Naannoo Tigraay haleellaa diroonii bakkeewwan sadiitti raawwatameen namni tokko du'uu poolisiin ibse

Madda suuraa, Enticho Town Communication
Naannoo Tigraay godina Giddu-galeessaa keessatti magaalota argamaniifi aanaa tokko keessatti Jimaata halkaniifi har'a ganama haleellaawwan diroonii raawwatamuu maddeen BBC mul'isaniiru.
Haleellaa diroonii magaalaa Inticcoo jedhamtu keessatti raawwatameen lubbuu nama tokko yoo darbu, namni biraan tokko ammoo madaa'uu poolisiin magaalattii BBC Tigirinyaaf ibseera.
Wayita mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay irra deebiin walitti bu'insatti galuu ibsamaa jirutti haleellaan diroonii kan raawwataman Jimaata Amajji 30, 2026 irrattidha.
Haleellaan kunneen kan raawwataman magaalota Inticcoo fi Gandabataa, akkasumas aanaa A'iferoom keessatti ta'uu poolisiifi maddeen himaniiru.
Haleellaawwan diroonii magaalota Inticcoo fi Gandabataa keessatti raawwataman konkolaataawwanirratti kan xiyyeeffatan ta'uun ibsameera.
Ajajaan poolisii magaalaa Inticcoo Tasfaay Maaree akka dubatetti, magaalattii keessatti konkolaataawwan lamarratti haleellaan diroonii raawwatameera. Haleellaawwan kunneenis halkan keessaa sa'aatii 9 hanga 10 yeroo jiru keessatti raawwatamuun ibsameera. i
Boombiin diroonii kan irra bu'e "gabbiinaawwan konkolaatawwaniirra" ta'uu kan dubbatu ajajaan poolisii magaalattii kun, haleellaa kanaan shufeeriin tokko lubbuun isaa akka darbe beeksiseera.
Gargaaraan shufeerichaa (konkolaachisichaa) tokko ammoo miidhaan irra gahee gara hospitaalaa geeffamuu himeera.
Akka ajajaan poolisii kun dubbatutti, konkolaataawwan haleellaan irratti raawwatame konkolaataa fe'umsaa ISUZU fi FSR "nyaataafi shaqaxa daldalaa" fe'atanii turan.
Waajirri Komunikeeshinii Mootummaa magaalaa Inticcoo haleellaa kana ilaalchisuun fuula Feesbuukii isaarratti odeeffannoo baaseen, "konkolaataawwan kanneen keessaa tokko muuzii" fe'atee akka ture ibseera. Makiinaan (konkolaataan) inni biraa ammoo kan fe'atee ture "zayitaa fi shaqaxoota gara garaa" akka ta'e barreesseera.
Fuula Feesbuukii Komunikeeshinii magaalattiirratti odeeffannoo baheen suurri konkolaataawwan fe'umsaa lama waliin baheera.
Konkolaataawwan fe'umsaa lamaan keessaa tokko gabbiinaa teessuma konkolaachisaarra miidhaan gahee mul'ata. Fe'umsa konkolaataa shaaraan marame keessaa gama tokkoon saaqamee kan mul'atu yoo ta'u, karaa gama irraa saaqameen muuziitu mul'ata.

Madda suuraa, Enticho Town Communication
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti gadhiifame tokko namoota konkolaataa haleellaan irratti raawwatame keessaa nama tokko uffataan maranii yeroo baasaniifi lafa kaa'an ni mul'ata.
Bakka sana ammoo namoonni uffata dambii poolisii uffatan, akkasumas daandii qarqararratti walitti qabamanii jiraattonni ilaalan ni mul'atu.
Suurri biroo Komunikeeshiniin magaalaa Inticcoo maxxanse gidduurraa jalqabee shaaraan fe'umsaa isaa kan tarsa'e konkolaataa biraa kan agarsiisudha.
Karaa sharaa tarsa'ee kanaan kaartoniiwwan, jarkaanii zayitaa kelloo fi wantota dhugaatii fakkaata pilaastikaan saamsaman jiru.
Lafarratti ammoo zayita djhangala'aa pilaastikaan saamsame lafa taa'eefi jigee mul'ata.
Haata'u malee, BBCn sirrummaa viidiyoo kanaa addatti hin mirkaneessine.
Haleellaan magaalaa Gandabataatti raawwatames haaluma walfakkaatuun konkolaataarratti kan xiyyeeffate akka ta'e ajajaan poolisichaa fi maddeen kaan ibsaniiru.
Maddeen BBC Tigirinyaa dubbise akka ibsanitti, ganama barii naannoo sa'aatii 11 fi walakkaa irratti konkolaataan haleellaan irratti raawwatame "barbaree fi shaqaxawwan daldalaa biroo" qabatee ture.
Haleellaawwan magaalaa Gandabataa fi aanaa A'iferoom keessatti raawwatamaniin namarra miidhaan ga'uu isaa hin baramne.
Bulchiinsi magaalaa Inticcoo gamasaatiin, "haleellaan diroonii bakkeewwan biroottis dabalamuu waan danda'uuf, hawaasni of eeggannoo cimaa" akka taasisuuf hubachiiseera.
Mootummaan federalaa fi humnoonni Tigraay dhuma torban darbeerraa kaasee walitti bu'insa keessa galaniiru.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bakkawwan naannoleen Tigraay, Amaraa fi Affaar itti wal daangessan irratti walitti bu'insawwan Jimaata kaleessaa ibsa baaseen mirkaneesseera.
Dirooniin haleellaa kana raawwatte jedhame eessaa akka dhufeefi kan eenyu akka ta'e wanti himame hin jiru.
Mootummaan federaalaas haleellaa diroonii jedhame kanarratti ammatti waan jedhe hin qabu. BBCn maddeen mootummaa federaalaa irraa iyyaafatee mirkaneessuun yaalii taasisu itti fufee odeeffannoo argate ni dhiyeesse.















