Haala Itoophiyaa keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa' akka jiru UN ibse

Madda suuraa, Abiy Ahimed
Ibsi dubbi himaa Barreessaa Olaanaa dhabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa haala Itoophiyaa irratti kenname akka jedhutti barreessaa olaanaan dhaabbatichaa muddama mootummaa federaalaa fi garee TPLF gidduutti deebi'ee bifa haaraaan ka'e itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru eereera.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutrees Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti waldhabdeen haammachuu fiwalitti bu'iinsi mudachuu gabaasalee ba'uu hordofee yaaddoo qabaachuu ibsi kun akeekera.
Haalli nageenyaa hammaataa dhufe kun lammiilee nagaa balaadhaaf saaxiluu fi naannoo durayyuu sababa walitti bu'iinsa gaaga'amni guddaan irra gahe daranuu kan hammeessu ta'uu akeekkachisera.
Naannoon sun gaga'amaa waraana waggaa lamaaf irra ga'e irra dandamachuuf waggoota dheeraa kan itti fudhatu ta'ee utuu jiruu haalli sana ammees deebi'ee akka uumamu taasisuun waan hin mallee jedhe dhabbatichi.
Guteres ibsa karaa Dubbi Himaa isaaniitiin kennaniin, Tigraay keessatti taateewwan tibbana mudata jiran ilaalchisee baay'ee yaaddoo qaba," jedhaniiru.
Waraanni Tigraay Sadaasa bara 2020 eegale lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman,galaafachuun miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'ee ture.
Waliigaltee nagaa bara 2022 gidduu galeessummaa Gamtaa Afrikaatiin taasifame hordofuun Piritooriyaatti erga mallatteefamee as waraanni guddaan dhaabatus, wal himannaa fi qocolloon darbe darbee taasifamaa turee jira.
Akka UN jedhutti, gabaasaaleen yeroo dhiyoo as bahan akka mul'isanitti muddamni walitti bu'iinsaa fi waldhabdeen sun akka dabalu taasisu heddummaataa dhufeera.
Kun ammoo ummata fi qooda fudhattoota biroo heddu kan yaaddessaa jira akka ta'e ibsameera.
Barreessaa olaanaana UN qaamoleen dhimmicha keessa jiran hundi of gara walabdeetti deemurra akka of qusatanii fi marii karaa nagaa irra deebi'anii akka taasisan gaafataniiru. .
"Qaamoleen hundi of-eeggannoo akka tssisan fi garaagarummaa jiru marii karaa nagaa fi tarkaanfiiwwan amantaa deebi'anii ijaaruuf kaayyeffataniin akka rakkoo kana hiikan waamicha dhiyeessa," jedha ibsichi.
Yoo kana hin taanee carraa fi foyya'iinsi waligaltee nagaa sana booda taasifame duubatti deebi'ee balaadhaaf saaxilamuun waan hin oolle akka ta'e dhabbatichi kan akeekkachiise.Akkasumallee gara waldhabdee bal'aa fi tasgabbii naannoo irratti haala hammataa gissisuu hin qabne irratti ammarraa furmaatni waaraan itti kennamuu barbaachisas jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii tattaaffii nagaa Itoophiyaa keessatti taasifamu deeggaruuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi'anii kan mirkaneessan, Barreessaan Olaanaan dhaabbaticha, UN Gamtaa Afrikaa fi michoota naannoo waliin haala muddamni umame kun deebi'ee tasgabbaa'utti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta'uu ibsan.
"Barreessaa olaanaan Dhaabbatichi Gamtaa Afrikaa fi michoota naannoo waliin ta'uun nagaa naannoo Tigraayitti akka bu'uuf gargaaruuf qophii ta'uu isaa irra deebi'ee ibsa," jedha ibsi dubbi himaa kun
Gamtaan Afrikaa dhukaasa dhaabuu bara 2022 gidduu seenuun gahee giddu galeessaa kan taphate yoo ta'u, hojiirra oolmaa isaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessattis hirmaanna gochaa tureera.
Komishinii Gamtaa Afrikaa ibsa tibbana baasenis mootummaan federaalaa fi TPLF haala naannicha keessa jiru akka isaan yaaddesseefi mootummaan federaalaafi TPLF dubbii hammeessurraa akka of qusatan akkasumallee mariif taa'an waamicha dhiyeessera.
TPLF gama isaan filannoon isaa jalqabaa marii ta'uu ibsee waamicha araaraa fi marii Gamtaan Afrikaa taasise fudhachuuf qophii ta'uu isaa ibseera.












