Allaamaaxaa fi Kooramitti maaltu ta'e?

Madda suuraa, RAYA ALAMATA COMM.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa fi humnootni federaalaa magaalota Allaamaaxaa fi Kooram keessaa bahuun wayita gabaafamaa jirutti jiraattonni nageenya isaaniif yaadda'uun baqachaa jiraachuu BBC'tti himan.
Walitti bu'iinsi ka'uu danda'aa fi "tarkaanfiin hidhattoonni fudhatan nu yaaddessa" jechuun gara ollaawwan naannoo isaaniitti baqachaa jiraachuu himan jiraattonni.
Jiraataa Allaamaaxaa, akkasumas aangawaan duraanii naannichaa fi mootummaa yeroo Tigraay jalatti Kantiibaa magaalaa Allaamaaxaa kan turan Obbo Zinaabuu Dastaa muddamni dhalachuu fi jiraattonnin qe'ee gadhiisanii baqachaa akka jiran himan.
BBC'n kan dubbise eenyummaan isaanii akka ibsamu kan hin feene namni tokko Allaamaaxaa keessaa baqachuun gara Qobboo deemuu himan.
"Amma [Kamisa] Qobboo jirra. Siree waan jedhamu hin jiru. Sireewwan qaalii ta'an qofatu hafe" kan jedhan jiraataan kun "Maatii kan qabu maatiitti kuun immoo siree lama sadii ta'anii qabachaati kan jiran" jedhan.
"Dargaggoonni hedduun kan bahaa jiran ukkaamfamanii dirqiin gara waraanaa guuramuu dheeffafi. Hunduu dheessuu barbaada," jedhan.
Koomaandipoostiin jechuunis hidhattoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi federaalaa mataasaanii qofa baraaruu jalqaban. Isaan mooraa isaanii dhiisanii wayita bahan uummanni deemsa miilaatiin bahuu eegale," jedhu.
Kamisa ganama konkolaataa tokkoon namoonni bahan akka jiran eeree, " amma konkolaataanis dhorkamee, hin baasan," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni magaalaa Roobii A.L.I Amajjii 20/2018 halkanii eegalee miilan akka bahan ibseera.
"Miilaan daggala keessa deemanii [bahan]. Amma immoo karaa daggalaa kanas dhageenyan cufanii jiru," jedhu jiraartaan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa fi humnoonni federaalaa mooraadhaa bahanii "gara dhummuugaatti duubatti deebi'an yoo jedhan rifannee jirra," jechuun miira uummata keessatti uumame ibsan.
Magaalaa Allaamaaxaatti waajjiraaleen bulchiinsaa garaagaraa gara iddoo tokkootti walitti qabamuu eegaluu yoo dhagahamu "gara galgalaa aangawoonni Tigraay waajjiraalee qabachuu eegalan," jechuun ibsan.
Raayyaan Ittisaa fi humnoonni federaalaa Roobii halkan sa'aatii 8 hanga 10 tti bahuu eegaluusaanii dubbatu.
"Namoonni nagaa rifaatuudhaan halkan sa'aatii shanittis, jahatis bahuu eegalan" jechuun BBC'tti himan.
Jiraataan kun dabaluunis, "dhukaasni wayiituu hin turre, waajjira wayii yoo too'atan alaabaa fannisu, samiitti ol dhukaasu, walitti dhukaasuun hin turre, Armii 24, Armii 33 kan jedhaman baay'inaan seenaa turan," jedhan.
Sodaa nageenyaaf maqaan isaanii akka himamu kan hin feene qondaalli duraanii naannichaa tokko humnoonni federaalaa magaalaa gadhiisanii kan bahan halkan sa'aatii saddeetii kaasee ta'uu BBC'tti himan.
"Iddoo falmisiisaadha, federaalaatu to'ata ture, caasaan mootummaa gam-lachuu diigamee, komaandipoostiin bula ture" jedha.
Aangawaan duraanii kun dabaluunis "amma garuu guutuutti raayyaan ittisaa waan baheef halkan hidhattootaan namni hidhamaa ukkaamfamaa bule, saamichis raawwatamaa jira, jiraattonni hedduun gara Qobboo fi Waldayaatti dheessuun bahaniiru."
Naannichatti dhukaasi wayiituu akka hin turin jiraattonni BBC'tti himanii, "Humnoonni Tigraayi armiiwwan garaagaraa siksaa waan turaniif humnoonni federaalaa humna isaanii walitti qabachuuf jedhanii" bakkichaa osoo hin bahin hafuu akka hin oolle akeekanii jiru.
Haalli bakkichaa mul'atu "gara walitti bu'iinsaatti waan geessu fakkaata" kan jedhan aangawwan duraanii kun, raayyaan ittisaa amma gara Qoobboo fi Cobii deemee qubachaa jiraachuu himu.
"Humnoonni Tigraay duraanis magaalaa fi baadiyyaa keessa hinuma jiru ture" jedhu. "Yakkoonnii garaagaraa yoo raawwatamanis humnoonni turan kan wal hin madaalle waan turaniif raayyaan ittisaas, poolisiinis dhaabsisuu hin danda'an ture" jedhu.
Yeroo ammaa "guutumaan guututti naannoon sun humnoota Tigraay jala" akka jiru ibsan. "Sodaan shororkaa fi yaaddoo olaanaan" akka jiru himan.
Bulchiinsa yeroo Tigraay jalatti kantiibaa magaalaa Allaamaaxaa kan turanii fi ammaan tana haala magaalichaa kan itti dhiyeenyaan hordofaa jiran Obbo Zinaabuu Dastaa, "Guyyoota lamaa sadi dura waraanni Maaytsabrii fi Tsallamtiitti eegaleera" jechuun BBC'tti hima.
"Ammas akkuma bara 2013, 2014 fi 1015 dhumaatiin dargaggeessaa eegaleera. Dafee yoo hin dhaabbanne uummanni Tigraayi keessumaa haawwan Tigraay kan dhuman ta'a" jechuun yaaddoo qaban ibsatan.
Roobii halkan raayyaan ittisaa fi humnoonni federaalaa bahuu mirkaneessanii "amma magaalattiitti muddamni guddaan dhalate" jedhan.
Sa'aatii ammaa kana "namoonni ukkaamfamaa jiru" kan jedhan obbo Zinaabuun "naannawa riizoor jedhamuu fi buufata poolisii Raayyaa Allaamaaxaatti buufatni namoonni itti hidhaman" jiru jedhan.
Komaandiipoostichi akka naannicha gadhiisee baheen to'annoo humnoota Tigraay jala jiraachuu eeranii uummanni jeequmsa kanaan rifatee yaaddoo keessa galuu himan.
Raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni federaalaa yeroo bahan " dhukaasi akka hin turre" himanii "amma garuu sagaleen dhukaasaa dhagahamuu haa baatu malee naannicha duumessa lolaatu jira" jedhan.
"Uummanni muddamaa fi sodaa guddaa keessa jira. Hidhamaa, saamamaa jira. Seer-dhablummaan (saragummaan) babal'ate" jechuun BBC'tti himan.
BBC'n bulchiinsa yeroo Tigraayirraa hanga gabaasni kun qindaayetti deebii hin arganne. Jiraatonni BBC'n dubbise, aangawaan duraanii bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Zinaabuunis "hanni, hidhaa fi ukkaamsuun" raawwatamaa jiraachuu himanis BBC'n qaama walabaarraa himannaawwan kanneen qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Taatee waytaawaa kanarratti bulchiinsa yeroo Tigraayii fi mootummaa federaalaa irraa hanga yoonaa ibsi kenname jiraachuu baatus naannawa biraatti raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsi dhalachuu maddeen dippiloomaatii himan.
Tajaajilli Oduu Faransaay fi Rooytarsi maddeen nageenyaa fi dippiloomaatii eeruun akka gabaasanitti Tsallamti iddoo jedhamuttii guyyoota darban walitti bu'iinsi jiraachuu mirkaneeffatan.
Kamisa immoo Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii Finfinnee gara iddoowwan Tigraay garaagaraa godhu adda kutuu imaltoonni, aangawaan naannichaa tokkoo fi maddeen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa BBC'f mirkaneessanii jiru.
Waraanni waggoota lamaaf naannichatti gaggeeffame waliigaltee nagaatiin erga dhaabbatee waggoota sadi lakkoofsisus haalli ammaa kun waraana biraa akka hin dhalle sodaa uumeera.
Taateewwan naannichaa guyyoota lakkoofsisan kanneenirratti mootummaan Itoophiyaa fi bulchiinsi yeroo Tigraay himaa hin jenne.












