Seenaa Waliigaltee Piriitooriyaa waraana Tigraay xumuree kan hin dubbatamiin

Gama mootummaa irraa Redwan Huseen, Jaarsummaa kan turan
Uhuru Kenyatta fi GamaTPLF'n Getachoo Reddaa

Madda suuraa, AFP

Waliigalteen nagaa waggoota lama dura tajjabdummaa Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaatiin akkasumallee jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin Piritooriyaatti mallattaa’ee waraana kaaba Itoophiyyaa keessatti dhiiga dhangalaasaa ture xumuruu isaatiin kan jajamu yoo ta’u, ammas dhimma irratti dubbatamu ta’ee itti fufee jira.

Gama tokkoon waliigaltichi ummata Tigraay waggoota lamaaf waraana hamaa keessa tureef boqonnaa argamsiiseera. Gama biraatiin namoonni waraana kanaan miidhaman hin bayyanannee. Buqqaatonni guutummaatti hin deebine. Bu’uuraaleen misoomaa waraana kanaan barbadaa’an irra caalaan isaaniis akka hin deebine jiraattonni kan dubbatan.

Jila mariisistoota keessaa tokko kan ta’ee fi yeroo ammaa gorsaa diinagdee fi hooggansa Pirezidaantii yeroo Tigraay kan ta’an Asefaa Abrehaa (Injinar) haala waliigaltichaa fi dhiphina yeroo sana ture duubatti deebi'uun BBC yaadachiisaniiru.

"Guyyoota dhiphinaan guutaman torba".

Akka gabaasa Komishinii Qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti waraanni baatii Onkoloolessaa 2013 ALI eegale naannoo Tigraay irraa ka'ee naannoo Amaaraa fi Affaar gahuu fi keessumattuu naannoo Tigraay keessatti dhiittaa mirga namoomaa hamaa fi muddama uumeera.

Waraana kana xumuruuf carraaqqiin nagaa Jibuutii fi Seelshiyees keessatti godhame. Xumura irratti lola hadhaawaa sana kan dhaabe waliigalteen Piritooriyaa waggaa lama dura baatii kana keessa raawwatame.

Hawaasni addunyaa marii ergamaa addaa Ameerikaa gaanfa Afrikaa Maayik Hameriin durfamu kana hawwiin eeggaa kan ture yoo taa'u, mseensa garee marii kanaa kan ta'e obbo Asefaa Abrahaan adeemsa yeroo sana ture waan yaadatan akkasiin ibsu.

''Yeroo mariif achi teenye haalli lafarra jiru baayyee walxaxaa ture. Sababni isaas lola cimaatu deemaa ture. Gariin isaanii osoo achi teenyee mari’achaa jirruu dandeettii waraanaa fooyya’aa qabna jedhanii waan amananiif guutummaatti balleessuuf yoo danda’ame marii sana duubatti deebisuuf yaalaa turan jedheen yaada.

''Gama biraatiin gama Tigraayiin haalli jiru gaarii hin turre, guyyaa guyyaan wareegamni ulfaataa kaffalamaa ture. Hunda caalaa ammoo ololli 'Korum seenne, Mekele geenyee' jedhu nu jeeqe. Warruma Jaarsummaa taa'anillee ololli kun dhiibbaa irra ga'eera." jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraannii marsaa sadaffaa yeroo sana deemaa ture diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaan geggeeffamaa ture, gama lachuu yeroo dheeraaf qophaa'aa waan tureef ulfaataa akka ture himama.

Waraanni mootummaa Shiree cabsee Aksuum fi naannawa ishee to'atee ture. Gaarreen Adwaa keessatti harkaaf harkan hanga wal qabachuutti taasifamaa ture.

Kana malees lola cimaan gama Affaariin geggeeffamaa waan tureef 'Magaalaa Mekele to'annee jirra' oduun jedhu deeggartoota mootummaatiin bal'inaan tamsa'aa ture.

Obbo Asefaan haala adda waraanaa jalqabaa kan 'baay'ee 'yaaddessaa' jedhee ibsu marii sana irratti dhiibbaa guddaa geessisaa ture jedhee amana.

"Guyyoonni kurnan sun guyyaa guyyaan fooyya'iinsa (waliigaltee) waliin gara fuulduraatti akka tarkaanfatamu taasisuu utuu hin taane, falmii hamaa fi bu'aa hin qabne keessa galle" jedhan.

Keessumaa mariin guyyoota torbaa idilee bu'aa malee erga xumuramee booda miirri namatti hin tolle uumamuus dubbataniiru.

Dhiibbaa pirezidaanti Keeniyaataa

Guyyoota jalqabaa torba bu’aa malee waan hafeef ‘’guyyoonni dabalataa sadii’’ isiniif kennina’’ waan nu jedhaniif mariachi itti fufe jedhan Obbo Asaffaan.

Guyyoota sadii keessatti waan abdii namaaf kennu mul’ate kan jedhan Obbo Asaffaan kutannoo warra nu mariisisanii itti dabalamee ija godhachuu himan.

Bakka bu’aan Gamtaa Afrikaa ‘’dhimman qaba’’ jechuun dursanii deemaniiru.

Bakka Olegun Obaasaanjoo kan bu’an Uhuuruu Keeniyaataa dhimmicha cimsanii qabachuun marii jabaan jalqabe.

Pirezidaanti Keeniyaataan garee lamaan irra nama lama lama harkisanii fudhachuun gara MM Abiy Ahimeditti bilbiluun guyyoota sadii keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisuu qabna jechuun ejjennoo guddaa fudhatan.

Guyyichi Jimaata tahuu kan himan Obbo Asaffaan bakki itti marii gaggeeffamus ni jijjiirame jedhan.

Pirezidaanti Keeniyaataan bakka ofii buufate Hoteela Hiiltan keessa galma jiru tokkotti nu galchuun dhimmoota kanneen irratti waliigaluu qabdu, osoo walii hin galiin asii hin baatan jechuun galma nutti cufuun hanga halkan keessaa sa’a sagaliitti nu tursiise’’ jedhan.

Akka isaan jedhanitti marii dhugaa fi bu’a qabeessa tahe isa duraa caalaa gaafa sana gaggeeffame.

Pirezidaanti Keeniyaataan dhimmicha cimsanii yeroo qabatan sanatti dhimma kana karaa nagaa xumuruu dandeenya abdii jedhu nu keessatti hore jedhan.

Haala kana keessa osoo jiranii halli qabatamaan lafa irra jiru hammaachaa adeemuu, waraanichi akka malee hammaachuun lubbuun namaa harca’uu himan.

Ajajoonni humna waraanaa mootummaa osoo mariachi hin xumuramiin ariitiidhaan magaalaa Maqalee galuuf fedhiin qaban guddaa tahuu dhageenye jedhan.

‘’Kallattii afurii fi shan tahuun waraanni guddaan gaggeeffamaa ture.

Garee lamaan irraa lubbuu namaa akka balaa harca’aa ture. Aarsaa guddaan kan kaffalame karaa keenya natti fakkaata.

Karaa Eertiraa dabalatee kallattii adda addaan dhiibanii waan galaniif haalichi hunduu nutti ulfaatee ture’’ jedhan.

‘’Haaluma akkasii keessatti dursummaa pirezidaantii duraanii Keeniyaataa Uhuuruu Keeniyaataan dhimmoota bu’uuraa irratti waliigaltee irra geenye. Guyyaa Sanbata duraa fi Dilbataa irra sanadoonni wlaiigaltichaa qophaa’e. Wixineen biraa walii mallattesinu ammoo qophaa’uun gaafa Wiixataaf bule.’’

Keeyyata waliigalticha diiguuf turte

Dhuma irratti mariin marsaa lammaffaa xumuramuun wlaiigaltichi mallattaa’uuf yeroo gaazexeesitoonni waamamanitti, danqaan hin eegamne tokko mudate.

Kunis sanadicha irratti qabxiin hin eegamne tokko dabalamee argamuu isaati.

Keeyyanni dabalame maal ture?

Daangaa fi dhimmoota wal dhabdee irra jiru karaa heera mootummaa furra kan jedhu irratti erga waliigallee keewanni kana irraa bahe tokko irratti dabalamee argine jedhan Obbo Asaffaan.

‘’Innis Rifirandamii ykn sagalee uummataan hanga murtaa’utti bakkeewan wal falmisiisoo tahan kunneen harka mootummaa federaalaa jala akka galan waliigalleerra’’ jedhu ture jedhan.

Namoota mootumma afederaalaa bakka bu’uun maricha irratti argaman gidduu dhimmoota tokko tokko irratti waliigaluu dhabuun akka jiru hubadheera jedhan Obbo Asaffaan.

Mootummaa bakka bu’uun maricha irratti kan argaman Redwaan Huseenii fi Dr Geediyoon Ximootiyoos dabalatee namoota torba yoo tahan fedhii adda addaa argisiisanii ture jedhan.

Naannoo Affarii fi Amaaraa waraana marsaa lammaffaa gaggeeffameen haalaan miidhamaniiru.

Marii kana irratti dhiibba kallattii qabaatu amantaa jedhu akka qaban Obbo Asaffaan himaniiru.

Keessumaa waraanichi jalqabuu hordofee humnootni Amaaraa nuuf mala jechuun bakkeewan adda addaa qabachuun isaanii maricha irratti yaaddoo guddaa uumee ture jedhan.

Boru waliigalticha mallatteesinee nagana gara biyyaatti galla jennee yeroo abdii godhannetti daqiiqaa dhumaatti waan akka malee nama dhiphisu tokko mudate.

Obbo Asaffaa Abirahaam miira yeroo sana mudate akkasiin ibsu.

‘’Keessumaa Getaachoo Raddaa fi Jeneraal Tsaadqaan kan as dhufneef nagaa barbaacha malee eenyummaa dhalattoota Tigiraayii fi qabiyyee isaanii irratti murtee dabarsuuf miti. Sana gochuuf aangoo isaa hin qabnu. Kan barbaaddan kana yoo tahe nagaa buusuu hin barbaaddan jechuudha, gara dhufnetti deebina jechuun uffata isaanii uffachuun deemuuf ka’anii ture,’’ jedhan.

Adeemsa marichaa fi haala mudate ilaalchisee yoo ibsan….

‘’Karaa keenya haalli itti dhiyaate qindaa’aa ture. Yaada yoo qabaanne hogganaa jilichaatti yaadannoo qabannee ergina ture.

Haa tahu malee ejjennoo garaagaraa hin qabnu ture. Karaa warra kaanii [mootummaa] garuu akkas hin turre. Amaara irraa, Affaar irraas turan. Oromoo irraas turan. Federaala irraa qaamolee adda addaa bakka bu’uun waan jiraniif sababoota adda addaa uumuun akka waliigaltichi hin mallattoofne kan barbaadanis jiru ture.

Akkamiin dhumarra gahe?

Mariin guyyootaaf gaggeeffamaa ture osoo nagaa barbaadamu hin fidiin xumurama jedhee gaddeen ture kan jedhan Obbo Asaffaan, pirezidaanti Keeniyaataan dhuma irratti jala muranii dubbatan jedhan.

‘’Nuyi guyyoota hedduu isinii kennineerra. Ammas sa’aatii lama qabdu. Miidiyaaleen ibsa kennamu fudachuuf afeeramaniiru. Kanaaf mariachi xumuramuu qaba. Xumura hin argatu taanaan garuu waliigalteerra gahamee ture. Warreen Tigiraay bakka bu’anii dhufan waliigaltee nagaa akka raawwatu barbaadu. Garuu sababa keessaniif [mootummaa federaalaa] jedheen isin balaaleffadhee labsa’’ jechuun isaanii Obbo Asaffaan yaadatu.

Dhuma irratti keewwanni dhimma wal falmii tahe sun mariif kan dhiyaatu iyyuu miti jechuun guutummaan akka wixinicha keessaa bahu godhame ejdhan.

Kana booda sanadni qophaa’e mallattaa’uun hojiitti hiikamuu jalqabe. Osoo sa’atiiwwan hin fudhatiin wlaiigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahamuun hojiitti hiikame jedhan.

Piriitoriyaan wal-qooduu TPLF’dhaaf sababaa?

Waliigaltee Piriitooriyaa kan mallatteesse TPLF shororkeessummaan labsamu jalaa bilisa bahus hamma yoonaa garuu beekamtii hin arganne, akka haaraatti akka galmaa’uuf murtoo kennames hin fudhanne.

Hogganooti paartii, dura taa’aa dhaabichaa Dabiratsiyoon Gabiramikaa’el(PHD) fi ittaanaa isaanii Obbo Getaachoo Raddaa gidduu wal-dhibdee uumameen dhaabbichi lamatti hiramee wal-himachaa jiru.

Obbo Asaffaan waliigaltee Piriitooriyaa irratti ‘’bulchinsi yeroo haaraa’’ hundaa’uufi keewwatani jedhu diigamuu hogganaa TPLF dhaaf sababa akka tahe dubbatu.

‘’Haala qabatamaa lafarra jiruun bu’aa gaarii fidneerra jennee amanna. Tahus Geetaachoo fi Jeneraal Tsaadiqaan Piriitoriyaa irraa deebi’uu isaaniin dura siyaasni TPLF waajira ‘’haalaniiru’’ jechuun isaan himate. Gariin keeyaafis maqaa addaa addaa nuu kennan. Waliigalteen kuni diigamee biyya ganuun akka hidhaman koree gidduugalaaf yaada dhiyeessaniiru,’’ hojiirra garuu hin oolle.

Obbo Asaffaan ‘’bulchiinsi yeroo’ waliigalteen jedhu hogganoota TPLF Maqaleetti hafanii turan irratti yaaddoo uumeera jechuun, ‘’mootummaa yeroo hirmaachisaa tahe haa hundaa’u waan jedhameef aangoo kan irraa fudhatamu hogganni itti fakkaate jira,’’ jedhu.

‘’Qaamoti kanaan hin gammanne turan’‘

Akkaataa waliigaltee kanaan kibba Tigraayi fi aanaa Tsallamtitti buqqaatota deebisuu fi hojiin deebisanii diiguu taasifamus namni lakkoofsa guddaa qabu dhimmi kibba Tigraayi ammayyuu furmaata akka hin arganne dubbatu.

Dhimmi naannolee falmisisoo ‘’walabummaa Tigraayi heeraan kenname kabajuu’’ fi waliigaltee Piriitooriyaa wajjin kan wal-qabatu yoo tahu gama biraan ammoo humnoonni Tigraay meeshaalee gurguddoo deebisanii kennan illee guutummaan guutuutti hidhanoo hiikachuu dhiisuun isaanii dhimma ka’u dha.

‘’Dhugaa dubbachuuf karaa mootummaa federaalaa dhimmicharratti ejjennoon tokko hin jiru. Sababa kanaan dhimmooti harkifan jiru. Gama keenyaan waliin dhaabbannee hojiirra oolmaasaaf isa dalagne caalaa walitti shiruu gidduu keenya jiruuf yeroofi humna baayyee balleessineerra,’’ kan jedhan Obbo Asaffaan walitti bu’insi akka hin kaaneefi waliigalteen dubbatti akka hin deebineef soda qabu.

Piriitooriyaattii keewwatni waliigaltee gufachiisuuf ture sanada irratti jiraachuu baatus qabatamaan iddowwan falmisisoo tahan harka mootummaa federaalaa tahuunisaanii eeruun, ‘kan eegan refarandamiin hanga taasifamu osoo hin taane dabarsanii hamma nu kennanitti dha dhimmi walharkaa fuudhuu harkifateera, ‘’ jechuun dubbataniiru.

Dabaluunis naannichatti fedhiin humnoota baayyee jiraachuu akka hubataniifi waliigaltee Piriitooriyaan qaamoti gammadoo hin taane akka jiran eeru.

‘’Wliigaltichi durumaa kan namni hundi fudhateefi itti gammade hin turre. Motummaan Eritiraa mormii akka qabu ifaa ture, boodarra wiixinee isa jalqabarraa waliigaltee irra akka gahamae hubate. Tahus isa booda ‘’na gantan’ jechuun waliigalticha gufachiisuuf hojjechaa ture,’’ jedhu Obbo Asaffaan.