Raawwiin waliigaltee nagaa Piritooriyaa "hanqina qaba" -Gabaasa

Bakka bu'oonni mootummaa Federalaafi TPLF yeroo waliigaltee nagaa mallatteessanitti

Madda suuraa, AFP

Raawwiin waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf dhiiga hedduu dhangalaase "qaawwa guddaa" akka qabu waldaan waloo Sivilii 'Africanx for the Horn' jedhamu beeksise.

Walitti bu'insi mootummaa Federalaafi TPLF gidduu ture akka dhaabbatuuf waliigaltee nagaa ji'oota saddet dura mallattaa'e kan gamaggame dhaabbanni kun gama nageenyaa, dhiyeessii gargaarsa namoomaan, akkasumas eegumsa namoota nagaatiin fooyya'insi jiraatullee qaawwii nagaa kana yaaddoo keessa galchu akka jiran eerameera.

Gabaasa gamaggama fuula 25 qabuufi gaafiifi deebiin namoota baayyee, akkasumas odeeffannoowwan uummtaaa baayyee qabate kana keessatti raawwiin waliigaltee nagaa qaawwa baayyee akka qabu mulliseera; yaadawwan furamaataas dhiyaataniiru.

Gabaasni dhaabbata kanaa qaawwi mul'atan tokko tokko saaba hanqina waliigaltichi qabuurraa kan ka'e yoo ta'u, kanneen biroo ammoo hanqinoota raawwii irraa kan ka'e ta'uu mul'iseera.

Waraanni Tigraay keessatti ajjeefamuufi qaamaa hir'achuu namoota nagaatiif sababa ta'e kun dhaabbatullee, bakkawwan ammallee "humnoota alaatiin" qabamanitti ammallee nageenyi namoota nagaa haala hamaa ta'e keessa jira jedheera.

Rakkoowwan kunneenis bakkawwan to'annoo Ertiraa jala jiraniifi humnoonni Amaaraa to'atanii jiran keessatti ta'uu gabaasni kun eeraara.

Waliigaltee nagaan boodas Lixaafi Kibba Tigraay keessatti haleellaan namoota nagaa irratti raawwachaa jiraachuu gabaasaaleen bahaa akka jiran kan kaase gabaasni dhaabbatichaa, bakkawwan kunneen ammoo bakka qaamoleen walaba ta'anii to'atanillee qaqqabuu hin dandeenye ta'uun himameera.

Loltoonni Ertiraa Tigraay bakkawwan tokko tokko keessa jiran ammoo eegumsa namoota nagaaf taasifamuu qaburratti dhiibbaa uumeera jedha gabaasichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka waliigaltee nagaa Piritooriyaafi sanada hojiirra oolmaa Naayiroobiitti mallattaa'etti humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddoo kan hiikkatan humnoonni alaafi humnoonni naannolee raayyaa ittisa biyyaatiin ala ta'an Tigraay keessaa yeroo tokkicha bahaa jiranitti akka ta'e eerameera.

Haata'u malee, humnoonni Ertiraafi naannoo Amaaraa naannicha keessa jiran naannoo Tigraay keessaa hin ba'iin kan jiran yoo ta'u maqaan isaaniis yakka raawwachaa jiraachuun wal qabatee ka'aa akka jiru himama.

Bakkawwan nananoleen Tigraay fi Amaaraa irratti wal falman nageenya waara'aatiif murteessaa ta'ullee murtee waliigaltee nagaa Piritooriyaan ala taasifamuun isaas ibsameera.

Qaawwi biraan gabaasni kun mul'ise ammoo dhimma namoota kuma dhibbaan lakaa'ama buqqa'aniiti.

Lammileen buqqa'an kunneen gara qe'ee isaaniitti kan hin deebi'iin jiraniifi rakkoo hamaa keessa jiran ilaalchisee hubannoon gahaan akka hin jirre eereera gabaasn kun.

Tajaajilawwan bu'uuraa sababa waraanaatiin addaan citee ture deebiyanii tajajaila kennuu jalqabanillee, tajaajlawwan fayyaafi barnoota waliin walqabatan ammallee haala barbaachisaa ta'een kennamaa waan hin jirreef ijaarsi taasifamuu feesisa jedheera.

Qaawwi biraan gabaasni kun adda baaseera jedhe dhimma aangoo qaama hojiirra oolmaa waliigaltee kana hordofu Gamtaan Afrikaa ogeessota walitti fiduun hundeesseeti.

Qaamni akka waliigaltee nagaa Piritooriyaa akka to'atuuf Gamtaa Afrikaa hundeesse kun sarbamoota jiran ifatti gabaasuudhaaf aangoo akka hin qabneefi humna nagaa gahaas kan hin qabne ta'uun isaa akka qaawwa biraatti mul'ateera.

Koreen Hordoffii, Mirkaneessuufi Kabachiisuu Nagaa Gamtaa Afrikaa raawwii nagaa kana ilaalchisuun akka hordofuuf kan waliigalame ji'oota ja'aaf ta'ullee, hanga Mudde dhufuutti dheereffamuun isaa ni yaadatama.

Koreen kun qaama waliigaltichaa kan ta'e adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu, loltoota bittimsanii deebiyanii dandamachiisuu haala gaariin raawwatamuu isaa kanaan dura beeksiseera.

Adeemsa humnoonni Tigraay meeshaa hiikkachiisuun walqabatee milkaa'inni gaariin jiraatus, deebisanii akka dandamatan taasisuu hojiiwwan akka fayyaa sammuufi tajaajilawwan qoor-qalbii isaanii dhinsuun walqabatee ammallee hanqinni jiraachuu ibseera gabaasichi.

Dabalataanis waraana tureen hedduu kan miidhaman dubartoonniifi qaamoleen hawaasa gara garaa qaama adeemsa nagichaa ta'uu dhabuun isaanii caalaa akka miidhaman taasisuu agarsiiseera.

Tigraay keessa bakka bal'aa ammallee dhaabbileen hawaasaa sivilii walaba ta'aniifi gaazexxessitonni qaqqabuu dhabuun isaanii eegumsiifi haala namoonni ngaa keessa jiran guutummaan guutuutti gamagamuun akka hin mijoofne kaasa gabaasichi.

Keessumaa Tigraay Lixaafi Kibbaatti, akkasumas bakkawwan to'annoo Ertiraa jala jiran akka Kaaba Tigraay keessaa odeeffannoo walitti qabachuun rakkisaadha jedheera.

Gareen Gamtaa Afrikaa dhimma kana to'atus bakkawwan kanneen akka hin qaqqabne dhorkamuun isaanii himameera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti mudatee ture mootummaa Federaalaa cinaa hiriiranii kallattiin kan keessatti hirmaataa turan humnoonni naannolee Amaaraafi Affaar qaama waliigaltee ta'uu dhabuun isaanii hanqina waliigaltichaa kan agarsiiseefi nageenya waaraa fiduuf gufuudha jedheera gabaasichi.

Waliigalteen nagaa walitti bu'insa dhaabuu qaamoleen waaraanaa hunda hanga hin hammatiinitti nagaa guutummaatti mirkaneessuun hin danda'amu jedheera.

Dhaabbanni raawwii waliigaltee nagaa kana gamagame kun gargaarsi addaan hin cinneefi waaraa namoota waraana kanaan midhaman akka qaqqabu gochuu keessatti waadaan galan akka raawwatan hubachiisuun, lammilee buqqa'aniif ammoo immaammata baasuun beekamtii seeraa kennuun faluu kan jedhu yaada furmaataa dhiyeesseera.

Mootummaan Federaalaa naannoo Tigraay keessatti haleellaawwan namoota nagaafi bu'uraalee misoomaarratti humnoonni raawwataa jiran jiraachuu, akkasumas miidhaa qaqqabaa jirus' ifatti abaaruu qaba jedheera gabaasni kun.

Dabaltaanis "Humnoonni Ertiraa daangaawwan Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan waamicha taasisuu akka qabu" kaa'eera.

Gareen Gamtaa Afrikaa dhimma kana hordofus danqaawwan mudachaa jiran ifatti akka ibsuuf gaafateera.

Dabalataan gareen Gamtaa Afrikaa kun dhimmoota akkaataa waliigalteetiin hin raawwatamiin ilaalchisuun ifatti dubbachuuf aangoo akka qabaatuufis waamicha dhiyeesseera.