Waraana Iraan diinagdee ishee tasgabbii dhorkeef karoorri Chaayinaa maali?

Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Chaayinaan ammallee balaa waraana Baha Giddugaleessaa hin dhandhamne, garuu danbaliin isaa bira ga'uu hin hafne.

Karoora yeroo gabaabaaf Chaayinaan boba'aa ji'ootaaf ishee ga'u kuusaa keessaa qabdi, yoo dhumate garuu ollaashee- Raashiyaa tumsa gaafachuutti deebi'uu dandeessi.

Garuu kana jechuun karoora yeroo dheeraa keessatti hiika akkamii akka qabaatu xiinxalaa jirti.

Karoora investimentii Baha Giddugaleessaa qofaaf osoo hin taane, mul'ataa fi hawwii bal'aa qabdu keessatti dhiibbaa inni qabu xiyyeeffannaan hordofuutti jirti.

Torbee kana qondaalonni Paartii Koministii Chaayinaa walga'uun egeree biyya diinagdeenshee addunyaarraa lammaffaarratti argamuu mari'ataa jiru.

Kamisa darbe Chaayinaan galma guddina diinagdee erga bara 1991 as isa xiqqaa ta'e kaa'achuu ibsitee turte.

Duraanuu daldalaan walqabatee Ameerikaa waliin waldhabdee kan jirtu Chaayinaan, ammammoo haalli Baha Gidduugaleessaa keessa jiru itti dabalamee baayyee rifachiise.

Dooniiwwan daldalaa Chaayinaa irra jireessaan biyyoota Galoo Galaanaa keessa yabalu, biyyattiin boba'aa gara caalu karaa kanaan galchatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni US-Israa'el fi Iraan kun yoo dheerate, dhiibbaan inni Chaayinaarratti qabus dabalaa deema.

Keessattuu Ulaan Hormuz cufamuu kan turu yoo ta'e kan baayyee miidhamu Chaayinaadha.

Dhaabbata Royal United Services Institute jedhamu keessa kan hojjetu Philip Shetler-Jones ''jeequmsi fi waraanni Baha Giddugaleessaa biyyoota Chaayinaaf murteessoo ta'anis ni miidha,'' jedhe.

''Fakkeenyaaf diinagdeen Afrikaa maallaqa Galoo Galaanaa irraa argamuun kan utubamedha. Yoo rakkoon naannawa kanatti mudate diinagdeen biyyoota Afrikaas rakkoo keessa gala. Kun ammoo fedhii bal'aa Chaayinaan qabdu irratti dhiibbaa qaba.''

Haala kanaan investimentiin Chaayinaa kan biyyashee keessa jiran qofa osoo hin taane kan isheen biyyoota Afrikaa fi biyyoota Galoo Galaanaa keessaa qabdu ni miidhama jechuudha.

Dhaabbata barnootaa Landan King's College jedhamutti daarektara inistitiyuutii China Lau kan ta'e Pirofeesar Kerry Brown, ''Chaayinaanis akkuma warri kaan yaadanitti yaadaa jirti,'' jedha.

''Amma karoorri jiru maali? Tapha akkamiitu taphatamuuf deema? Ameerikaan galma tokko malee waan kanatti akka hin seene mirkana.''

Iraan akka michuu Chaayinaatti...

Biyyoonni lixaa hedduun Iraan akka michuu Chaayinaa taatetti hubatu.

Dhugumayyuu biyyoonni kunneen michummaa qabu. Hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii yeroo dhumaaf biyya alaa kan daawwatan bara 1989 ture, innis Chaayinaadha.

Yeroo daawwannaasaanii dallawa guddicha Chaayinaa Great Wall jedhamu biratti suuraa ka'an qabu.

Ayaatollaa Alii Kaameenii bara 1989, pirezidantii yeroo sanaa Chaayinaa Yang Shangkun waliin, maagaalaa Beejiingitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ayaatollaa Alii Kaameenii bara 1989, pirezidantii yeroo sanaa Chaayinaa Yang Shangkun waliin, maagaalaa Beejiingitti

Hariiroon biyyoota lamaanii kan cime wayita Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing bara 2016 Iraan daawwatan ture.

Biyyoonni lameen bara 2021 walga'uun michummaa waggaa 25f turu walii mallatteessaniiru.

Chaayinaan waggoota 25 kana keessatti Iraanitti investimentii doolaara Ameerikaa biiliyoona 400 baasu hojjechuuf waadaa seenteetti. Bakka kanaa Iraan ammoo boba'aan gara Chaayinaatti akka geejjibsiifamu eeyyamteetti.

Garuu akka xiinxaltoonni jedhanitti maallaqa Chaayinaan waadaa seente keessaa muraasatu Iraan qaqqabe, boba'aan ammoo Chaayinaarraa dhaabbatee hin beeku.

Giddugalli Imaammata Anniisaa Center on Global Energy Policy jedhamu Chaayinaan bara 2025 boba'aa jikitaa baarmeelii miiliyoona 1.38 gara biyyashee galchite jedhe.

Kun baayyina boba'aa jikitaa biyyattiin akka waliigalaatti galchitu keessaa dhibbeentaa 12 ta'a.

Chaayinaan boba'aa kunneen hedduusaanii odeeffannoo irra jiru jijjiiruun ykn dhoksuun maqaa Maleeshiyaan seensisaa turte jedhamuun himatamti.

Iraan fi Chaayinaan meeshaalee waraanaas walitti daldaluun himatamu. Chaayinaan garuu misaa'ela farra doonii waraanaa Tehraanitti gurguruu waakkatteetti.

Tiki US ammoo Chaayinaan injinaroota Iraan leenjisuun, akkasumas qaama meeshaalee dhiheessuun sagantaa misaa'elaa Iraan tumsiti jechuun himate.

Qaamoleen mirga dhala namaaf falmina jedhan mootummaan Iraan teeknooloojii basaasaa fi fuula namootaa ittiin adda baasan kan Chaayinaan dhiheessiteef fayyadamuun hiriirtotaa fi kanneen mootummaa qeeqan humnaan cabsuu himatan.

Haalli kun biyyoonni lameen michuuwwan ta'uu mul'isa.

Kun hundi walitti dabalamee isa biyyoonni lixaa Chaayinaa fi Iraan walitti michoomsuun Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa waliin toora tokkotti ramadan waan mirkaneessu fakkaata.

Ammoo biyyoonni eeraman kunneen afranuu addunyaa olaantummaa USn durfamtu hin fedhan. Garuu dhugaan jiru hariiroon biyyoota kunneenii dantaa fi faayidaa akkasumas haala yeroo irratti kan hundaa'udha.

''Hariiroon Chaayinaan Iraan waliin qabdu hundeensaanii cimaa miti. Garuu ishee fayyadeera. Garuu bu'uura jabaa hin qabu,'' jedha Pirof. Brown.

Hariiroon Chaayinaa kun akka warri lixaa itti yaadan osoo hin taane faayidaa yeroof jedhameeti.

Chaayinaan waliigaltee waraanaa Iraan waliin mallatteessite tokkollee hin qabdu. Wayita biyyoonni michootashee jedhaman rakkoo keessa galanis tumsuutti hin ariifattu.

Beejiingi walitti bu'iinsa kam keessattuu qooda fudachuurraa of qusatti.

Waraana kana keessatti ga'ee akkamii ba'achuu dandeessi?

Hariiroon Chaayinaa fi Iraan akka biyyoonni lixaa yaadan miti jechuun Chaayinaan waan Baha Giddugaleessaa keessatti mudataa jiruun hin miidhamtu jechuu miti.

Beejiing waraana kana balaaleffachuun hatattamaan akka dhukaasi dhaabbatu waamicha dhiheessiteetti.

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Wang Yi ''US fi Israa'el haleellaan isaan Iraan irratti banan fudhatama hin qabu. Hogganaa biyyattii ajjeesanii jijjiirama sirnaa fiduuf deemuunis akkasuma,'' jedhan.

Tarkaanfiin US Amajjii darbe Venezuweelaa keessatti, amma ammoo Iraan keessatti fudhatte, michummaa biyyoota kunneenii fi Chaayinaa gaaffii keessa galcheera.

Chaayinaan taateewwan lameenuu moggaatti ba'uun daawwachuu filatteetti, michuuwwan ishee kunneeniif tumsa tokkollee hin gooneef.

Biyyi kun karaa naga qabeessa ta'een olaantummaa US qoruu ykn morkattuu cimtuu taatee argamuu feeti jedha Philip Shetler-Joness.

''Garuu gama humna waraanaa Ameerikaan tarkaanfii biyya humna waraanaa cimaa qabdurraa eegamu fudachaa jirti.''

Gama kaaniin Chaayinaan diinagdee cimaa qabbaattus hanga US humna waraanaa cimaa ta'e akka hin qabne mul'ateera jedha xiinxalaan kun.

''Yooma tarkaanfii fudhachuu barbaaddellee meeshaa waraanaa ittiin biyyoota kunneen tumsuun US irratti olaantummaa argattu hin qabdu,'' jedhe.

Shii Jiinpiing akka Doonaald Tiraamp kanatti tarkaanfii waraanaa barbaade fudhachuuf, biyya meeshaalee waraanaan US qoruu dandeessu ijaaruu qaba.

Buufata handaara galaanaa Shenzhen buufataalee oomsihaalee Baha Giddugaleessaa irraa seenan irratti hundaa'an keessaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata handaara galaanaa Shenzhen buufataalee oomsihaalee Baha Giddugaleessaa irraa seenan irratti hundaa'an keessaati

Dhaabbata Chaayinaa SOAS jedhamutti daarekatara kan ta'e Pirof. Istiiv Tsang, ''Chaayinaan warri lixaa fakkeessitota ta'uu gochi Tiraamp shakkii tokko mul'iseera jettee falmiti,'' jedhe.

Sababa waraana US-Israa'el fi Iraan kanatti dhiheessiin boba'aa yoo adda cite ykn hir'ate miidhaan inni kutaa addunyaa gara kibbaa irratti qabu kan biyyoota lixaa akkaan caala jedha.

''Biyyoonni garii ji'oota muraasa booda hanqina nyaataaf saaxilamuuf deemu. Biyyoonni kunneen kallattii addunyaa kibbaatti warra argamani. Ammoo biyyoonni lixaa kanneen akka UK, Ispeen, haleelamuu Iraan irratti US faana hiriiruu irratti qoqqoodiinsi mudateera.''

Chaayinaan, biyyoota kaan waliin ta'uun, biyya waraana kana mariin furuuf jaarsummaa mijeessiti jedhamtee eegamtudha

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Wang Yi gitasaanii kan Omaan fi Faransaay waliin dhimma kanarratti dubbachuu eegalaniiru.

Chaayinaan jila ergama marii araaraa qabate tokko gara Baha Giddugaleessaatti erguu ibsiteetti.

Qondaalonni Chaayinaa haleellaa US fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti eegalan ilaalchisuun himannaa dhiheessan keessatti hanga ammaatti maqaa Doonaald Tiraamp hin eerre.

Chaayinaan ammallee daawwannaa Tiraamp karoorfamee ture eegaa jirti. Tiraamp xumura ji'a kanaatti gara Beejiing akka imalu ibsameera.

Karoorri daawwannaa Iraan kun, waraana Baha Giddugaleessaa dura kan ibsame ta'us ammallee milkaa'uu danda'a jedhamuu eegamaa jira.