Qabxilee ijoo 5 murteen marii biyyaalessaa keessa darbuun Heeraafi Seera ta'u

Xumura marii biyyaalessa

Madda suuraa, ENA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Mariin biyyaalessaa Itoophiyaa xumuramuu fi yaadni murtee xumura qophaa'uun tibbana erga ifoomee as itti aanee maaltu ta'aa kan jedhu yaadota ka'aa jiraniidha.

Hirmaattotni marichaa murtoo tokkorra ga'uun adeemsa Marii Biyyaalessaa keessatti tarkaanfii guddaa ta'uu kessummootni xumura sagantaa sana irratti argaman kan dubbatan.

Haa ta'u malee, yaadni murtoo dhiyaate sun kallattumaan heera mootummaa keessatti fooyyeffama ykn ammoo seera biyyaa ta'ee ba'a jechuu miti.

Bu'aan mariichaa gara heeraafi seeraatti jijjiiramee hojiirra ooluuf adeemsa keessa darbuu qaba. Adeemsi inni keessa darbuu kunneen isaan kami?

Manneen murtii Federaalaa fi naannoleetti Abukaatoo fi gorsaa seeraa kan ta'an Dr. Naatolii Fayyisaa akkataa heerri fi seerri biyyattii jedhu irratti hundaa'uun itti aanee maaltu akka ta'u waan BBC'tti himan qindeessinerra

Dr. Naatoliin Heerra Itoophiyaa bara 1995 bahe, keewwata 104 fi 105 jalatti heerri biyyatti akkamiin fooyy'aa kan jedhu akkasumas adeemsa maalii keessa akka darbu ifatti kaa'uu eeru.

Haa ta'u malee, barreeffamni kun Heerri biyyaatti jalqabarraa ka'ee hanga hojirraa oolutti adeemsa akkamii keessa darba isa jedhu utuu hin taane, yaada murtoo marii biyyaalessa dhiyaate kana booda maaltu itti aana kan jedhu irratti xiyyeefata.

Erga komishiiniin marii biyyaalessaa waan irratti waliigalame dhiyeessee booda adeemsi ittiin gara heeraafi seeratti jijjiiramuu gurguddoon shan kan armaan gadiiti.

1. Murticha ifoomsuu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Komishinichi sirna cufiinsa marii isaa keessatti murtoowwan irratti waligalme qopheessee xumuruu isaa ifatti beeksiseera.

Haa ta'uu malee qabxiwwaan ijoo adda baafanii irratti mari'atamaa ture sana irratti maal irratti walii galamee, maal irratti ammoo walii hin galamin inni jedhu bal'inaan hin ifoomne

Hirmaattootni maricha irratti hirmaatan tokko tokko dhuunfaan maaltu akka murtaa'e barreessaa, akkasumas miidiyaalefis gaaffi fi deebii kennaa turaniiru.

Haa ta'uu malee dhimmoota irratti waliigalame ilaalchisee ibsi ummataa fi qaamolee bakka bu'oota ummataaf ifoomsuu kan eeggamuudha.

Komishiinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Prof. Masfin Arayaa murteen yaa'iin kun dabarse bakka dhimmi ilaalutti qajeelfamee, deebi'ee naannooleefi bulchiinsota magaalaa bira ga'a jedhaniiru.

Dr. Naatoliin labsii hundeeffama komishiiniichaa wabeeffachuun akka himanitti komishinichi erga waldhabdee siyaasaaf yaadoota furmaata barbaadu jedhe qopheessee booda mana maree bakka bu'oota ummataaf ykn qaama sanadoota sana qabuuf aangoon kennameefitti akka dabarsu himan.

Yaadicha qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessinaan yoo angoon dabalataa labsii biraan kennameefin alatti komishiinichii hojii isaa ni goolaba.

Kanaaf yaadota furmaata barbaaduu jedhamanii adda baafaman kana eenyutu itti aanee hordofa?

Akka Dr. Naatoliin jedhanitti qaamni itti aanee yaada murtoo kana mirkaneessuu fi raggasisuuf aangoo qabu qaamolee sadii.

Isaanis Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, Mana Maree Federeeshii fi miseensoota Federeeshiinii Naannoleeti.

Sadarkaa raggaasifamurra utuu hin gahin garuu ummanni, paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa sivilii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon maaltu akka murtaa'e iftoominaan ni beeksifamu.

Kun ammoo maal irratti waliigalame, maal irratti garaagarummaan yaadaa jira akkasumas wantoonni biroo gara fuulduratti marii dabalataa barbaadan maal akka ta'an beekuuf gargaara.

-

Madda suuraa, ENDC

2. Adda baasuu

Yaadonni murtoo kun erga ibsamee fi qaamolee dhimmicha hordofuuf aangoo qabaniif dabarfamee booda akkaataa sadarkaa isaanitti qoqqoodamuun adda baafama.

Dhimma kana gareen qaamolee sadan jechuunis Manni Maree Bakka Bu'oota ummataa, Mana Maree Federeeshii fi Naannolee irraa bakka bu'an akkasumas gareen ogeeyyii kana adda baasuuf qophaa'uu mala jedhan Dr. Naatoliin.

Yaadawwan murtoo dhumaa sana keessaa kanneen Heera mootummaa fooyyessuu barbaadan akkasumas kanneen seera idilee, imaammata mootummaa ykn haaromsa dhaabbilee qofaan hojiirra ooluu danda'u ni calalamu.

Kun dhimma murteessaa dha. Sababani isaa yaadni murtoo marii biyyaalessaa hundi kallattiidhaan heera keessa galaa jechuu akka hin taane himu ogeessi seeraa kun.

Yaadota dhimma Heeraa ilaallatan irratti adeemsi fooyya'iinsa Heeraa akkaataa sirna Heeraa Itoophiyaa keessatti tumameen eegalama.

Kan gama seera biyyaa fi labsiiwwaniiniin tumamuu danda'anis adeemsa mataa mataa isaaniin qophaa'u

Kanaaf qabxii kana keessatti yaadawwan murtoo dabalataa barbaadan jiraachuu malu.

Fakkeenyaaf dhimmi gara filannoo ummataatti ykn Refireendamin gaggeefamutti geessuu boordii filannoo biyyaaleessaa hirmaachisuufatti akka deemuu danda'u Dr. Naatolii Fayyisaa kan ibsan.

3. Wixinee qopheessuu

Erga yaadonni Heera fooyyessuu barbaadu, seera haaraa tumuu barbaadu ykn labsii fi dambiin qofa bahuu barbaadan addaan baafamanii booda wixineen isaanii ni qopheeffama.

Fakkeenyaaf murtoon Heera ilaallatan, akkaataa foyya'iinsa heeraa tumameetin wixineen fooyya'iinsa heeraa qophaa'ee paarlamaaf dhiyaata.

Akkasumas yaadaota seera haaraa barbaadan irratti wixineewwan seeraa qophaa'anii qorannoo seeraa fi teeknikaa keessa darbu.

Adeemsi kun marii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gaggeeffamus dabalachuu danda'a.

Sadarkaa kanatti wixineen qophaa'an murtoowwaan haaraan dhiyaatan, kanneen duraan hojirra oolaan ykn haaroman waliin walitti madaqsuu gaafata.

Yoo yaadni haaraan akka heeraafi seeratti tumamu dambii ykn aangoo dhaabbilee tokkoo waliin walfaallaa ta'e, seerri ykn dambiin jiru fooyya'uu ykn haqamuu danda'a.

Yoo immoo yaadni sun seera jiru waliin walsima ta'e, gara raggasifamuutti kan geeffamu ta'uudha ogeessi seeraa kun kan dubbatan.

4. Raggaasisuu fi labsuu

Paarlamaa Itoophiyaa bara 2025

Madda suuraa, FMC

Wixineewwan qophaa'an kunneen qaamolee raggasisuuf aangoo qabaniin(paarlamaa) irratti mari'atamee akkaataa seerri biyyatti ajajuun raggasifamu.

Akkamiin raggaasifama?

Mana maree bakka bu'oota ummaataa irraa, Mana maree federeeshiinii fi federeeshiinii naannolee irraa sagalee caalmaa harka 2\3ffaa yoo argate ni raggaasifama.

Erga adeemsa olii keessa darbee dhiyaatee sagalee caalmaa kana hin arganne taanaan marsaa kanatti kufuu danda'a.

Adeemsa kana keessa darbee erga paarlamaan raggaasifamee boodammoo akkaataa seeraan labsamuun uummataaf ifa akka ta'u dubbatu Dr. Naatoliin

Yaadotni tokko tokko ammoo seera haaraa qofa osoo hin taane, haaromsa dhaabbilee mootummaa barbaaduu danda'u.

Haala kana keessatti dhaabbileen mootummaa dhimmi ilaallatu karoora raawwii qopheessuu, itti-gaafatamummaa fi qabeenya ramaduu, yeroo raawwii murteessuu fi adeemsa hordoffii kan caasessan ta'a jechuudha.

Fooyya'iinsi Heeraa ykn seerri haaraan adeemsa kanaan erga ragga'ee booda, akka seera biyyattiitti ifatti labsama. Gaazexaa irrattis ni maxxanfama.

Kanaaf qabxiin kun adeemsa waliigaltee siyaasaa gara seerafi heeraatti jijjiiruuf isa murteessaa fi barbaachisaa dha.

5. Hojiirra oolchuu

Heera mootummaa

Tarkaanfiin xumuraa seera ykn fooyya'iinsa heeraa ragga'e gara hojii qabatamaatti hiikuu dha.

Qaamoleen seera raawwachiistotaa- manneen murtii, bulchiinsonni naannolee fi qaamoleen biroo dhimmi ilaallatu seera bahe kana hojirra oolchu.

Kanaaf dhaabbileen mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu kunneen leecalloo fi karoora hojii qopheessuun raawwii isaa hordofu.

Haala kanaan mariin biyyaalessaa tibbana xumuramuun ibsame, murtoo xumurame utuu hin taane gara sadarkaa haaraa fi murteessaa ta'e biratti darbuu mul'isa.

Qaamoleen seera baasanii fi tuman kunneen murtoon dhiyaate gara seeraatti jijjiiramuuf adeemsa seeraa hin guunne ykn hirmaannaa gahaan taasifamuu dhabuurraa kan ka'e madda wal-dhabbii siyaasaa haaraa uumuu danda'a jedhanii shakkan kuffisuu danda'u.

Harki lama sadaffaan jechuun sagaleen caalmaan yoo kuffise, yaadootni dhiyaatan hunduu utu fudhatama hin argatin ykn gara seeratti hin jijjiiramin haalli ittin hafuu danda'u jira jedhu Dr. Naatoliin.

Kana jechuun deeggarsi seeraa komishiinichi yaadotni sunneen seera ykn heera akka ta'aniif dirqisiisuu hin jiru jedhu.