Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Tigraayitti taasisu haqe

Xiyyaara Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian Airlines

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaliiwwan gara buufataawwan xiyyaaraa magaalota naannoo Tigraay gara garaa keessatti taasisu haquun dhaga'ame.

BBC Tigrinyaa akka mirkaneeffatetti ergaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa imaltootaa ergame, 'haala hin eegamiin mudateen' balaliin haqamuu beeksise.

Haaluma kanaan gara magaalota guddoo naannichaa Maqalee dabalatee balaliin Aksum, Shiree fi Humaraatti taasifamu haqameera.

Gabaasaan BBC Tgrinyaa Maqalee waajira tikkeettii Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa balaliin har'aa akka haqamee fi hojjetoonni Daandii Qilleensaa mana akka turaniif itti himamuu mirkaneeffateera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maamiltoota isaaf balaliin haqamuu erguun alatti ammatti ifatti waan jedhe hin qabu.

BBCn balaliin haqamuu ilaalchisee Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa ibsa argachuuf yaaliin taasise ammatti deebii hin arganne.

Haata'u malee, aanga'aan Daandii Qilleensaa maqaan isaanii akka dha'amu hin barbaadne balaliiwwan gara Tigraayitti taasifaman addaan cituu mirkaneessaniiru.

Aanga'aan Daandii Qilleensaa Itoophiyaan kun akka ibsanitti, "balaliin kun har'a [Kamisa] qofaafidha kan haqame; haata'u malee balaliiwwan guyyoota itti aananii haalota jiraniin kan murtaa'an ta'u," jechuun murtee kanaaf sababiin maal akka ta'e ibsuurraa of qusataniiru.

Waa'ee balaliin gara magaalota naannoo Tigraayitti taasifamu haqamuu kan gaafataman itti-gaafatamaan Tiraanispoortii naannichaa Obbo Taaddalee Mangistuu, balaliin addaan cituu mirkaneessanii, odeeffannoo dabalataa garuu akka hin qabne BBCtti dubbataniiru.

Ergaa tikkeetti haqame agarsiisu

Kun osoo Kanaan jiruu, miseensonni Humna Ittisa Biyyaalessaa Itoophiyaa (ENDF) fi poolisii federaalaa magaalota gurguddoo kibba Tigraay akka Alaamaaxaa fi Kooram keessaa bahaa jiru jedhameera.

Raayyaan Humna Waraanaa kaleessa ganamarraa kaasee bahuu kan jalqabe yoo ta'u, daangaa naannolee lamaan – Amaaraa fi Tigraay gidduu buufateera.

Miseensonni poolisii federaalaa ammoo kaleessa galgala Koram fi Alaamaaxaa gadhiisanii bahuu BBC Tigrinyaa maddeen amanamoorraa mirkaneeffateera.

Bara 2022 waraana waggaa lamaaf kaaba Itoophiyyaatti gaggeeffamaa tureen Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara buufataalee xiyyaaraa magaalota naannicha agara garaatti taasifamu addaan kutee truun isaa ni yaadatama.

Balaliin gara naannoo Tigraayiitti taasifamu sababa waraanaan addaan citee tures wayita mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduutti waliigalteen nagaa mallattaa'e gara magaalota naannoo Tigraayitti balali'uu jalqabe.