii, Volker Turkii yeroo waldhabdee kanaa fi wal dhabdeen booda namoonni nagaan gama lachuutii ajjeefamuu, dararamuu fi ukkaamfamuu dhagahuun akka isaan yaaddessu dubbataniiru.
''Haala waldhabdeen hammaataa dhufe keessatti rakkoon lammiileen siiviilii irra gahu deebi'ee hammachuufi gama lamaaniyyuu hidhata waliin qabdu jechuun hidhaan lammilee nagaarra gahu dhaabachuu qaba,'' jedhan.
Komishiinarichi waldhabdeen tibbana Itoophiyaa fi biyya ollaa Ertiraa gidduutti uumames yaaddoo nagaa fi tasgabbii ta'uu ibse.
Haalli kun yoo hammaate qormaata mirga namoomaa biyyattii fi Gaanfa Afrikaa keessatti kan hammeessudha jedhe.

Madda suuraa, UN
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanis ibsa torban darbe keessa baasaniin UN, Gamtaa Afrikaa fi michoota naannoo waliin ta'uun waldhabdeen kun naannoo Tigraayitti deebi'ee akka hin kaane gargaaruuf qophii ta'uu ibseera.
Waraaana waggaa lamaa booda jaarsummaa Gamtaan Afrikaatiin waliigaltee Piritooriyaan bara 2022 kan mallatteeffame yoo ta'u, hojiirra oolmaa isaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessattis hirmaanna gochaa tureera.
Komishinii Gamtaa Afrikaas mootummaan federaalaa fi TPLF haala naannicha keessa jiru akka isaan yaaddesseefi mootummaan federaalaafi TPLF dubbii hammeessurraa akka of qusatan, akkasumallee mariif taa'an waamicha dhiyeessera.
TPLF gama isaan filannoon isaa jalqabaa marii ta'uu ibsee, waamicha araaraa fi marii Gamtaan Afrikaa taasise fudhachuuf qophii ta'uu isaa ibsee ture.
Ergaasii asiis garuu TPLF mootummaan federaalaa waraana marsaa biraa Tigraayitti banuuf qophaa'aa jira jechuun himateera.
Gareen kun ibsa Wiixata, Guraandhala 09 baaseen kana kan beeksise yoo ta'u, naannoo Tigraay keessatti waraana marsaa biraa eegaluuf mootummaan federaalaa qophii guddaa gochaa akka jiru himeera.
Mootummaan federaalaa humna waraanaafi loojistikii guddaa gara Tigraayitti sochoosaa akka jiru ibsuun, "waraana balaafamaa marsaa biraa gaggeessuuf of qopheessaa jira jechuun mootummaa himateera.















