Raayyaa Ittisaa fi humnoota Tigiraay gidduu walitti bu'insi jiraachuu maddeen dippilomaasii himan

Madda suuraa, Amensisa Ifa/BBC
Mootummaa Federaalaafi Humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu maddi oduu Faransaay AFP fi Rooyitars maddeen tikaa fi dippilomaasii eeruun gabaasan.
Kaaba Itoophiyaa bakka naannoleen Amaaraa fi Tigraay itti wal daangessanitti jalqaba torban kanaarraa kaasee walitti bu'iinsi deemaa jiraachuu oduun agarsiisan dhaga'amaa turanis, ragaa qabatamaa argachuun rakkisaa ta'ee tureera.
Walitti bu'iinsi kun kan ka'e bakka Tsallamt jedhamu naannoleen Amaaraa fi Tigraay kan kooti jechuun irratti wal falmaa jiraniifi naannawaa to'annoo naannoo Amaaraa jala jiranitti ta'uu kan eere maddi oduu kun, maddi tikaa tokko "haalli isaa hammaataa deemaa jira" jechuun akka itti himan ibseera.
Dabalataan, maddi dippilomaasii maqaan isaanii akka dha'amu hin barbaadne AFPtti akka dubbatanitti, humnoonni Tigraay, "raayyaa Ittisaa Itoophiyaa fi milishoota Amaaraa" waliin wal lolaa jiru.
Maddi kun itti dabaluun, "guyyoota darban keessa walitti bu'iinsawwan akka turan kan mirkanaa'edha, haata'u malee har'a [Kamisa] waa'ee haala jiruu wanti beeknu hin jiru," jedhan.
Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee Abiy Ahimad Obbo Getaachoo Raddaa gaafa Roobii fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti , "namoonni dhuunfaa dheebuu aangoo qaban TPLF keessa jiran…Tigiraayiin gara waraana marsaa biraatti galchuuf sochii taasisaa jiru" jechuun Tigirinyaan barreessaniiru.
Pirezidantiin duraanii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachoon, haala walitti bu'iinsi gaggeeffamuu akeekuun hoggantoonni TPLF tooftaa waraanaa dargaggoota Tigiraay miidhaaf saaxilu hordofaa jiraachuu eeruun, "…kanaan booda aarsaa hin malle hin kaffalu jechuun mormii kee dhageessisi" jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Jiraataan naannoo sanaa akka maqaan isaanii hin dha'amne barbaadan tokko walitti bu'insi gaggeeffamuu mirkaneessaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, AFP Raayyaa Ittisaa Federaalaa fi TPLF'f gaaffii dhiyeessee deebii eegaa jira.
Haaluma walfakkaatuun Rooyitars madda dippilomaasii eeruun, "torban kana keessa Tigiraay Lixaa keessa walitti bu'insi ture," jechuun kunis raayyaa ittisa biyyaafi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamuun isaa gabaafameeera.
Walitti bu'insicha ilaalchisee mootummaan federaalaas ta'e bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.
Kana hordofee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balaliiwwan Tigraayirraafi gara Tigraaayitti taasisu "Sababa karooraan ala ta'een" addaan cituu imaltootaaf ergaa barreeffama gabaabaan kaleessa galgala erga beeksiseen booda guyyaa har'aa [Kamisa] balaliiwwan addaan citaniiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Geejibaa Naannoo Tigraay Obbo Taaddalee Mangistuu balaliiwwan addaan cituu BBCf mirkaneessanii, odeeffannoo bal'aa garuu akka hin qabne har'a ganama dubbataniiru.
BBC'n Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa ifatti ibsa argachuufyaaliin taasise hanga ammaatti milkaa'uu baatus, hojjetaan Daandii Qilleensaa maqaan isaanii akka hin dha'amne barbaadan tokko akka ibsanitti "balaliiwwan har'a [Kamisa] qofaaf haqaman, haata'u malee balaliiwwan guyyoota itti aananiif haala jiruun kan murtaa'u ta'a" jedhan.
Kun osoo kanaan jiruu, mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti waraanni ka'uu danda'a yaaddoo jedhuun jiraattonni naannoo Tigraay maallaqa isaanii baafachuuf gara baankiiwwanii baayyinaan deemuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Maddi oduu Rooyitars itti dabaluun, aanga'aan olaanaa naannoo Tigraay tokko balaliiwwan xiyyaaraa maaliif akka addaan cite mootummaa federaalaa irraa ibsa gaafatee deebii akka hin argatiin dubbateera jedheera.
Mootummaa federaalaas ta'e Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaliiwwan gara Tigraayitti taasifamu addaan cituu ilaalchisee ibsi kennan hin jiru.












